Carraafi rakkoolee Afrikaa keessatti invasti gochuun qabu

Dr Haaranat wayita leenjii kennaa jirtuutti
Goodayyaa suuraa Dr Haaranat wayita leenjii kennaa jirtuutti

Baroota dheeraadhaaf midiyaalee waa'ee Afriikaa kan gabaasan irra caalli waa'ee waraana, beelaafi lafa rakkinaa ta'ushe ture.

Haa ta'u malee, dhugaansaa garuu Afriikaan yeroo ammaatti jiddugale invastimantii abbootii qabeenyaa biyyaa alaa ta'aa akka jirtuudha.

Haaluma kanaanis Dr Haarinat Bakiratsiyoon, lammiileen afrikaa carraa kanatti haalaan akka fayyadaman taasisuuf jecha pirojaktii qopheessuun hojiirra olchuun baayyeen gara ardii afriikaa akka dhaqan hojachaa jiraachu dubbatti.

Kaayyoo inni guddaan pirojaktii kanaas, 'lammiileen afriikaa keessattuu Ameerikaafi Awuroppaatti argaman dameewwan invastimantii adda addaa irratti akka hirmaataniif jajjabeessuufi leenjii kennuudha,' jetti Dr Haarnat.

Dr Haarnat dhalatte kan guddatte biyya Jarmanitti yoo ta'u, wayita ammaa kanatti haadha ijoollee lamaati. Gama barnootaatiinis damee Wabii nyaataafi Misooma Baadiyaatiin heebbifamte jirti.

Waggoota 13n darbaniifis dhaabbile akka mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Awurooppaa akkasumas dhabbata Oksifaam keessatti gorsitu olaantu ta'uun biyyoota akka Biritaaniyaa, Ertiraa, Sudaan fi Jarman keessa hojjattee jirti.

Kana malees qabeenyaa afriikaa hintuqamiin hojiirra olachuuf jechuunis amma xiyyeefannaa ishee gara ardii Afriikaa kan taasifatte.

Ammas pirojekii kanaan carraan leenjiifi daladalaa lammiilee afriikaa biyya abmaa jiraataniifi kanneen afriikaa keessa jiraatanif banaa ta'u dubbatti.

Wayita ammaattis, daldalliifi invastimantiin afriikaa keessatti guddina agarsiisaa jiraachusaa eeruun, lammiilee afriikaas taajjabdoota qofa osoo hintaanee fayyadamtoota carraa uumamee akka ta'aniif karri saaqamusaa Dr Haarnatti ni dubbatti.

Pirojaktiin Dr Haarnat gaggeessan kunis hubannoo damee invastimantii afriikaanotaa cimsuu hojiisaa kan duraa gochuun hojachaa jira.

Invastimantii Ertiraanootaafi Itoophiyaanotaa hanga ammaatti ture muxannoofi qoannoo irratti kan hinbu'ureffannee akka ture dubbatti oggeettiin kun.

''Itoophiyaanootaafi Ertiraanoota yoo fudhannee, warren duraan turan hordofuun Angoolaa, Sudaan Kibbaa yookan Yugaandaatti daldaluu jaalatu turan.

Haa ta'u malee, daldalli biyyoota kanneetti gaggeefamuus kan wabii hinqabneefi balaaf kan saaxilameedha,'' jedhuun biyyoota wabii muraasa qaban eerti.

''Biyyoonni akka Taanzaniyaa, Ruwaandaa, Botsiwaanaa fi Gaanaa kan fakkaatan carraa gaariifi balaa gadaanaa qabu. Kanaafuu qorannoon barbaachisu erga taasifameen booda carraawwan Angoolaafi Sudaan Kibbaarra fooyya'an jiru.''

ከanneen Itoophiyaafi Ertiraa keessatti argaman gama ilaaluun, keessattuu Ertiraa keessa haalli daldalaaf mijatu akka hinjirreefi heyyamni daldalaarreen akka hinkennamne dubbattee jirti.

ተoophiyaa keessatti yoo ta'e haala salphaan daldala gaggeessuun hindanda'amu. Sababiinsaas heyyamni daldalaa salphaatti hinargamu. Keessattuu lammummaa Itoophiyaa yoo qabaachu baatan caalaa cima. Dameewwan indastirii kan akka qonnaa, biyyaatti erguufi omishuu carraa baayyetu jira.

Waggoota arfan darbanittis, pirojaktichi namoota baay'ee walitti qabuun Ruwaandaatti imala qorannoo taasisuun carraawwan biyyattii keessatti argaman dhiheenyatti akka hubatan taasiseera.

''Lammileen Itoophiyaafi Ertiraa ana waliin deemanis baayyee dinqisiifatan. Sababiinsaas, muxannoon isaan kana dura qaba gara Suudaan Kibbaafi Angolaa qofa ture.'' jetti.

Goodayyaa suuraa Dr Haarnat leenjii osoo kennaa jirtuu

''Biyya ruwaandaatti daldala eegaluun baayyee salphaa'a. Sa'aatii 24 keessatti heeyyama daldalaa argachuun ni danda'ama. Heyyama argachuun baayyee rakkisaa miti. Kanaafuu Riwaandaan biyyoota afriikaa birootiif illeen fakkeenya gaarii ta'u dandeessi,''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan