Labsiin yeroo muddamaa maal fa'i dhorka?

Siraaj Fageessaa
Goodayyaa suuraa Siraaji Fageessaa Ministira Ittisaafi duree mana maree nageenyaa

Rakkinni nageenyaa biyyattiin wayita ammaa kana keessatti argamtuu yaachiisaadha jechuun, mootummaan Itoophiyaa Jimaata darbee labsii yeroo muddamaa labseera.

Minisitirri Mummichaa biyyatti obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi aangoosaanii gadhiisuun kan dhagahame labsichaan guyyaa tokkoon dura ture.

Oduuma aangoo gadhiisu minisirichaatti aansee ammoo, biyyattiin rakkinni nageenyaa wayita ammaa kana jiru yaachiisaadha jechuun labsii yeroo muddaa labsitee jirti.

Labsichaafi dhimmoota labsichi hammatu ilaalchisees, Ministirri Ittisaafi Dura ta'aa mana maree nageenya biyyaaleessaa Obboo Siiraaj Fageessaa ibsa Sanbata darbe kennaniin, haalli nageenyaa biyyatti yoo fooyya'e malee guyyoota 15 keessattu labsiin yeroo muddamaa labsanuu akka qabaatu waligahii ADWUI irratti walii kan galameedha jedhaniiru.

Labsiin yeroo muddamaa Jimaata darbe labsamee ture kan baatiiwwan jahan dhufaniif biyyattii guutuutti hojiirra oolfamu ta'usaa, Ministirri Ittisaa biyyattii Obbo Siraaj Fageessaa himan.

Labsichi manni maree ministirootaa sagalee guutuudhaan kan raggaasifamee ta'uusaa kan eeran minisitirichi, rakkina nageenyaa biyyattii keessa jiruun mootummaa cee'umsaa hundeessuun barbaachisaa akka hin taane dubbataniiru.

Ministirichi ibsa gaazexxeessitootaaf har'a Sambata kennaniin, haalli nageenyaa biyyattii keessatti mul'atu yaachisaa ta'usaa, rakkinichi magaalaa guddittii biyyatti Finfinnee keessattis mul'chuusaa himaniiru.

Akka ibsa ministira ittisaa kanatti, labsichii guyyoota 15 keessatti mana maree bakka bu'oota ummataatiif kan dhiyaatu ta'usaafi haalli nageenyaa fooyya'uu baannanis labsichi baatiiwwan dabalataa afuriif dheereeffamu ni danda'a.

Akkasumas dhaabni ADWUI walgahiisaa guyyoota 17'f gaggeessee tureen haalli nageenyaa biyyattii fooyya'uu yoo baatee guuyyoota 15 keessatti labsiin yeroo muddamaa akka labsamu waliigalamee turees, jedhaniiru.

Komaand poostiin hojjiirra oolmaa labsichaa hordofu hundaa'uusaafi itti waamamni isaas Minisitira Muummichaatiif ta'a jedhaniiru.

Tarkaanfiiwwan koomaandi poostiin labsii yeroo muddamaa fudhatu qabxiilee 18 kan ofi keessa qabu yoo ta'u, qajeelfamni raawwii labsichaa bal'inaan ibsu fulduraaf ni baha jedhaniiru.

Labsichaan daangeessi yeroo akka taasifamu ibsameer.

Qajeelfamni raawwii hojii qophaa'uun ifa taasifama.

Koomaandi poostiin kan hundeeffame yoo ta'u, innis ministira mummichaafi ittaanaa ministira mummichaa, komishiinii poolisii federaalaa, waajjira nageenyaafi waajiraalee nageenyaa naanoolee fi kanneen biroos kan hammatu ta'u ibsamee.

Labsichi tarkaanfiiwwan maali fa'i fudhataa?

  • Heera mootummaafi sirinicha balaa irraa ittisuuf, nageenyaafi tasgabbii ummataa eegsisuuf barbaachisaadha jedhee yoo amanee, jeequmsaa ifaafi dhoksaan taasifaman, dadamaqsa, barreeffamoota qopheessuu, raabsuu, mallattoon ykn ergaa karaa kamiiniyyuu agarsiisuu ykn ummataaf karaa kamiin iyyuu ifa taasisuu ni dhorka.
  • Midiyaa kamiyyuu dhaabsiisu ykn cufuu ni dnda'a.
  • Nageenyaafi tasgabbi ummataa eegsiisuuf jecha hiriira gochuu, ijaaramuu, gareen socha'u ni dhorka.
  • Namni yakkawwan heera mootummaafi sirnicha irratti yaadee, kan oogganee, kan qindeesse, kan cabsee ykn karaa kamiiniyyuu gocha yeekka keessatti kan hirmaate ykn hirmaateera jedhamee kan shakkamee ajaja mana murtii tokko malee to'annoo jala olfama. Erga qornnoon irratti taasifameen boodas mana murtii idileetti dhiyeefama.
  • Meeshaalee yakki ittiin raawwatamuu danda'aniifi tiin raawwatan qabuuf jecha ajaja mana murtii malee mana, eddoo, geejjiba akkasumas nama kamiiyyuu dhaabsiisuu eenyummaasaa gaafachuu fi sakkata'u ni danda'ama.
  • Meeshaalee sakkata'uun qabaman ammoo mana murtiitti dhiyeessuun akkuma jirutti ta'ee, qolqullaa'uun abbichaaf ni deebiifama.
  • Haala daangaan yeroo hojiirra itti oolfamuu ni murteessa.
  • Yeroo murtaa'ee qofaaf daandii ykn dhaabbilee tajaajila keennan cufuu akkasumas namonni yeroof bakka ta'ee akka turan, naannoo ta'ee akka hinseenne ykn bakka ta'ee akka hinsochoonn ni taasisa.
  • Haala eegumsa bu'uura misooma dhaabbilee ni murteessa.
  • Nageenyaafi tasigabbii lammiilee eegsiisuuf jecha meeshaalee waraanaa, ykn kan qara qaban, kanneen ibida kaasan qabatanii bakka itti socha'uun hindanda'amne ni murteessa.
  • Caasaawwan sababii dhabiinsa nageenyaatiin barbadaa'an naannooleefi hawaasa naannichaa waliin ta'uun deeebii'anii akka dhaabbatan ni taasisa.
  • Namoota sababii walitti bu'iinsaa ykn xiyyeeffannaa sanyiitiin lafa jiraatanii buqa'an bulchiinsoota naannooleefi ummata walin ta'uun akka lafa jireenyaasaaniitti deebii'aniif deegarsa ni taasisa.
  • Dhaabbilee tajaajilaa, hojiiwwan daldalaa ykn dhaabbilee mootummaa ummanni itti fayyadamu akka tajaajillisaanii hindhaabanneef eegumsa ni taasisaafi.
  • Qaamni kan darbuun tajaajila dhaabe kamiyyuu seeraan kan gaafatamu ta'a.
  • Nageenya tamsaasaafi dadabarsaa shaqaxawwan bu'uuraa ni mirkanneessa.
  • Nageenya adeemsa geejibaa ni to'ata, ni mirkanneessa.
  • Dhaabbileen barnootaa rakkoolee adeemsa baruufi barsiisuutti gufuu ta'an irraa kan bilisoomaniifi hojiinsaanii idilee akka hinjeeqamnee ni hojata.
  • Heera mootummaafi sirina heera mootummaa eegsiisuuf, balaarraa eeguun nageenyafi tasgabbii uummataa eegsiisuuf tarkaanfiiwwan barbaahisaa ta'an huunda kan biraas ni fudhata, jedheera ministirichi ibsa isaanitiin.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata