BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
'Dhimma qondaaltota ABO mana hidhaa jiranii qaama gaafannu wallaalle' - Abukaatoo
Qondaalota ABO olaanoon mana hidhaa jiran erga mana murtiitti dhiyaatanii waggaa caaleera jedhan abukaatoon qondaaltoota kanneenii Obbo Tuulii Baayisaa.
Sinodoosiin Ortodoksii dubbii MM Abiy Ahimad mormuun hiriira waamuf dhaadatte
Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mootummaan yoo seera hin kabachiifneef hiriira nagaa taasisuudhaan mirgi mana amantichaa akka mirkanaa’u akka qabsaa’u beeksise.
Waraana Kaaba Itoophiyaa
'Loltootni Eertiraa gara daangaatti siiqaan malee Tigraayii hin baane'-US
Loltootni Eertiraa Tigraay keessa turan akka mootummaan Federaalaa jedhu Tiagraay keessaa bahan osoo hin taane gara daangaatti achi siiqanii jechuun qondaala US awaabeffachuun Rooyitarsi gabaase.
Antoonii Bilinkan rakkoo Oromiyaa keessa jiru furuu irratti MM Abiy Ahmad waliin dubbatan
Ministirri Dhimma Alaaa US Antoonii J. Bilinkan haala tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessa jirutti xumura gochuun danda’amu irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) waliin haasa’uu isaanii dubbi himaan waajira haajaa alaa Need Piraayis himan.
Loltootni Eertiraa gidduugaleessa Tigraayii bahuu eegalan jedhan jiraattotni
Loltootni Eertiraa bakka baay'inaan buufatanii jiran gidduu galeessa Tigraay naannolee akka Aduwaa fi Aksuum keessaa bahuu eegaluu jiraattotni BBC'tti himan. Haa ta'u malee, dhimma kana irratti gareen to'annoo Gamtaa Afrikaa waan jedhe hin qabu.
Waraana Kaabaan wal-qabatee haqa cehuumsaa 'amanamaafi dhugaaf nan hojjadha’- KMNI
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen wal qabatee sarbama mirgoota namoomaafi yakkoota biroo kan ilaalu bulchiinsi haqa yeroo cehuumsaa “amanaafi iftoomina” kan qabu akka ta’uuf akka hojjatu, Daareektarri Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)tti Dr. Daani’eel Baqqalaa BBC'tti himan.
'Loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahan oduun jedhu dogoggora' - TPLF
Lotoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaniiru oduun jedhu soba ta'uu angawoonni Tigraay himan. TPLF yaada kana kan kenne Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaan Gamtaa Afrikaa Oluseegun Obasaanjoo loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaniiru jechuun erga dubbatanii booda.
Maaltu haasa'ama?
'Rakkoon mana kiristaanaa Ortodoksii keessa mudate mariin furamuu qaba' - MM Abiy Ahimad
Ministirrii Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waldhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti mudate mariin akka furamu gaafatan.
Dhaggeeffadhaa, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Muddama mana amantaa Ortodoksii keessatti mudateefi araara dhihaate
Muddamni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti mudate hordoftootaafi abbootii amantaa gidduu garaagartee uumeera.
Barattoota manneen barnootaa bultii addaa Oromiyaa fi Amaaraa 'haala rakkisaa' keessatti qabxii olaanaa fidan
Barattootni manneen barnootaa bultii addaa Oromiyaa fi Amaaraa haala rakkisaa keessatti akkamiin qabxii olaanaa fidan?
Waa'ee foon dheedhii soorannu wantoota beekuu qabnu
Yeroo ayyaanaa maatiifi firrii akkasumas ollaan yeroo walgahe foon dheedhii, diimaafi cooma, soorachuun Itoophiyaa keessatti waan aadeffamedha.
Ajaa'iba
Barumsaaf
Imaammata haaraa US godaantota Itoophiyaa fi Eertiraaf carraa akka banu abdatame
Itoophiyaa keessatti maqaan Ameerikaa gaafa dhahamu kan qalbii namaatti dhufu DVdha. Amma ammoo bulchiinsi Baayidan sagantaa haaraa eegaleera. Sagantaan kun kan irratti xiyyeefate godaantota irratti.
'Hospitaalonni Finfinnee Afaan Oromoo wallaaluun dhukkubsattoota balaa lubbuuf saaxilaa jira'- Qorannoo
Namootni Afaan Oromoo malee hin beekne sababa harki caalaan hospitaalota magaalaa Finfinnee Afaan Amaaraan hojjetuuf danqaa afaanii mudatuun dogongora waldhaansaa hanga du'aa isaan gahuuf saaxilamuu qorannoon ifa godhe.
Gibirri qabeenyaa ‘akka haaraatti’ dhufe maali? Itoophiyaatti akkamiin hojiirra oola?
Yeroo dhihootti bakka buutonni uummataa Itoophiyaafi manni maree Federeeshinii seera dhimma gibira qabeenyaa ilaallatu akka qopheessuu beeksisanii turan. Murtoo manneen maree lameen dabarsaniin naannolee irratti gibirri qabeenyarra kaa'amu, ''madaalawaa'' taha jedhaniiru.