Hudhaaleefi abdii paarkiiwwan indastirii

Paarkiiwwan Industirii

Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhiyoo as paarkilee indastirii ijaarruutti ko'oommataa jira. Kunis jiddugala maanufaakchariingi Afriikaa ta'uuf, akkasumas hoji dhabdummaa hir'isuuf shoora olaanaa qaba jedhamee abdatamee jira, ogeeyyiin tokko tokko karoorichi garmalee arbeeffamuu haa dubbataniyyuu malee.

Dargaggoota hojii dhabeeyyii karoora kanaan fayyadamna jedhanii abdatan keessa shamarreen ganna 19 Qiddist Damissee ishee tokko.

Dargaggoota hoji dhabeeyyii hedduu waliin dorgomtee warshaa huccuu keessatti qacaramuf gara paarkii indastirii Hawaasaa osoo seenaa jirtu BBC'n kan haasofsiise Qiddist, yoo milkoofte ji'atti qarshii 750 akka argattu abdii qabdi.

Sunis duraan keessummeessituu mana nyaataa tokkoo taatee kan argatturraa foyyee waan qabuuf malee gahaa ta'ee miti jetti.

Sanuu "hojiin isaa ni ulfaata" jedhu hiriyoonni koo dursanii qacaraman jechuun BBC'tti himteetti.

Hojjeettoota warshaalee paarkiiwwan kana keessa jiran keessa hojjetaniif mindaan kaffalamu gadi aanaa ta'uunsaa, hanqinni sharafa alaa akkasumas tasgabbii dhabiinsi siyaasaa biyyattii hudhaalee karoorichaa ta'uu dubbatu ogeeyyiin.

Kaffaltiin hojjettootaa gadi aanaa ta'uu isaatiin hojjettoonni hojii gadi dhiisanii deemuun rakkoo paarkilee indastirii biyyattiin ijaaraa jirtu hundaati kan jedhan ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan Mohaammad, paarkileen indastirii kunneen carraa hojii uumuun isaanii waan hin oolledha jedhu.

Rakkoo hoji dhabdummaa biyyattii parkilee indastirii qofaan hiikuun garuu waan hin yaadamne ta'uus dubbatu.

"Saffisni itti paarkileen kunneen ijaaraman harkifataa ta'uun, erga ijaaramees warshaaleen keessatti hojjetan muraasa ta'uun isaanii karoora dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu gufachiisaa jira," jedhu Obbo Abdulmanan.

Kanaaf karoorri biraa itti yaadamuu qaba jedhu.

Karoora arbeeffamee fi raawwii harkifataa

Paarkilee indastirii mootummaa ijaaramuuf karoorfaman keessaa xumuramanii kan hojii eegalan lama qofa yoo ta'an lamaan keessaa baasii doolaara miliyoona 250'n kan ijaarame paarkiin indastirii Hawaasaa isa tokko.

Omishtoonni paarkii indastirii kana keessatti hojii eegalan, elektiriikii rakasa, dhiyeessii bishaaniifi tajaajila bulchiinsaa bilisaan argatu.

Yeroo dheeraaf gibira kafaluu irraa bilisa akka ta'aniifi kafaltiin kiraas rakasa ta'uutu himama.

Paarkiilee indastirii xumuraman keessatti warshaalee isaanii kan dhaaban abbootiin qabeenyaa biyya alaa hedduun jiraatanillee baasii ijaarsaa paarkilee kanneeniif bahuufi bu'aa isaan argamsiisaan wal-bira qabanii himuuf qorannoon cimaan adeemsifamuu barbaachisa jedhu Obbo Abdulmanan.

Bu'aan isaanii qorannoon kan mirkanaa'u osoo ta'eeyyuu karoora qabame milkeessuun ulfaataa ta'uun garuu tilmaamaaf nama hin rakkisu jedhu.

"Humna maallaqaafi beekumsa teekniikaa daran guddaa waan gaafatuuf yeroo qabame keessatti milkeessuun waan hin danda'amnedha," jedhu.

Hanga bara 2025'tti paarkilee indastirii kan warshaalee omishaalee qonnaa qofa qindeessan 17 ijaaruuf karoorfamee jira.

Ijaarsa paarkilee kanneeniif doolaarri biliyoona 2.5 kan barbaachisu yoo ta'u, adeemsa ijaarsaa paarkilee kanneeniifi kan biroo keessatti qaala'iinsa uumamuu danda'u waliin walumatti birrii biliyoona 100 ol barbaachisa jedhu Obbo Abdulmanan akkamiin karooricha milkeessuun ulfaataa akka ta'e yoo ibsan.

Jiddugala Maanufaakchariingii

Sadarkaa olaanaan damee maanufaakchariingii hawwataa kan turan biyyoota Eeshiyaa keessatti gatiin humnaa dabaluun wal-qabatee warshaaleen hedduun Afriikaa filataa jiru.

Kana akka carraatti fayyadamuun, jiddugala manufaakchariingii ta'uuf fedhii guddaa kan qabdu Itoophiyaan hojiilee gara garaas hojjetaa jirti.

Ijaarsi paarkilee indastirii agarsiiftuu kanaa keessaa akka tokkootti fudhatamuu danda'a.

Paarkii indastirii Hawaasaa keessatti galma warshaalee 35 fi dabalaataanis man-kuusaawwan 15 ijaaramanii jiru.

Warshaaleen huccuu paarkii indastirii kana keessa jiran bara darbe oomishaalee isaanii gara biyya alaatti erguun ji'atti doolaara miliyoona tokkoo ol argachaa jiru jechuun inistiitiyuutiin misooma indastirii huccuu Itoophiyaa Adoolessa darbe beeksisee ture.

Warshaaleen hundi wayita hojii eegalan namoota kuma 60 oliif carraa hojii uumuun alatti, waggaatti sharafa alaa doolaara biliyoona tokko argamsiisa jedhameera.

Haa ta'u malee tasgabbii dhabuun siyaasa biyyattii abbootiin qabeenyaa akka sodaataniifi gara biyyatti akka hin dhufne, hanqinni sharafa alaas karoora jiddugala maanufaakchariingii ta'uuf biyyattiin qabatte danqaa jira jedhu ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan.

Hoji dhabdummaafi dhimma godaantotaa

Paarkileen indastirii biyyattii kunneen sadarkaa olaanaatti rakkoo hoji dhabdummaa biyyattii ni furu jedhame yaadama.

Ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan garuu baasii guddaa baasanii paarkilee karoorfaman hunda ijaaruun dura raawwii warra ijaaramanii xiinxaluun barbaachisaadha jedhu.

"Wanti amma argaa jirru rakkoolee diinagdee qabnu hundaaf furmaata fidu amantaa jedhuun paarkilee kanneen ijaaruudha," jedhu.

Gama biraan Itoophiyaa keessatti carraa hojii uumuun godaantota gara Awurooppaa imalan hambisa abdii jedhuun Gamtaan Awurooppaa doolaara miliyoona 500 arjoomuuf waadaa galee jira.

Kunis godaantota silaa gara awurooppaa godaanan kuma 90'f carraa hojii uuma jedhamee amanama.

Obbo Abdulmanan kunis waan irra deebiin ilaalamuu qabudha jedhu, sababni isaas Itoophiyaan ofiifuu hoji dhabeeyyii hedduu qabdi, osoo isaaniif hojii hin uumiin godaantota biyya biroof hojii uumuuf yaaduun rakkisaadha jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan