Dhibee Siwiidiinittii daa'imman koolu galtoota qofa qabatu

Soofii
Goodayyaa suuraa Dhibee Iswiidiinittii daa'imman koolu galtoota qofa qabatu

Dhibeen kuni ijoollee koolu galtoota kan miidhu yoo ta'u ija akka hin bananne, akka hin dubbannees ta'e hin adeemne isaan taasisa. Boodarra hin wayyaa'af. Garuu, maaliif Siwiidiin keessatti qofaa mudata?

Abbaan ishii yeroo teessuma naanna'urraa ishii kaasu intalli umurii sagalii Soofiin homaa hin dubbanne. Faallaa kanaan, rifeensi ishii nama argeef nagaa fakkaatti. Ija ishii garuu hin banne.

Uffata ishee jalaan ujummoo fuyyaan ishii keessatti kaa'amen nyaata argatti. Egaa ji'a digdama guutuu akkanaan jiraatte.

Soofii fi maatiin ishii Sooviyeet duriirraa Siwiidinitti koolu galan. Gara Siwiidiin Muddee 2015 kan dhufan yoo ta'u mana baqattootaaf magaalaa xiqqoo giddugaleessa biyyattii keessatti ijaaramte keessa jiraatu.

''Dhahannaan onnee ishee sirrii dha, '' jedhan dhaabbata 'Doctors of the world' jedhamu keessatti tola-ooltummaan kan tajaajilan Dr. Elsaabeet Haaltkiraanz.

''Onneen ishee garuu baay'ee dhahata. Tarii namni baay'ee ishee dubbisuuf waan dhufeef ta'uu danda'a.''

Dr.Haaltikiraanz Soofiin afaan ishii waan hin banneef dhiphataniiru. Hunduu sirrii hojjeta. Garuu, ija hin banattu. Afaan ishii banuu dhabuu isheettis Dr.Haalikiraanz yaadda'aniiru.

Kuni rakkoodha, Sababni isaas ujummoon nyaata itti argattuu osoo rakkoo godhateera ta'e, Soofiin harganuu rakkatti ture

Akkamitti daa'imni shubbisuu jaalattu akkanatti humna dhabde?

''Waan uumame maatiitti yeroon himu, addunyaan kun gara dhabuu isaafi Soofiin yaadni ishee seene isa kaan hubachuu dadhabuu ishii ittan hima,'' jedhan Haaltikiraanz.

Ogeessonni fayyaa daa'imman kanneen gargaaruuf hojjetan rifaatuu guddaatu akkana isaan godhe jedhu.

Daa'imman hedduu maatiin isaanii yeroo reebaman kan argan ykn naannoo jeequmsi hamaan jirurraa baqatan rakkoo kanaaf haalaan saaxilamu.

Maatiin Soofii garee maafiyaan ajjeechaaniifi dirqamaan kaffalsiisuun isan mudateera. Konkolaataan isaanii Fulbaana 2015'tti poolisoota yuunifoormii uffataniin akka dhaabatu ta'e.

''Darbatani nu baasan. Soofiin waan konkolaataa keessa turteef yeroo nuti reebamnu ijumaan agarte,'' jechuun abbaan Soofii yaadatu.

Namoonni sun harmee Soofiin akka adeeman eeyyamnaafin Soofii fuudhatani biraa baqatan. Abbaan isaanii garuu hin baqanne.

''Erga na fudhatani deemanii booda waan ta'e hin beeku.''

Harmeen Soofii mana hiriyyaa isaaniitti geessan. Soofiin garuu hin gammanne. Iyyaa keenyaa manaa harkaan rukutaa ''dhaqi abbaakoo barbaadi,'' jettee haalaan boosse.

Guyyaa sadii booda, abbaan waliin wal argatan. Ergasi ji'a sadii booda Siwiidiin haga seenanitti mana hiriyyaa isaanii turani. Yeroo gahan sa'aatii dheeraaf poolisii Siwiidiinin bakka tokko akka turan ta'an. Osoo hin turin, yoosuma Soofiin dadhabaa dhufte.

''Guyyoota muraasa booda obboleettii ishii waliin haga durii taphachaa jiraachuu dhabuu ishii hubadhe,'' jedhan ji'a booda da'uuf kan jedhan harmeen Soofii.

Osoo hin turin, maatiin Soofii Siwiidiin keessa turuu akka hin dandeenye itti himame. Egaa yeroo boordiin godaantotaa kana dubbatan kan dhageesse Soofiin haadhuma isaa dubbachuu fi nyaachuu dhiifte.

Goodayyaa suuraa Dhibee Iswiidiinittii daa'imman koolu galtoota qofa qabatu

Dhibeen afaan Ingiliziin 'Resignation Syndrome' jedhamu yeroo jalqabaaf A.L.A bara 1990'tti Siwiidiin keessa jiraachuun isaa barame. Waggoota 2003 - 2005'tti mallattoon dhibee kanaa 400 gabaafamaniiru.

Yeroo lammiileen Siwiidiin dhiibbaa godaansa biyya isaaniitti taasifamuun dhiphataa jiranitti wanti ''daa'imman fedhii homaa dhabde'' dhimma siyaasaa guddaa ta'e.

Gabaasawwan akka jedhanitti daa'imni kunneen sobaniiti kana godhu kan jedhuu fi maatiin ijoollee daa'ima isaaniif summii kennuun akka achi hin ari'amne godhu jedhama ture.

Oduun kun dhugaa ta'u isaa wanti mirkanaa'e hin jiru.

Waggoota kudhan darban lakkoofsi daa'imman dhibee kanaan rakkatan xiqqaateera.

Boordiin fayyaa Biyyaalessa Siwiidiin dhiyeenya bara 2015 fi 2016 mallattooleen dhibee kanaa 169 galmaa'e jedheera.

Biyyoota biroo keessa jiraa?

Daa'imman bakka muraasaa dhufanii fi saba muraasaa irraa dhufan dhibee kanaan saaxilamaniiru: Kan Sooviyeet duriirraa dhufan, Baalkaan, daa'imman Roomaa, akkasumas dhiyeenya kan Yaaziidii. Kanneen keessaa maatii of-biraa kan dhaban muraasa qofaadha.

Hammi tokko Eeshiyaa yeroo ta'an, lammiileen Afrikaa keessa hin jiran. Soofii malee daa'imman rakkoon kuni isaan mudate Siwiidiin keessa waggaa dheeraaf waan jiratanif afaan biyyasanii ni dubbatu.

Dhibeewwan Soofiin itti rakkataa jirtu kana fakkaatan yeroo Naazii gabaafamani ture. Haala walfakkaatuun, 1990 keessa Yunaayitid Kingdam keessatti daa'imman lakkoofsaan xiqqoo ta'an dhibee kanaan qabamuun isaanii galmaa'e ture, garuu tokkoon isaaniyyuu koolu galtoota hin turre.

''Haga beeknutti dhibeen kuni Siwiidiin ala hin mul'anne,'' jechuun hospitaala daa'immani Astirid Lindgiranitti Peditirishiyaan kan ta'an Dr.Kaarl Saalin barreessaniiru.

Rakkoon guddaa qorannoon taasifamu dhabuu isaati jedhan. Garuu, daa'imman kuni lubbuun akka jiraatan inuma beekna jechuun dubbatu.

Kana amanuun maatii Soofiif ni cima. Intala isaanii irratti ji'a 20 guutuu jijjiirama homaa hin argine. Akka muuziqaan bashannantu gochuun, wiilchariin olii gadii ishee deemsisuun akkasumas nyaachisuun yeroo isaanii waliin dabarsu.

Ragaan magaalaa xiqqoo Sikaaraa jedhamtuu fi Kibba Siwiidiin argamtu irraaa argame garuu akkatti daa'ima dhibee kanaan miidhaman yaaluun danda'amu agarsiisa.

Goodayyaa suuraa Daa'imman fuulduratti waa'ee godaansaa dubbachuun dhibee kanaaf isaan saaxiluu mala

''Akka yaada keenyatti, dhukkubni kuni duratti jeequmsa sammuu arganin malee waan koolu galtoota ta'anif miti,'' jedhu hojjettuun fayyaa hawaasaa olaanaa kaampaanii Solsidaan jedhamuufi daa'imman rakkoo keessa jiraniif dahoo ta'e hogganan, AniikaaKaalshamir.

Hojjettonni Solsidaan jiran yeroo daa'imman maatii isaanii irratti waldhabdee ykn doorsisni irra gahu sammuun isaanii ni jeeqama jedhani yaadu.

''Daa'imni yeroos harmeen koo na tiksuu hin dandeessu jette yaaddi,'' jechuun Kaalshamer ibsu. ''Boodarraa maatii isaanii irratti waan hirkatani jiraatanif abdii kutatu. Yeroo kuni mudatu ijoollen maal ta'u dandeessi?''

Walitti dhufeenyi daa'imman maatii waliin qaban fooyya'uu qaba, dura garuu bayyanachuu qabu. Kanaafuu, wanti jalaqaba Solsidaan godhu daa'imman maatii irraa adda baasuudha.

''Maatiin daa'imman isaanii fooyya'aa akka jiran itti himna. Waan hojjettoota keenya waliin turuu qabanif garuu akka dhaqani dubbisan hin goonu. Erga maatii waliin makamani booda garuu guyyoota muraasatti jijjiiramni ni dhufa.''

Daa'imman fuuldura waa'ee godaansaa dubbachuun dhorkaa dha.

''Haga taphachuu eegalanitti waan duraan godhan isaaniif goona. Miira isaanii duraa akka yaadatan goona. Dhugaatii kokaa kollaa xiqqoo afaan isaanii keessa keenye waan mi'aawaa akka dhamdhaman yaalla. Ujummoodhaan nyaata argatanis mana nyaanni qophaa'utti geessine akka urgaa nyaataa hubatan taasisna,'' jedhan.

''Akka jiraatuu fedhan, cimina isaas ni qabu jennee amanna, garuu miira kana itti godhan dagataniiru yookiin dhabaniiru. Hojiin kuni humna cimaa barbaada Haa ta'u malee, da'imman ofii isaaniin jiraachu hanga eegalanitti isaaniif jiraachuu qabna.''

Daa'ima tokko miira duraatti deebisuuf yoo dheerate ji'a jaha fudhata.

Nageenya maatii eeguuf jecha, maqaan Soofii jijjiirameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan