Egereen lammiilee naannoo Somaalee irraa buqqa'an maal?

Namoota sababii walitti bu'insaatii qe'eesaaniirraa buqqa'uun dahannoo keessatti argaman keessaa

Sababa walitti bu'iinsa naannolee daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduu jiruun qe'ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqa'an lammiileen 600,000 ol daannoowwan gara garaa keessa qubatanii jiru.

Baatii afuriif daannoo Hammaarreessaa keessa jiraachaa akka jiran BBC'tti kan himan Obbo Ahimaddiin, man-kuusi sibiilaa keessa jiraatan, halkan qorraan guyyaa ammoo ho'aan buqqaatoota keessa jiraatan dararaa jira jedhaniiru.

Keessattuu haadholii fi daa'imman rakkoo fayyaa adda addaaf saaxilamaa jiraachuu himuun, garuu deeggarsi barbaachisaan taasifamaafi jiraachu dubbatu.

Karoora Oromiyaa keessa qubsiisuu

Koreen qindeessitu gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu Oromoota qe'ee irraa buqqa'anii, mootummaa naannoo Oromiyaatiin hundaa'e, buqqaatota kanneen dahannoo keessaa baasee magaalotaa fi godinaalee Oromiyaa gara garaa keessa qubsiisuuf qophii xumuraan jira jedha.

Dura taa'aan korichaa Dr. Abarraa Dheeressaa BBC'tti akka himanitti, qorannoon dudduubee eenyummaa buqqaatotaa fi fedhiin egeree isaanii qoratamee jira.

Kanneen hojii daldalaa fi hojiilee biroo magaalota keessatti hojjachuuf fedhii qaban magaalota Godina Addaa Naannawaa Finfinnee keessa qubsiisuuf hojiin xumuraamaa jira jedhu.

"Lafti adda baafamee, diizaayiniin manaa hojjatamee ijaarsi manaa eegalamuun, achitti maal hojjetanii jiraatu kan jedhu ikoonoomistotaan qoratamaa jira. Hawaasa naannoo waliin akkamiin hariiroo gaariin akka jiraatanis qoratamaa jira," jedhaniiru.

Marsaa duraatiinis magaalota kanneen tokko tokkoo isaanii keessa hanga abbootii warraa 1000 qubachiisuuf akka jedhaniifi kunis yeroo ji'a tokko hin caalle keessatti akka raawwatamu himan Dr. Abarraan dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatunis marsaa lammataan magaalota biroo yookan magaalota kanneen keessatti dabalataan akka qubachiisaniifi marsaa sadaffaan ammoo kanneen jireenyi isaanii qonna irratti hundaa'e godinaalee Oromiyaa gara garaa keessa qubachiisuuf lafti qonnaa adda baafamee qophaa'ee jira jedhu.

"Haalli buqqaatonni kunneen keessa jiran ilaalcha keessa galfamee, isaan baay'inaan bakka tokko jiraataniifi rakkoo cimaaf saaxilamaa jiraniif dursi kennamas," jedhu.

Kanneen naannoo Somaalee keessaa buqqa'an qofti magaalotaa fi godinaalee birootti akka qubachiifaman kan himan Dr. Abarraan, warri Oromiyaa keessaa fi daangaa irraa buqqaafaman lafa isaaniirratti deebi'anii akka qubatan deeggarsi ni godhamaaf jedhu.

'Heera Mootummaa'

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Somaalee Abdii Mohammad Umar buqqaatonni kunneen gara naannoo isaaniitti akka deebi'an waamicha erga godhanii booda dhimmi lammiilee kanneen naannoo Somaaleetti deebisuufi dhiisuu namoota hedduu falmisiisaa jira.

Akka heerri mootummaa Itoophiyaa keewwatni 41 muraa 1 jedhutti, lammiileen biyyatti daangaa biyyattii keessa bakka fedhaniifi, gosa hojii fedhan hojjachaa jiraachuuf mirga qabu.

Oromoota naannoo Somaalee keessaa qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaafaman magaalotaa fi godinaalee Oromiyaa keessa qubsiisuun heera kana cabsa jedhu Dura taa'aa itti-aanaan Kongirasii Federaalistii Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu.

"Naannoon Somaalee mootummaa mataa isaa haa qabaatuyyuu malee, hanga heera mootummaafi alaabaa tokko jalatti bulluutti, qaama heera mootummaa cabsee lammiilee kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqise seeratti dhiyeessuun, lammiileen kunneen nageenyi isaanii eegamee qe'ee isaaniitti akka deebi'an gochuun dirqama mootummaati," jedhu.

"Bor naannoon tokko ka'ee dhalattoota naannoo biraatiin bahii yoo jedhe, heerri mootummaa ni caba. Biyyi kunis rakkina keessa buti," jedhu Obbo Mulatuun.

Goodayyaa suuraa Jireenyi buqqaatoota Oromoo naannoo Moyaalee kana fakkaata

Namoota kanneen Oromiyaa keessa qubsiisuuf murteessuun dura, fedhiin isaanii akka gaafatameefi namootni dhibbeentaan 97 sodaa nageenya isaaniif qaban irraa ka'uun naannoo Somaaleetti deebi'uuf fedhii akka hin qabne qorannoon mirkanaa'era, jedhu Dr. Abarraan.

''Mootummaan Federaalaas ta'e kan naannoo Oromiyaa buqqaatonni kunneen naannoo Somaaleetti akka deebi'an fedhii qabaatanillee, hanga jiraattoonni fedhii hin qabneetti dirqiin achi deebisuun hin danda'amu'' jedhu.

Kanneen dhibbeenta 3 ta'an naannoo Somaaleetti deebi'uuf fedhii qaban akka deebi'aniif qophiin godhame hin jiru.

Obbo Mulaatuun nageenya lammiilee kanneenii eegsisuu dadhabuun olaantummaa heeraa kabachiisuu dadhabuudha jedhu.

'Ammas deeggarsa'

Sochii bal'aa sabni Oromoo taasiseen, hanga yoonaa rakkoon hammaataan osoo isaanirra hin gahiin buqqaatota kana tursiisuun cimina guddaa dha kan jedhan Dr. Abarraan, deeggarsa bifa meeshaaleen taasifameen alatti hanga yoonaatti qarshiin miliyoona 441 walitti qabamuu himaniiru.

Haa ta'u malee, qarshiin kun lakkoofsa buqqaatota deeggarsa barbaadaniifi karoora koreen isaanii rakkoo buqqaatota furuuf qabuun yoo madaalamu, ammas deeggarsi cimee itti fufuu qaba jedhu Dr. Abarraan.

Koreen qindeessituu gargaarsaafi deebisanii dhaabuu buqqaatota kanneenis, deebisanii qubachiisuun biratti sagantaalee galii argamsiisan gara garaa qopheessee irratti hojjetaa jiras jedhaniiru.