'Xiiqiituu aadaa Oromoo fakkiin akkan mul'isu na taasise'

Aartiisti Birhanuu Guutaa fakkiisaa waliin
Goodayyaa suuraa Aartiisti Birhanuu Guutaa

Galma Jiddu gala aadaa Oromootti agarsiifni fakkii ummataan dowwachaa jira.

Agarsiisni fakkii guyyoota 15'f turuufi kan aartiistota Oromoo buleeyyii fi dargaggoota ta'aniin qophaa'e Finfinnee galma Giddu Gala Aadaa Oromootti agarsiifamaa jira.

Agarsiisa kana Dr. Kabajaa Aartiist Lammaa Guyyaa dabalatee ogeeyyii fakkii buleeyyii kanneen akka Girmaa Bultii, Umar Bookee, Daniel Asfaaw fi Burtukaan Jimaa akkasumas dargaggoota ogummaa kana qaban hedduun kan hundaa'e Waldaa Faayin-aartii Oromootu qopheesse.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Aartii Oromoo fakkiidhaan

Dargaggoota kanneen keessa Maqaa 'Bokkuu Art Gallery' jedhuun fakkiiwwan gosa gara garaa kaasuun Feesbuukii irratti kan maxxansu dargaggoo Birhaanuu Guutaa waliin BBC Afaan Oromoo gaaffiifi deebii taasisera.

Dargaggoo Birhaanunis fakkii kaasuu akkamiin akka eegalte gaafatame,''xiiqiituu akkan aadaa Oromoo fakkiin mul'isu eegalu na taasise. Kunis xiiqii aartiin Oromoo maaliif hinguddannee? Nuti fakkii kaasuu hindandeenyee moo yookaas rakkina biraatu jira jechuun xiiqiin natti dhagahameetiin,'' jedheera.

Isaan boodas maaliifan ka'ee aadaafi seenaa Oromoo fakkiin hinmul'ifne jechuu oggummaa fakkii kaasuu kana akka eegale dubbata.

Akka dargaggoo Birhaanuun himetti, dargaggoonni Oromoo rakkoolee dachaa bara dheeraaf tureen kan ka'ee, beekumsaafi oggummaasaanii baasanii mul'isuuf carraa hinargannee ture. Garuu yeroo dhihootiin asi dargaggoo muraasni golaa asi bahu eegalaniirus jedheera.

Cunqurisaan baroota dheeraaf uummata Oromoorra tureen kan ka'ee, sammuun uummata Oromoo mataasaa, haalli aadaafi dudhaa ofiitti boonuun ifatti baasuu itti qaaneefatu irra gahe turuus Birhaanun ni dubbata.

Kanaan kan ka'ee hedduun aadda barreedduu ofii dhiisuu gara kan ormaa leellisaattu yaaluus himeera.

Kana malees, hojii Aartii gadi baaftee ummatatti mul'isuuf midiyaa kan barbaadu yoo ta'u, akkuma beekamu amma yeroo dhihootti uummanni Oromoo midiyaa aadaafi dudhaasaa ittiin ifatti beeksifatu cimaa hin qabu ture, jedha Birhaanuun. Dhiheenya kana keessa abdiiwwan muraasni mul'achuu eegaluusaaniis hindaganne.

''Ani hojiiwwan Aartii haala fakkiitiin hanga ha'raatti hojadhe tokkoolleen gurguree bu'aa irraa argadhee hinbeeku. Jaalaluman Aartiif qabuuuf jecha hojadhee kaa'aa ture jira. Meeshaalee na barbaachisanis galiin hojii makaanikaa irraa argadhuunan bitachaa jira,'' jedheera.

Eergaawwan dargaggoo Birhaanuun karaa fakkiiwwan isaatiin dabarsuu yoo tarreessus ''haala Oromoon ittiin hirreefatuu, dheechisa aadaa Oromoo, fakkii gotootaa, rakkollee ummatichi keessa darbe, beelaafi gadadoo fi kkf dha'' jedheera.

Haawwiin dargaggoo kanaas, gara fuulduraatti isituudiyoo mataasaa qabaachuun aadaa uummata isaa caalaatti calaqisiiuudha. Kaafis kunoo artitoota Oromoo bebbeekamoo yeroo ijoollummaa isaatii qabee akka isaanii ta'uuf hawwu kan akka Aartiisti Lammaa guyyaa fi kan biro waliin ta'uun, ta'uun dagaagina aadaa uummata isaatiif kan gaheesaa bahuufis akka hojachu dubata.

Qaamuma kaayyoosaa kanaatinis kumoo aartistoota Oromoo buleeyyiifi dagaggoota waliin ta'uun Waldaa 'Faayin aartii Oromoo' jedhu hundeessanitiin agarsiisa fakkii qopheessuun uummataaf banaa taasisuu danda'eera.