Jireenya gogiinsaan miidhame: Qormaata Horsiise Bultoota Booranaa

Obbo Doolo Booruu

"Lafuma tanatti dhaladhe, gara iddoowwan baay'ettis loon waliin godaaneera. Haa ta'u malee loowwan koo hundi mana kanatti dhuman," jechuun ture Obbo Doolo Booruu BBC'ti haala jireenyaa keessatti argaman kan himan.

Lafa ho'ii aduu cimaa itti ta'ee sochii namaaf rakkisuu, godina Booranaa aanaa El-Wayyee ganda Saabbaatti Obbo Doolo Booruu waliin daqiiqaawwaniif imallee qe'ee isaan rakkinaan biraa baqatan geenye.

Manni citaa isaanii citaa mataasheerra jiru ofirraa gatteerti. Keessoon manichaas gogaa loon du'aniifi elemtuu annan dheebottee qofatu jira. Moonaan looniis ona ta'eera.

Obbo Doolo Booruu loowwansaanii jaatami torba gutumaan guututti dhaban, re'ootni fi lukkuuwwan isaanis hoomtuu harkatti hin hafne.

"Moonaa keenya cufnee baqanne, akka ganda kanaatti miidhama guddaatu jira. Ijoollee koo barsiisuu hin dandeenye. Waan waaqaan ta'e waan itti morkannu hin qabnu" jechuun rakkoo cimaa keessa akka jiran BBC'ti himan.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Abbaa qabeenyummaa irraa gara harka namaa ilaaluutti

Rakkoon Obbo Doolo Booruu kun horsiise bultoota godina Booranaa kumaatamaan lakka'amanif wal fakkaataa dha.

Godinichatti abbootin warraa 44,000 ta'an beeylada 250,000 ol sababa dheebuu nyaata fi bishaanii akkasumas dhukkuboota bonaan walqabatanii dhufaniin jalaa dhuman.

Gogiinsa Rakkoo Biyyaa

Dhimmoota namoomaa irratti odeeffannoo dhiyeesuun kan beekamu marsariitiin 'reliefweb' jedhamu gogiinsi waggoota sadeen darbanitti kutaalee biyyattii garaagaraa miidhe namootni milliyoona 8.5 deeggarsa nyaataa hatattamaa akka barbaadan taasisuusaa hima.

Lakkoofsi kun namoota milliyoona tokkoo ol kan sababa walitti bu'iinsa naannoolee Oromoo fi Somaalee gidduutti uummameen buqqa'aniin walitti yeroo ida'amu rakkinicha hammaataa akka taasisu dhaabbata biyyaalee gamtoomanitti dameen gargarsa hatattamaa daa'immanii UNICEF hima.

Ragaan komishinii hoggansa hojii sodaa balaa biyyaaleessaa naannooleen akka Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee, gandoota baadiyyaa Diredawaa fi Harar akkasumas naannoon Tigraay fi Saba, sablammoota fi ummatoota kibbaa gogiinsa waggoota darbanitti uummameen miidhamusaanii agarsiisa.

Miidhaan gogiinsa kanaan qaqqabe immoo jireenya horsiise bultoota biyyattii keessa jiran rakkoo hanga ammaa keessaa bahuu hin dandeenyeef kan saaxile dha.

Itti aanaan waajjira horsiise bulaa aanaa El-Wayyee Dooktar Abbaagannaa Shibbiruu dhibbeewwan loonii kan akka sombeessaa, beelli fi dheebuun dhumaatii loonii horsiise bultoota aanichaaf sababa akka ta'an BBC'ti himan.

Gargaarsa fi Sodaa

Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee miti mootummaa garaagaraa waliin ta'uun namoota sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisaa akka jiru komishinarri komishinii hoggansa hojii sodaa balaa biyyaaleessaa Obbo Mitikku Kaasaa BBC'ti himan.

Bara 2018 keessas misooma bishaanii fi margaa akkasumas namoota loon jalaa miidhamaniif hojii loon bakka buusuu akka hojjetan dubbatan.

Gama biraatin immoo horsiise bultootni godina Booranaa loonsaanii sababa hongeen jalaa dhuman deeggarsi gama mootummaan taasifamu gadi aanaa ta'uusaa dubbatu.

Deeggarsa midhaaniin alatti loon jalaa dhuman gama bakka buusuutin hojiin hojjetame xiqqaa dha.

Akka aanaa El-Wayyeetti illee abbootiin warraa 600 ol loonsaanii marti kan jalaa dhuman yemmuu ta'u kan gargaarsa sa'a takka fi hoolota lama argatan abbootti warraa 50 kan hin guunne dha.

Kunis horsiise bultootni kunnen gogiinsicha dandamachuu akka hin dandeenye, iddoo jireenya isaaniiti akka buqqa'an, ijoollee isaanii gara mana barumsaatti erguun akka itti ulfaatu fi yeroo kamiyyuu caalaa harka mootumma akka eegatan taasiseera.

Ejansiin misooma idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis USAID gama biraatin kutaaleen kibba-baha biyyattii walakkeessa bara faranjootaa 2018 keessallee hanqina nyaataa cimaan miidhamaa turu jedha.

Keessattuu maatiwwan horsiise bultoota sababa hongeen buqqa'anii rakkoo hammaataa keessa galuu akka danda'anis hima.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata