Nageenya lammiilee eeguun dirqama eenyuuti?

Gurmuu namoota hedduu Image copyright Getty Images

''Lammiin kamiyyuu mirga namoomaa sarbamu hin dandeenye: lubbuun jiraachu; nageenya qaamaafi mirage bilisummaa qaba'', jedha Heera mootummaa Itoophiyaa keewwata 14 irratti.

Garuu mormiiwwan waggoota lamaan darban keessa naannoolee Oromiyaafi Amaarratti taasifamaniin lubbuun namoota heddu darbeera. Kana malees walitti bu'iinsa naannoolee jidduutti uumamanis namoonni kumaatama hedduutti lakkaa'aman bakka jireenyaatii buqaafamaniiru. Qabeenyaan hedduuis barbadaa'eera. Humda caalaa gatii qabeessa kan ta'e lubbuun namoota hedduus darbeera.

Fakeenyaaf walitti bu'iinsa naannoolee Ummattoota Kibbaa, Beenishaanguul Gumuziitti umamee turee dhalattoonni Amaaraa, akkasuma Oromoon kumaatama hedduu ammo naannoo Somaaleefi daangaa irraa buqa'aniiru. Dhalattoonni Tigrees akkasuma walitti bu'insa tureen naannoo Amaaraa naannawa Gondarii buqaafamnii turan.

Walitti bu'iinsaafi tasgabbii dhabiinsa biyyattii keessatti argamu kana ilaalchisuunis jiraattoonni tokko tokkoo yaaddoo isaanii BBCtti himaniiru.

Komiin namoota baayyees 'dhaabbileen mootummaa mirga lammiilee kabachiisuurra 'ofiin sarbaa' jiraachusaanitii jedhu. Yaadawwan karaa fuula feesbuukii keenyaatiin nu gahan keessaayis; ''Heerri motummaa ifatti cabeera. Nageenyi akka nutti hindhagahamne kan taasisaa jiru paartii biyya bulchaa jiruudha'' jedhaniiru.

Karaa gara biraatiinis rakkoon tasgabbii naannoolee keessatti mul'atuuf ammo, waan motummaa federaalaa dhimmicha naannoolee irratti gateef kan jedhanis jiru. Sirriyyuu dhimmi tasgabbii naannoolee qofaatti dhiifamu hinqabaatu. Motummaan federaalaa jidduu galu qabaata kan jedhanis hindhabamne.

Heerri Mootummaa Waa'ee Mirga Lammiilee maal jedha?

Goodayyaa suuraa Heera Motummaa Itoophiyaa

Heera Motummaa Itoophiyaa keewwata 32 (1) keessatti ''Lammiin biyyattii ykn lammiin biyya biraa haala seera qabeessa ta'een biyya keessatti argamuus, biyya keessa lafa barbaade dhaquufi jiraachu akkasumas yeroo barbaadeetti biyyaa bahuuf mirga qaba,'' jedha. Lammiin Itoophiyaa kamiyyuu mirgi abbaa qabeenyaa dhuunfaa ta'uu heera boqoonnaa 40 (1) jalatti ni kabajamaaf.

Akkasumas, boqonnaa heerichaa sadii keewwata 30 (1) jalattiis mirgawwan lammilee jiddu galiinsa qaama kamii malee argachu qaban tarreessa. Kunneenis mirga jiraachuu, mirga nageenya qaamaa, mirga walitti qabamuufi hiriira bahu akkasumas mirgoota qabeenyaa ummachuufi dinadgee kanneen carafaman keessaayi.

Boqonnaa 13 (1) jalattis qaamooleen seera baasan, seera hojiirra olchaniifi abbootiin seeraa sadarkaa federaalaafi naannooleetti argaman hundumtuu mirgoota kanneen akka kanachiisaniif itti gaafatamummaafi dirqama qabu jedha. Mirgoonni kunneenis heerawwan motummoota naannoolee kessattis labsamaniiru.

Kanaafuu mirgoonni kunneen akka hincabneef kabachisuu kan qabaatu mootummaadha jechuun ture oggeessi seeraafi qorataan federalizimii obbo Wubishet Mulaat BBC'tti kan himan. ''Yemmuu mirgi socha'u namootaa sarbamu ykn rakkinni yoo uumamuu; namoonni sochiilee dinagdeetti gufuu jiraatan mana murtiitiin murteessisuun ni danda'ama,'' jedhu.

''Lammiileen akka dhaabbilee seeraatti fayyadamaniif gargaaruun barbaachisaa. Haa ta'u malees haalli caasaa dhaabbilee seeraa amma jiranu lammileef amansiisaadha jechuun kan danda'amu natti hinfakkaatu,'' jedhu.

Dirqama Nageenya lammiilee eeguu

Haala heera motummaa keessatti caqafameenis motummaanis mirgoota namoomaa kanneen seera keessatti hammachu qofa osoo hintaane kabachisuun diqama saati.

Akka obbo Wubishatiittis, wayita walitti bu'iinsi sabummaa bu'ureeffate umamuuttis mirgoota namoomaa lammiilee eegsisuun dirqama caasaalee motummoota lamaaniiti.

Akka isaaniittis, gama heericha hojiirra olchutiin rakkooleen dhaabbilee jiru.

"Saboonni garaa garaa naannoo tokko keessatti mirgi namoomaa isaanii sarbamees miidhaan nara gahee jechuun iyyata kan dhiyeefatu eenyutti? Jechuun gaafatu.

Akka fakkeenyaatis, sabni Amaaraa naannoo ummattoota kibbaatii, saboonni Tigree naannoo Amaaraatii, akkasumas saba Oromoo naannoo Somaaleetii buqaafaman miidhaan narra gahee jirachechuun eeyyachu kan danda'an eessatti akka ta'e gaafatu.

''Kan himatamanis kan dhimmicha qoratis ta'e kan murtee kennan isaanuma dhaabbilee motummaa naannoolee yoo ta'e, kun qaawwii heera motummaa jiraachu agarsiisa'' jedhu obbo Wubishat.

Akka isaanittis, qaawwi kun guutamuu kan danda'u mana maree federeshinitti ture. ''Ta'ulleen caasaan mana mare federeshiinii mataansaa haala ijannoo walaba qabaatuun hintaasifamne. Sababni isaas miseensonni saboota adda addaarraa kan baba'an ta'uusaaniitiin, iyyanni saba tokkorraa dhufu, namoonni dhaddacharra taa'aniis saba himataman irraa yoo ta'an, murteen isaanii walaba akka hintaane gochuu danda'a.'' jedhu.

Haa ta'u malee qorataan Heera motummaa fi oggeessa seeraa kan ta'an Obbo Efireem Taammiraat garuu yaada kanaan adda ta'e qabu. Manni mare Federeshinii bakka bu'iinsa seera qabeessa ta'e kan qabuufi miseensoonni isaas haaluma seera heera biyyattii bu'ureefateen saboota, sablammootaafi uummattoota biyyatti bakka bu'uun kan falataman akka ta'e dubbataniiru.

Walitti bu'iinsa sabaa naanoo Benishaangul Gumuziitti waggoota muraasaan dura umamee tureen akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Murteen manni mare Federeshinii dhimma kana irratti dabarsees haqa qabeessa ta'unsaa, hojii walabaa manni marichaa taasisuuf fakkeenya gaarii ta'u caqasu Obbo Efireem.

Akka Obbo Efireemitti, sarbamuun mirgootaa dhunfaafi garee haaluma caasaa seera yakkaa sadarkaa naannootii hanga federaalaatti diriraniin ilalamu. Dhimmi tokko gara mana maree federeshinitti kan geeffamuus yoo dogoggora hiikkaa seeraa qabaatee qofaadha jedhaniiru.

Kanaafu falli maal ta'u malaree?

''Rakkina kan qaqabsiisan qondaaltoota motummaa yoo ta'an, jarreen kunneenis dhaabbilee motummaa keessatti waan argamaniifu mirga lammilee kabachisuun dirqama motummaa ta'a. Mirgi lammiilee kan sarbame warra kaaniin yoo ta'es akkasuma motummaan dirqama qaba,'' obbo Wubishet.

Rakkoolee akkanaa wayita umamanittis hikkaa siyaasummaa isaanii irratti xiyyeefachurra haala dhunfaatti fudhachuun falli gama mana murtiin akka kennamu taasifamu qabaata, jedhu.

Motummaanis adeemsa akkasii cimsu osoo qabaatu garuu fala siyaasaa kennu qofaan qabame tureeras jedhaniiru obbo Wubisheti. Kanaafis fallisaa ''dhaabbilee seeraa walaba gochuun, akka olaantummaan seeraa babalatu taasisuudha,'' jedhaniiru.

Keessattu yoo walitti bu'insaa saba bu'ureefate ka'uttis motummaan federaalaa xiyyeefannaa addaa kennuun olaantummaan to'achu akka qabaatullee eeraniiru. Isaan kana jedhanis, motummaan federaalaa sochiilee nagaa eegsisuuf haalli itti jidduu naannoolee gahu danda'u seeraafi danbiilee mootummaa keessa jiraachunsaa isaa dagatamu hinqabaatu.

''Haala danda'ameen himattoonni kanneen qorataniifi qaamoolee murtee kennaniin sabaan adda ta'uu qabaatu kan jedhan Obbo Wubisheet, ''Mirgi qaamaafi namoomaa saba kamiiyyuu eegamu qabaatas,'' jedhu.

Egaan ogeessoonni seeraa kunneen akkasi jedhaniiru. Isiin hoo nageenya lammiilee eegsisuun dirqama eenyuutii jettuu? Nuuf barreeessaa ni keessumeessina.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan