Dhaabbilee barnoota olaanoo tasgabbii dhaban

Madda suuraa, Ministry of Education
Walitti bu'iinsi barattootaa yeroo adda addaa dhaabbilee barnoota olaanoo kutaalee garaa garaa keessatti argaman keessatti uumamuus, barnoonni akka adda citu taasiseera. Akkasumas barattoonni tasgabbiin barbnootasaanii akka hinhordofineef danqeera.
Keessattuu walitti bu'insii eenyummaa bu'ureefachuun barattoota jidduutti umamuus, lubbuu barattootaa galaafachuun alattis hirna qaamaa fi barbadaa'ina qabeenyaatiif sababa ta'eera.
Barattoonni nageenya isaaniif yaadda'an hangi tokkoos gara maatiisaanii deebii'uuf yoo dirqaman, kanneen ammoo haala hintasgaboofnee yunivarsitoota keessatti argamu.
Motummaanis haalicha tasgabbeessuuf humnoota nageenyaa dhaabbilee barnootaa keessatti kan bobbaasuun alattis, daangeessuu yeroo yunivarsitoota keessatti kaa'eera.
akkasumas oggantoonni dhaabbilee kanneenii barattoota waliin marii kan taasisaa kann jiranuufi nageenya isaanii eegsisuufis waan danda'ameef hunda taasisaa jiraachusaanii ibsan illeen, barattoonni, barsiftoonnii fi maatiin amma illeen yaadda'uun isaanii hinoollee.
"Yaaddofne jirra"
Barattoonni yunivarsitiiwwan garaa garaatti ramadamuun barnoota isaanii hordofaa turan baayyeen, sababii taatee tibbana umameen nageenya isaanitiif sodaachuun gara maatiisaanii deebi'uuf dirqamusaanii BBC'tti himaniiru.
Kana malees, barattoonni hedduu waliin barataa turan Magaalaa Finfinneetti bakka turmaataa waan dhabaniif gara maatii isaanii deebii'ulleen dubbataniiru.
Ministeera Barnootaatti Deetaan Ministira Dhimmoota Barnoota dhaabbilee olaanoo Dr Saamu'eel Kifle barattoota kanneen kan marisiisan ta'ulleen, deebii gahaa akka hinargatiin dubbatu.
Barattoota kanneen keessaayis tokko ''haala amma jiruun gara yunivarsitii irraa dhufneetti deebii'uu waan hindandeenyeefu dhaabbilee barnootaa naannoo keenyatti argamutti akka nu ramadaniif gaafannee turre. Minisiteerri barnootaa garuu deebii qubsaa nuuf hinkeniine,'' jedhaniiru.
Yunivarsitii Wallagaa keessa tureetti jalqabuma baraatii kaasee tasgabbiin hin turre kan jedhu barataan barnoota damee Maandisummaa, ''yeroo hundumaa wanti nama jeequ hindhabamu. Gara walitti bu'insaa irra geenyaan ammoo ofi olchuun waan narra tureef dallaa keessaa baheera,'' jechuun dubbateera.
Akka barattoonni jedhanitti, miidhaan dallaa keessaa kan eegalamu namoota muraasaa ta'ulleen, miidhaan qaqabsiisu salphaa miti. Dhiidhaa qaqabu hambisuuf qaamni qindominaan hojatu waan hinjirreefu haalli ammaa kun umamuusa sababa akka ta'e amanu.
Sababiin isaa maal turee?
Rakkoolee nageenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mulatuuf maddi isaa rakkina qaamooleen biyyattiin akka hintasgaboofne barbaadan malee kan barattootaas ta'e kan ummatichaa akka hintaanee amana ministeerri barnootaa biyyatti.
Ta'us sababii rakkina umameetiin barattoota naannoo saanitti ramaduun hindanda'amu jadhaniiru. Kanaafis yunivarsitoonni dhaabbilee motummaa malee kan naannoole miti jedhu.
Barannoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo hunda keessatti argaman hunduu gaaffii isaanii karaa nageenya ta'een dhiyeefachu qabaatu kan jedhan minisitirichatti daarektarri daarektoreetii komunikeeshiinii Aaddee Haraguwaa Maamoo, rakkina amma jiru hiikuuf kutaan addaa dhimmicha hordofu hundeefamu ibsaniiru.
Kana malees rakkinichi qaaww' ilaalchaa kan uume waan ta'eef, rakkinni walfakkaatu akka hinumamneef xiyyeefannaan akka hojatamu dubbatu.
Haa ta'u malee mirri barattootaa kanaan addadha. Sochiin motummaan hojataa jiru kan yaaddo isaanii hiiku ta'u tarkaanfii fudhatame hinargine jedhu. Karaa gara biraatiin ammoo barattoonni humnooti nageenya akka tasgabbeessaniif ergaman yaaddoo itti uumuu isaa himanis jiru.
Barataan osoo haalaa hintasgabaa'iin gara Yunivarsitii Saayinsiifi teknologii Adaamaa deebii'ee tokkos, inniiifi hiriyoonnisaa gara yunivarisiitti kan deebii'an humnoota nageenyaatiin dirqiisiifamuu akka ta'e dubbata.
"Ammas yoo ta'ee bakka hidhattoonni meeshaan baatan nama sodaachisu dallaa keessa jiranitti tasgabbiin kan baranu natti hinfakkaatu. Barattoonni hidhamaniis eessa akk jiran hinbeeknu,'' jechuun yaaddo isaa BBC'tti himeera.
Barattoota Yunivarsitii Aromaayaa irraa dubbifne keessaa tokko, ''dallaan humnoota hidhataniin guutameera. Gara kutaatti kan deebiinees filannoo waan dhabineef qofadha. Ammas yoo ta'ee, osoo hubnoonni nageenyaa dallaa keessaa bahuun deebiin keenya nuuf kenname tasgabbiin barannee barbaanna,'' jedheera.
Yaaddoo fi dhiiphina Maatii
Maatiin ijoolleesaanii gara dhaabbilee barnoota olaanoo, keessattu lafa waldhabdeen itti mul'atuutti erganis nageenya ijoolleef yaadda'unsaanii hinollee. Karaa gara biraatiin ijoollee akka manatti hafan gochuunis, carraa barnoota itti aanutiin yaachisaadha.
Intala dubaraa isaanii bara darbe Finfinnee irraa gara yunivarsitiitti ergusaanii kan dubbatan Obbo Makonniin, mirrii sagaleen intalsaanii bilbilaan dhagahaniifi oduun waa'ee walitti bu'insaa akka dhiphina sammu itti umee ibsu.
"Mucaa koo ishee xiqqoon amanee ergee barachuun hafee waa'ee nagaan jiraachu yoo dhiphattu dhagahuun baayyee na gaddisiisa. Dhiiftee akka deebiitu barbaadu illeen bahuunis ta'ee galuun dhorkaadha waan jetteefuu kunoo dhiphiina keessan jira,'' jedhu.
Kana malees haala ijoollee keessa jiran irratti qaamni oddeefannoo sirri kennu dhabamuunsaa yaaddoon maatii akka dabalu taasiisu himu obbo Makonnin.
"Guyyaa maalii akka eergeef gaabbiin jiraadhulleen nagaan naaf yaa galtu maleehanga guyyaa hamtuun tun dabartuutti deebiisee kanan eergu natti hinfakkaatus,'' jedhaniiru.
Mucaasaanii Finfinnee mana barnootaa oggummaa waldhaansaatti barsiisaa jiran kan biraas, barriisaa baayyee yaachisaa ta'u dubbatu. Dallaa mucaan isaanii itti baratuutti hanga ammaa rakkinni umamee jiraachu baatulleen, ollaan isaanii garuu ijoollee yunivarsitootaa finfinneen alaa adda addaa irraa deebifachaa jiruus jedhaniiru.
Kana malees, maatii soodaadhaan mucaasaanii yunivarsitii bara darbe itti barataa turee irraa hambisan akka beekanis ni dubbatu.
Maatiiwwan kunneenis Finfinneetti dhaabbilee barnootaa dhunfaa adda addaatti kanfaltiin barsifachuuf kan murteessaniidha.
''Haala tibbana yunivarsitoota keessatti ta'aa jiruu tilmaamuun rakkisaadha. Har'a nagaa ta'u boru kan biraati. Kanaaf waa'ee mucaa koo fageenyatti argamu kan na yaachisu,'' jedhu maatiin biraa maqaan isaanii akka hineeramne gaafatan.
Haala dhiheenya kana umameen ilmi isaanii deebii'uu akka bira turu gochu kan dubbatan haatii tokkoos, olmaa ilmasaanii guyya guyyaan akka hordofan himu. ''Lafti inni jiru fagoo ta'us, yeroo yeroottan bilbilaaf. Yoo bilbilli na didee dhiphina jiru dubbachu hindanda'u,'' jedhaniiru.
haatii kunis nageenyi bu'ee yaaddoon isaanii akka dhaabbatu yaadu. Kanaafis motummaan waan ummanni jedhu osoo dhaggeefate haallichi tasigabaa'u danda'a jechuu yaadasaanii BBC' f qoodaniiru.
Jiraataa Magaalaa Baahirdaar intalli isaanii barattuu damee dinagdee waggaa lammaffaa, ''furmaanni harka motummaa jira kan Obboo Yilaaqi, dhiphiinni maatii baayyee cimaadha'' jedhaniiru.
''Rakkinni amma agaru kunis rakkina siyaasaa barootaaf ture ta'u baay'ee gadda. Duri barattoonni yunivarsitii yoo kan miidhameef iyyaniifi qabsaa'aniin beeka ture. Amma garuu walii saanii hammeenyaan wal ilaaluun isaanii balaafama daandii irra dabarree kan mul'isuudha,'' jechuu ibsaniiru.
Akkasumas barsiisaa Taklaayi Gabiranisa'aa obbooleessa isaa barsiisaa ture amma barnoota yunivarsitii waggaa tokkofaa isaa dhabuun galeera. Naannoo Tigraayitti hojii barsiisummaatiin kan jiraatan barsisaa Takilaayi, obbooleessi isaanii lubbuun gara maatiitti deebi'unsaa akka isa gammachise dubbatu.
''Barnootaan cimaa waan tureef ofiisaatiin xumure obbooloota isaa ni gargaara amantaa jedhuun qaba ture. garuu, xin-sammuun obbolessa kiyyaa baayyee hubameera. Erga dhufees mana bahee hinbeeku. Kunis obbooloota quxuusuuf abdii kan kutachiisuudha,'' jedhuun waan itti dhagahame BBC'tti himaniiru.
Dhiibbaa barnootaa
Haala amma dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti ta'aa jiru kanaan kan yaadda'an barattootaa fi maatii qofa miti. Barsistoonis baayyee yaadda'u.
Barsiisaan maqaafi lafa itti barsiisan akka hinibsamne gaafatan tokko akka jedhanitti, walitti bu'insi akka ta'aa jiran kunis taatee tasa umame akka hintaane dubbatu. ''Barnoonni bu'aa jibba siyaasaa sirnichi fideefi sadarakaa dakaatii kaasee facaafamaa tureetti, jedhu.
Kana haalawwan adda addaatiin yoo daree keessatti ibsamu taajabu isaanii kan himan barsiisaan kun, ''amma danfee kan baheef ammoo dhiphiinsa siyaasaa biyyattii keessa jiruun walqabateeti,'' jedhu.
Obbo Isiraa'el Tasammaa, yunivarsitii Finfinneetti barsisaa Saayinsiifi Teknolojii kan ta'an gama isaanitiin, haallichi adeemsa barnootaa irraatti dhiibbaa olaanaa qaba jedhaniiru.
yaaddoon barattootaa fedhiifi qophaa'umsa barnootaaf qaban hir'isa. Yaalii guyyoota barnoonni adda itti citu guutuuf taasifamuunis bu'a qabeessummaa barattootaafi barsiiftootaa irratti hiikkaa qabaatas jedhaniiru.
''Burjaajiin karooraa akkasis sagantaalee dhaabbilee barnootaa irratti harkifannaa umusaatiin alatti, qulqul'ina barnootaa irrattis rakkina qabaata,'' jedhau Obbo Isiraa'el.