Hidhamtoota gadhiisuun maaliif barbaachise?

Dr. Mararaa Guddinaa
Goodayyaa suuraa Dr. Mararaa Guddinaa waggaa 1 fi baatilee lama booda kaleessa gadhiifaman

Ibsa koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI wal-gahii guyyoota 17 booda kenneen mootummaan hidhamtoota gadi dhiisuuf murteessuu beeksisee ture. Akkaata ibsa sanaatti hidhamtoota kana gadhiisuun kan barbaachiseef dirree siyaasaa biyyattii bal'isuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ture.

Kunis Namootni hedduun hoggantoonni paartilee siyaasaa fi namootni sababa siyaasaatiin qabaman hundi ni gadhiifamu abdii jedhu akka horatan taasisee ture.

Haa ta'u malee Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa namootni ulaagaa mootummaan baase guutan, kan mootummaa federaalaan himataman 115 himata isaanii adda kutuun gadhiisuu isaa beeksisee jira.

Akkatuma kanaanis dura taa'aa paartii KFO kan ta'an Dr. Mararaa Guddinaa dabalatee namoonni 115 himatni isaanii adda citee gadhiifamanii jiru.

Maaliif...?

Yeroo kanatti mootummaan hidhamtoota siyaasaa hiikuuf murteessuu isaaf sababoota garagaraatu jira jedhu hayyoonni.

Hidhamtoonni siyaasaa gadhiifamuun isaanii gaaffii uummataa ijoo waggoota sadan darban gaafatamaa turan keessaa tokkoo fi isa bu'uuraa ta'uu kan himan ogeessi seeraa Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii, "hidhamtoonni kunneen jalqabumaa hidhamuun irra hin turre, gadhiifamuun isaaniis dirqama," jechuun BBC'tti himanii jiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD kan ta'an Kumaa Baqqalaas, "hiikamuun hidhamtootaa fedhiifi jaalala mootummaa ta'ee osoo hin taane, qabsoon uummataa humnaa ol itti ta'ee dirqisiisuu isaa agarsiisa," jedhu.

Kanaafis mootummaan ulaagaalee gara garaa kaa'uun raawwiin isaa akka gufatu gochaa jiraachuu akka ragaatti eeru Obbo Kumaan.

Gama biraan dhiibbaan keessoo paartiilee miseensota ADWUI kanneen akka DhDUO fi SDSA irraa ka'es murtee kanaaf sababa ta'uu himu.

Dhiibbaan hawaasi idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaa irraan gahe kana keessatti qooda qaba kan jedhan xiinxalaa siyaasaa fi rogeessi mirga namoomaa Dr. Birhaanuu Leenjisoo, "Dr. Mararaa namoota gadhiifaman dura qabanii hawaasa idil-addunyaatti agarsiisuun ergaan dabarsuu barbaadan jiraachuu mul'isa" jechuun BBC'tti himanii jiru.

'Dirree siyaasaa bal'isuu'

Hidhamtoota gadhiisuun dirree siyaasaa bal'isuuf gargaaruu danda'a garuu galma dirreen siyasaa akka bal'atuuf barbaadamu hin milkeessu jedhu Dr. Birhaanamasqal.

"Jalqabumarraa gaaffiin uummataa gaaffii dirree siyaasaa bal'isuu osoo hin taane, gaaffii aangoo uummataa harka uummataatti deebisuuti, mootummaan akkaataan dhimmicha itti hubate mataan isaa rakkoo qaba" jedhu.

Ta'us "hanga seerotni hidhamtoota kana hidhaaf isaan saaxile hin jijjiiramnetti, hanga caasaan dhaabbilee mootummaa akka humna waraanaa fi poolisii hin fooyyofnetti, hanga bulchiinsi manneen sirreessaa hin sirroofnetti hidhamaa siyaasaa hiikuu qofaan dirree siyaasaa bal'isuun hin danda'amus" jedhu.

Namootni sababa siyaasaan hidhaman erga gadi lakkifamanii booda bilisa ta'anii siyaasa biyya kanaa keessatti qooda fudhachuu danda'uu gaaffiin jedhu gaafatamuun irra jiraata kan jedhan ammoo Obbo Kumaa dha.

"Sirni bifa diinagdee fi siyaasaan garee tokkoon dhuunfatame hanga sirna federaaliizimii sirriin bakka bu'uutti, dirree siyaasaa bal'isuun waan yaadamu miti," jedhu.

Amnestii Intarnaashinaalitti qorataa kan ta'an Obbo Natsaannat Balaayis yaada kana qooddatu, "mootummaan kana booda sababa siyaasaan namni akka hin hidhamne gochuu qaba," jedhu.

Sababa siyaasan himatamanii kan itti murtaa'es ta'e dhimmi isaanii mana murtiin kan ilaalamaa jiru hidhamtoonni hundi haalduree tokko malee gadhiifamuu qabus jedhu Obbo Natsaannat.

Yuunivarsiitii Finfinneetti piroofeesara muumme barnoota seeraa kan ta'an Dr. Asaffaa Fissahaa, "sirna paartii hedduufi waliigaltee fooyya'aa uumuuf hoggantoota siyaasaa hidhamanii jiran hiikuun barbaachisaadha," jedhu.

Kun rakkoo biyyattii ni fura jedhee hin yaadu kan jedhan Dr. Asaffaan, garuu jalqabbii gaarii ta'uu dubbatu.

Lakkoofsa hidhamtootaa

Dhaabbanni idil-addunyaa 'Prison Studies' jedhamu, bara 2010, waggoota saddeet dura Itoophiyaan hidhamtoota kuma 104 ol akka qabdu beeksisee ture.

Ragaan marsariitii galmee hidhamtoota siyaasaa hordofee gabaasu 'Ethio Trial Tracker' jedhamu irraa argame akka ibsutti, hidhamtoonni labsii farra shororkeessummaan himatamanii wayita ammaa mana murtii federaalaa waliigalaatti dhimmi isaanii ilaalamaa jiru namoota 900 ol ta'u.

Namoonni kunneen dhaabota akka ABO fi 'Ginboot Sabaat' mootummaan Itoophiyaa shororkeessitoota ittiin jedhu waliin hariiroo qabdu jedhamanii kanneen himataman ta'us ragaan marsariitichaa ni eera.

Lakkofsi hidhamtoota siyaasaa waggoota 26 darban keessa sababoota siyaasaan wal qabatan gara garaan yeroo adda addaatti hidhaman kuma dhibba tokkoo ol akka ta'u qorannoo dhunfaa isaaniin bira gahuu dubbatu Dr. Birhaanamasqal.

"Baroota 1990 keessa maqaa ABO'tiin, filannoo bara 2005 dabalatee baroota 2000-2009 maqaa seerota akka labsii farra shororkeessummaa, seera siiviikii akkasumas labsii miidiyaatiin, mormii uummataa bara 2014 booda dhalateen ammoo maqaa ABO fi Ginboot Sabaat jedhuun kan qabaman namoonni kuma dhibba tokko ol mana hidhaa keessa jiru," jedhu.

"Nama kana hunda mana hidhaa kaa'anii namoota dhibbaan lakkaa'aman gadi dhiisna jechuun, "uummatatti qoosuudha" jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata