'Labsiin yeroo muddamaa mirga namoomaa sarba'

Mormitooti dhiibbaa siyaasaafi dinagdee dhggeesifatan kabaja ayyaana Irreecha Bishooftuutti, Onkoololessa 2, 2016 Image copyright Reuters

Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaan yeroo lammataaf labsite lammiilee biyyatti sarbama mirga namoomaa dabalataaf saaxila yaaddoo jedhu akka qabu Qorataan dhaabbata mirga namoomaa 'human Rights watch' kan Gaanfa Afriikaa BBC'tti hime.

Qoratichi Mr Feliiks Hoorn labsiin yeroo muddamaa kunis sirriiyyuu biyyattiitti rakkoo dabalataa fida jedhaniiru.

''Erga hidhamtoonni siyaasaa gadhiifamuu eegalanii asi abdii guddaatu ture. Garuu osoo takka hinturiin labsii yeroo muddamaa labsuun yaaddeessaadha,'' jedhaniiru.

Akkuma beektu waggoota lamaan darbaniif Itoophiyaa keessatti dirreen siyaasaa akka hin bal'anne wantooti ittisan hedduutu ture.

Tarkaanfiiwwan biyyattiitt dirree ni bal'isa akkasumas waltajjii marii ni bana jedhamee abdatame keessa inni tokko hidhamtoota siyaasaa hiikuu waan ta'eef abdii guddaatu ture.

Garuu osoo torbee hinguutiin labsiin yeroo muddamaa Labsamuun isaa abdichi kara yaaddootti akka geedaramu taasiseera.

''Sababa amansiisaa waan qabu natti hinfakkaatus. Labsiin yeroo muddamaa mirgoota namoomaa bu'uraa kan sarbudha. Sarbamuun mirga namoomaa ammoo rakkoo guddaa Itoophiyaa waan amma keessa jirtuuf saaxileedha,'' jedhu Feliik.

Kanaaf, labsiin yeroo muddamaa kun madda furmaata osoo hintaane rakkoo irratti rakkoo biraa akka dabaluutti kan ilaalamaa jiru qaamoota adda addaatiin.

Labsii yeroo muddamaa duraarraa maaltu yaadatama

Labsiin yeroo muddama darbe balaa Irreechaa booda warshaaleen gubachuu fi qabeenyi barbadaa'uu isaa sababeeffachuun ture kan labsame.

Haala ture to'achuufi tasgabbeessuuf gargaaree ture. Amma garuu haalli jiru akkas ta'uu dhiisuu mala soda jedhun qaba, Feliik.

Namonni hedduun mootummaa kana nuffanii jiru, mormiinis jabaatee jira. Kanarratti waan mirga namaa sarbu akka labsii yeroo muddamaa gaafa fiddu namni cal jedhe fudhata jedhee hin yaadu jechuunisa sodaa isaanii ibsan.

''Kanaaf guyyootaafi ji'oota muraasa dhufan keessatti humnoota nageenyaafi uummata gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu mala jedheen yaada. Namoota tuutaan hidhuu, mirga mormuufi walitti qabamuu dhorkamuun jiraachuu mala, kuni hundi baay'ee nu yaaddessa,'' jedhu qorataan kun.

Rakkoolee Itoophiyaa mudataa jiran keessatti kuni boqonnaa yaaddessaa isa birooti kann jedhan, mootummaan namni yaada isaa akka hin ibsanne ukkaamsuu hin qabu, jedhaniiru.

Kana gochuun furmaata akka hin fidne waggoota lamaan darban ifatti agarree jirra.

Namni mormii qabu akka hin ibsanne ukkaamsuuf furmaata fida osoo hin taane rakkinicha caalaatti hammeessa.

Akkan yaadutti mootummaan guutummaan guutuutti dirree siyaasaa banaa gochuu qaba.

Kuni waan ta'uu qabu akka ta'e mootummaanis waan amane fakkaata.

Kanaafis hoggantoota siyaasaa akka Baqqalaa Garbaa hiikuun tarkaanfii gaariidha.

Haa ta'uu malee dhimmootni akka Muummicha Ministeeraa bakka buusuu, Filannoo biyyaalessaa fi kanneen biro irratti paartileen siyaasaa mormituu, miidiyaan fi qamni dhimmichi ilaallatu hundi bilisaan irratti mari'achuu fi gumaacha gochuu qabu.

Labsii yeroo muddamaa jalatti kana gochuun ammoo ulfaataadha. Dubbiin akka caalaatti hin hammaanne dirreen siyaasaa banaa ta'uutu irra jira.

Labsichi attamiin fudhatamaa jira?

Erga labsiin yeroo muddamaa itti labsamee Jimaataa kaasee Oromiyaa keessatti namoonni jireenya isaanii kan duraa jiraachu kan itti fufan fakkaatu.

Godinaaleewwan naannichaa garaa garaa keessatti ummanni kumaatamaan lakkaa'amu bahuun hidhamtoota hiikaman simachaa ho'aa taasisaaf jiru.