Ajjeechaa ummataa Ameerikaa maaliif caalaa cimaa dhufee?

Sirna ibsaa shaamaa Sadaasa 5, 2017 Saawuzerlaand Isipriing, Teeksaasitti gaggeefame Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Namoota ajjeechaa waldaatti raawwatameen lubbuusaanii dhabaniif sirni ibsaa shaamaa wayita taasifameetti

Ajjeechaa rasaasaa suukanneessaa seenaa Ameerikaa hammayyaa'aa keessaa shan ji'oota 16n darban keessatti raawwataman .

Kunis kan eegale bara 1949tti Niwu Jersii keessatti du'a namoota 13 ykn isaan gadiitiin ture. Kunis ajjeechaa uummataa jalqabaa ture biyyattiitti. Loltuu sooramaa Howaard Unruuh tuu ollaa isaa ajjeesse.

Jaarraa itti aanu keessa garuu lakkoofsichi ol ka'e. Bara 1966tti Teksaas Ostiiniitti 16, bara 1984tti Kalifooriniyaa, Saan Ysidrootti namoonni 21 ajjeefaman.

Ji'i darbe ammoo baayyee suukanneessaa ture. Ajjeechaa Laas Veegaasiifi Teksaas Saawuzernlaand Ispringiitti namoonni 94 lubbuusaanii dhabaniiru. Kunis ajjeechaa namoota 49 Orlaandoo mana shubbisaa halkaniitti bara 2016tti raawwatameetti aanuun kan ta'eedha.

Haala adeemsa yaachisaa kanaafis sababiin walxaxaafi baayyeedha.

Qorattoonnis sababiiwwan muraasaa dhimma kana duuba jiraachuu malu akkasin xinxalu:

Qawween baayyee cimuun, saffisaan dhukaasuu isaa

Namoonni ajjeechaa raawwatan qawwee dandeettii olaanaafi deebisanii rasaasa itti guutuu hinbarbaachifneetti fayyadamu.

''Yeroo ajjeechaan raawwatamu keessatti namoota baayyeetu ajjeefame. Rasaasa baay'eetu isaan keessattis argame,'' jedhu Daaviid Hemeenwey, Mana barnootaa fayyaa hawaasaa Haarvaard irraa.

Adaam Laanzaa, namni mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Saandii Huuk Niiwutaawon keessatti bara 2012tti namoota 26 ajjeessee fi Jamsi Holmees kan Auroraa Koroloodaa keessatti baruma sana namoota 12 ajjeesse, lamaan isaanituu qawwee akkasiitti fayyadaman.

Galmeen isaa ifadha: Wayita qawwee saffiisaan dhukaasutti fayyadamamu lakkoofsi namoota ajjeefamanii ol ka'aa jira.

Seerichi

Qorattoonni seerootaa ni ibsu: Bara 1994tti seerri meeshaalee waraanaa hammayyaafi ariitiin dhokaasan irratti dhorkaa dabarsee ture. Bara 2004tti garuu ni kaafame. Ogeeyyiinis qoqqobbaan ka'usaatu akka ajjeechaan ummataa baayyatu taasisee jedhu.

Kana malees, bulchiinsoonni seera mataasaanii qabu. Fakkeenyaaf, Joorjiyaa keessatti namoonni daree barnootaa, lafa shubbisa alkaniifi eddoo biraatti qawwee akka qabataniif ni ayyama.

Ogeeyyiin Jiddugala Seeraa Gifoordis jeequmsa qawwee ittisuuf jecha naannoolee lafa qawwee qabachuun itti dhorkameetti jeequmsi hir'ataadha jedhu.

Warri kana raawwatanis iddoo haleelan of eegannoon filatu

Warreen miidhaa qaqabsiisaniis lafa namoonni baayyeen kan akka Laas Veegaas namoonni kuma 22 itti argamu filatu.

''Bakka namoonni itti baayyatan sanattis, namichi dhokaasu xiyyeefachuun isa hinbarbaachisu,'' jedha Jeey Koorzin Yunivarsitii Jiddugala Filoridaa irraa.

Namoonni kunneenis of eeggannoon karoora baafatu, akka Qorannoo Homisaayiditti.

''Dursanii hojii manaasaaniiti hojjatu,'' jedha Korziin. Dursee itti qophaa'e jechuun, namoota baayyee ajjeesu danda'a.

Ajjeestoonnis midiyaan kakaafamu

Haguggiin miidiyaa ajjeechaan ummataa - kan akka ofi ajjeessuu fa'ii bara kana keessa baayyateera. Warreen ajjeechaa raawwatanis osoo gochicha hinraawwatiin dura miidiyaa hawaasa irratti kan gadhiisan yoo ta'u, yeroo tokko tokkos wayituma gochichi raawatamu maxxansu.

Kana malees dhaabbileen midiyaa haalichaaf fuula kallattii (live) saaquun ykn aguuggii sa'aatii 24/7 kennuuf.

Kana malees, gaazexessitoonni yeroo baayyee nama ajjeesse irratti xiyyeefatu. Kunis waa'ee isaanii irratti ibsa ballinaa kennuufi osoo hinyaadiin isaan ulfeessuu dhaqu.

''Ajjeechaan ummata garuu waan dhoksamu miti,'' jedhu Gireey Slutkiin hundeessaan dhaabbata Chikaagoo 'Kiyuur Vaayolansi'. ''Namoonni waan warri kaan raawwatan ilaaluun isaan hordofu.''

Isaan ajjeechaa raawwatan waliinis morkatu

Ajjeestoota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Litiletan, Koloraadoo kan bara 1999 keessaa tokko kan ta'e Daaylaan Kleeboold galma isaanii akkasiin ibsa: ''Seenaa ajjeechaa Ameeriikaa keessatti isa olaanaa ...akka ta'u abdanna.''

Laank foord akka ibsuutti: ''Dhugaan kanaas dorgommii gara jabeenyaa agarsiisa. Kunis nama duraan ajjeesse irraa olaanaafi kan caalu ta'uun argamuudha.''

Namoota ajjeessuun beekumsa argachuu ulfina dhukkubaa fakkaata. Garuu namoota muraasatti kan toluudha.