Gaaffiiwwan labsiin yeroo muddamaarratti ka'aa jiran

Mormii biyyattii keessatti gaggeefamaa ture keessaa Image copyright STRINGER

Labsiin yeroo muddamaa Jimaata darbee mana maree ministiroota Itoophiyaatiin labsamee erga midiyaa mootummaa EBCn ifa taasifamee kaasee gaaffileen garaa garaa ka'u kan eegalan.

Manni maree ministirootaa haalli nageenya biyyattii yeroodhaa gara yerootti yaachiisaa ta'uu, akkasumas walitti bu'iinsi lammummaarratti xiyyeefataniifi miidhaan baayyechaa dhufuunsaa barbaachisummaa labsichaatiin sababa jechuun eereera. Haa ta'u malee, labsiin mirgoota garaa garaa daanggeessu kunis akka filmaata dhumaatti fudhachuurra filmaatiwwan biraa ilaaluun caalaa furmaata hinta'u ture jechuun gaaffiilee garaa garaa ka'aa jiru.

Gama biraatinis boromtaa Ministirri Waajira komunikeeshinii mootummaa Dr Nagarii Leencoo , labsii yeroo mudamaa labsuuf haalli nama dandeessisuu hinjiru jechuun dubbatan bariitti ture Ministirri mummichaa obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi aangoo saanii gadhiisuu isa kan taasisan. Obbo Shifaraaw Shiguxee, barreessaa mummeen dhaabbichaa wayita fudhatama argannaa gaaffii Obbo Haayilamaariyaam dubbatanitti, ''rakkoolee nageenyaa asiifi achitti mulataniin alatti'' haalli adda ta'e kan biraa hinjiru erga jedhaniin booda labsichi labsamuunsaa baayyeetti gaaffii umeera.

Tibba walitti dhufeenyaafi haala siyaasa biyyatti fooyyeessuuf jecha hidhamtoota siyaasaa, gaazexessitoota, fi namoota mirgaaf falman kumaatamatatti lakkaa'aman osoo hiikamaa jiranu, labsiin hidhamuu namoota hedduutiif sabab ta'e deebii'ee dhufuunsaa paartii biyya bulchuufi mootummaan jiddutti ergaafi fedhii walfakkaataan akka hinjirree kan agarsiisuudha jechisiiseera.

Image copyright ZACHARIAS ABUBEKER

Ameerikaanis haala kana dura hinbarmneen jechoota cimaan labicha ''akka hinfunnee'' ibseera. Rakkina biyyattiitiif ''bilisummaa hir'ate malee kan fooyya'ee miti'' jechuu yaaddoo ishee ibsitee jirti.

Ministirri ittisaa fi barreessaan humna labsicha raawwachiisuuf hundeefammee Obbo Siraaji Faggeessaa ibsa Sanbata darbee keennaniin booda siyaasa biyyatti irratti gaaffiiwwan dabalataa ka'aa jiru.

Dhuguma manni marii minisitirootaa gutummaan irratti waliigaleeraa?

Labsiin yeroo muddamaa odeeffamu erga eegalee kaasee, dhaabbileen miseensa adda biyya bulchaa jiruu lamaan OPDO fi WDSA ilaalcha tarkaanficha mormuu akka qaban keessa beektoonni ni dubbatu.

Obbo Siraaji garuu komiiwwan kanneen turachuun labsichi sagalee guutuun fudhatama argate jechuun ibsaniiru.

Qorataan siyaasa gaanfa afriikaafi nageenyaa obbo Haleeluyaa Lulee yaadniiwwan lamaanu sirrii ta'u maluu jedhera.

Miseensoota mana maree ministirootaa keessaa ministiri ajaa alaafi komunikeeshiin mootummaa biyyaa alaa jiraachunsaanii murte dabarfame keessaatti kan hin eeramiin ta'ulleen, murtichi sagalee guutuun dabarfamuunsaa nama kan dinqu hinta'u jedha obbo Haaleeluyaan. Kuni ammoo paartiiwwan gutummaatti ni deegaru jechuu miti jechuunis ni mormu.

"Jalqaba ministiroonni mana maree keessa jira baayyee cimoo miti. OPDOfi WDSA yoo fudhannee, miseensonni cicimoon kan jiran mana maree naannoolee keessadha. Manni maree ministirootaa kan filatame ammoo kallattii dhaabbilee idil adhunyaa, dhaabbilee barnootaa fi bakka bu'iinsaa sabaa irratti xiyyeefateen kan filatamaniidha,'' jedha.

Namoonni dandeettii qaban baayyeen miseensa mana mareetiin ala jiraachusaanii dhimmoota agarsiisan keessaa tokko dandeettii siyaasaa mootummoonni naannoolee yeroo dhihoon asitti agarsiisaa jiraniidhas jedheera.

Mootummoonni naannoolee qoolleefamaniiru?

Dhimmoota obboo Siraaji tibba ibsa labsichaa irratti kaasan keessaa tokko, humna akka labsicha hojiirra olchaniif hundeefameedha.

Garee miseensoota gara jahaa ofi keessaa qabu kunis pirezidaantoota naannoolee hammachuu dhiisuunsaa fudhatamaafi hojiirra olmaa labsiichaa irratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u Obbo Haaleluyaan ni tilmaamu.

''Lansiichi ka'unsarraa gaaffii fudhatamaa qaba. Bakka siyaasni sanyummaa cimee jiruutti garee labsicha raawwachisu bakka bu'iinsa sanyii sirree dhabuunsaa ammoo gaaffii biraati. Naannoolee hammachu dhiisuunsaas sadarkaa naannooleetti bakka bu'aa akka dhabu taasise,'' jedheera.

Akka Haaleeluyaatti dhugaawwan kunneen hojiirra olamaa labsichaatti rakkina yoo uman kan nama dinqu hinta'u. Kana malees addicha keessatti garaa garummaan fedhiifi kallattii jiraachuus kan dhugoomsu dha.

Hiikaa labsiiwwan lamaanii:

Labsiin jalqaba ALI bara 2009tti ja'a jahaaf labsamuun booda baatii afuriif dheerefamee ture, rakkoolee kiyyeefameef hiikusaarratti gaafiin ka'uun dhagameera. Ta'us yeroof rakkina nageenyaa ture cal godhe ture.

Amma garuu sababiiwwan walfakaatan akka hineegamne taasisan yoo dubbatus, mootummaan waggoota lamaan dura tureefi kan ammaa kan walfakkaatan miti jedha Haaleeluyaan.

Kana malees, ''ummanni waggoota sadiifi afuriif mootummaa mormuun yoo itti fufuu, ofitti amanamummaan isaa dabalaa, gaaffiiwwan caalaa ifa ta'aa, caasaan mormii baayyachaa adeemu.''

Labsiin yeroo muddamaa duraa daangeefama biyyaaleessaa olaanaa, cabiinsa hamleefi taatee kabaja irreechaa nuusuu olaanaa umeen asii rakkina tasgabbii umameetti akka waa gumaate Obbo Haleeluyaan ni dubbatu.

Guyyoonni itti aanan 15 murtee olaanaa akka qabaatan eegama. Yeroo kana keessattis labsichi mana maree ummataatiif dhiyaachuun ni raggaasifama.

Osoo ragaasifamee iyyuu baatiiwwan jahan jedhameef kan ittiin hojatamu hinfakkaatu jedha obbo Haaleeluyyaan.

Muxannoo bara darbee irraa ka'uunis labsichi baatiiwwan dhufan jahaaf hojiirra kan oolu yoo ta'ee, dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa geessisuunsaa waan hinollee tilmaamuun ni danda'ama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata