Pireezidantoonni duraanii Itoophiyaa lamaan maaliitti jiru?

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Pireezdaantonni Itoophiyaa duraanii lameen akkamitti jiru?

Dr. Nagaasoo Gidaadaa Pireezidantii Mootummaa Riippabliika Federaalaa Diimookraatawaa Itoophiyaa jalqabaa ta'uun A.L.I bara 1987 gara aangootti dhufan. Har'a faayidaan akka Pireezidantii duraaniitti argatan tokko akka hin jirreefii mana keessa jiraatan keessaa akka bahaniif xalayaan itti barreeffamuu dubbatu.

Obbo Girmaa Waldagiyoorgis ammoo pireezidantii isa lammataa yoo ta'an marsaalee lamaaf dursaa biyyaa Itoophiyaa ta'aniiru. Obbo Girmaan faayidaa pireezidantii duraaniif malu seerri ajaju hunda argachaan jira jedhu.

Garaagarummaa kana maaltu fide?

Akkaataa Labsii mirgaa fi faayidaa dursitoota biyyaa fi mootummaa, qondaaltota mootummaa olaanoo, miseensota paarlaamaa fi abbootii seeraa aangoo gadi dhiisanii murteessuuf ba'e lakkoofsa 653/2009tiin pireezidantiin duraanii tokko, faayidaalee akka miindaa, mana jireenyaa fi waajjiraa, tajaajila fayyaa, geejjibaa, eegumsa fi kanneen biroo hedduu argata.

Aangoo gadi dhiisanii waggaa afuriif faayidaa fi tajaajila isaaniif malu argataa akka turan kan himan Dr. Nagaasoon, guyyaa isaan aangoo gadi dhiisan labsii kanatti kan ida'ame seera 'pireezidantiin duraanii siyaasa dhaabaatti yoo makame faayidaa isaaf malu hin argatu' jedhuun faayidaan isaan argatan jalaa haqamuu dubbatu.

"Kunis ta'e jedhamee akkan ani siyaasa keessatti qooda hin fudhanneef guyyaan ani aangoo gadi dhiise kan itti dabalame dha," jedhu.

Aangoo gadi dhiisanii waggoota afur booda mana mareef dhunfaan dorgomuun dura qondaaltota bordii filannoo gaafatanii, dhunfaan dorgomuun faayidaa isaanii akka isaan hin dhabsiifne mirkaneeffachuu isaanii BBCtti himanii jiru.

Goodayyaa suuraa Dr. Nagaasoon mana mootummaan duraan kenneef keessaa bahi jedhamanis ittuma jiru

Haa ta'u malee akkuma filatamanii mana maree galaniin faayidaan argataa turan irraa murame. Murtichis murtee siyaasaati malee kan seeraan walqabatu miti jedhu.

''Hojjettoonni mana keessaa sadii turani, biqiltuu kan kununsu ture, polisoonni turani, kana hundammoo kan qindeessuu nama tokkotu ture. Konkolaataa lama shufeerii wajjiin qaba ture.''

''Amma kun hundi hin jiru, Sharfee tokko. Hojii galii naa fidu miindaan hojjedhu hin qabu,'' jedhu.

Umurii ganna 74tti yuunivarsiitiiwwan biyya keessaa fi alaatti barsiisuu fi qorannoowwan dhiyeessuun of jiraachisaa akka jiran himaniiru.

''Mana kana kanin keessa jiraadhu seeraa ala. Jechuun naan kennamne seeraan. Keessaa bahi jedhani si'a lama xalayaa natti katabani. Gaafa tokko dhufani na baasu danda'u.'' jedhu.

Mana isaanii duuba dirree teenisii jiru margi irratti daraaree jira.

Wayita amma miindaa sooramaa ji'atti qarshii 2295 argatu. Dhimma faayidaa isaanii Afa-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataaf yeroo sadii ol xalayaa barreessanis deebii hin arganne. Siyaasa keessatti hirmaachaa waan hin jirreef faayidaa koo argachuun qaba jedhu.


Faallaa kanaatiin qe'ee pireezidaantii duraanii Obbo Girmaa keessa konkolaattota dhaabatanii jiran sadiitu jira.

Qe'een Obbo Girmaa bal'aadha. Mana amma keessa jiranitti osoo hin galiin dura kiraa manaaf qarshiin bahe dubbii ijoo ture.

Dallaan guddaan mana jireenyaa, waajjira, kutaa wal-gahii, mana kitaabaa, mana nyaanni qophaa'u akkasumas mana hojjettonni isaan gargaaran keessa jiraatani qofa qofaan ijaaramani jiru.

Goodayyaa suuraa Pireezidantin duraa obbo Girmaan namoota isaan gargaaran mootummaan ramadameeraaf

Loltoota karra eegan dabalatee namoonni dallaa keessa qixxeessanis hin mul'atu.

Erga aangoo gad-lakkisani booda wanti jalaa hafe akka hin jirre yaada qabu.

''Homtuu na jalaa hin hafne. Mootummaan bayeessa na qabe jira. Mirga qabuu hunda nan argadha. Kana caalaammoo anis homaa wantan barbaadu baay'ee hin jiru.''

''Gahaadha. Ijoollee hojjettu qaba. Hakiimif narsii qaba. Baay'eetti na qarqaaruu jiru,'' jedhu.

Jireenya aangoo boodaa

Goodayyaa suuraa Dr. Nagaasoo Gidaadaan erga aangoo gad-lakkisani booda wanti naa malu hin taane jechuun mootummaa komatu

Dr. Nagaasoon erga aangoo pireezidaantummaa gadi dhiisanii ganna 16 ta'eera.

Yeroo dheeraa kana waggoota afran jalqabaa kitaaba dubbisuun, akkasumas haga dhuunfaan dorgomanii ummata bakka bu'aniitti dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa hedduurratti hojjetaa turan.

Paartii siyaasaa dorgomaa keessatti hirmaachuunis hanga waggaa sadii dura walii galuu dhabani dhiisani bahanitti siyaasa jireenyaa fi hojii isaanii guutuu godhatani ture.

Jireenyi booda kanaa garuu wanta biyya alaa yeroo turan gochaa turanitti deebi'e. Kitaaba barreessu fi akka isaan jedhanitti 'Hojii galii isaanii argamsiisu' hojjechaa jiru. Kana keessaa waraqaalee qorannoo dhiheessuun isa tokko ta'uu nutti himan.

Goodayyaa suuraa Obbo Girmaa W/Goorgis pirezidaantii ta'uun dura bara H/Sillaasee eegale biyya tajaajilaa turan

Miseensa paarlaamaa mootummaa Hayilasillaasee kan turan Obbo Girmaanis erga aangoo gadi dhiisanii gad-hin teenye. Muddee dhufu umuriin isaanii ganna 94 guuta, ta'us har'as waajjira galuu hin dhiifne.

Waggoota afran darban hojii biyyaaf tolu jedhani yaadan hunda hojjetaa jiru. Yeroo miseensa paarlaamaa turan leellisaa kan turan biqiltuu dhaabuu fi bosonaaf dhimmamuun beekamu.

''Layibirarii dijitaalaa ummataaf ijaaree jira. Yoggaan mootummaa keessa ture kanan hojjadhu caalaa amma wantan hojjachaa jiru natti fakkaata'' jedhu.

Manni kitaabaa ijaarame ammaaf hojii jalqabu baatus kitaaboleenii fi kompitaroonni mana leemmanaan ijaarame keessa qixeeffamani ta'ani jiru.

Wal-arganii beekuu?

''Wal agarre hin beeknu hammana,'' jedhu pireezidantiin duraanii obbo Girmaa Waldagiyoorgis.

Dr. Nagaasoonis deebiin isaanii wal fakkaataadha . Kanaan dura si'a sadii qofa akka wal argan yaadatu.

Seerri labsii lakkoofsa 255/1994 manni maree bakka bu'oota Itoophiyaa baase pireezidantoota lamaan wal dhabsiiseera.

Yeroo xumuraaf faayidaa akka pireezidaantii duraatti argachuu qaban haa deebi'uuf akka isaan gargaaran obbo Girmaa koratanis hin milkoofne.

''Gaafuma sana abdii na kutachiisani. Ittan walii gala naan jedhani. Afaanii baasani. Kanaaf lammata isaan dubbisuu hin dhaqne,'' jedhu Dr. Nagaasoon.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan