"Mucaankoo amma dammaqa jedhee osoon eeguu kunoo waggoota 12 guute''

Aaddee Haaliimaan mucaashee Mahaammad waliin hospitaala keessatti

Madda suuraa, Nebiyu Sirak

Aadde Haliimaa Muzayiin fi abbaan waarra ishee jireenyasaanii Makkaa, Sa'uudi Arabiyaa kan taasifatan hojjatanii jiraachuu fi dhala godhatanii guddifachuuf ture.

Maatiin waggoota 30 darbaniif biyya kan jiraatanis ijoolle lam horataniiru. Haa ta'u malee, mucaansiin waggaa afur wayita ta'u rakkina fayyaa mudateen waldhaansa argachuu gara hospitaala Jiddaatti argamutti qajeelan. ''Keessattu wayita raffuu argansuu irratti ni rakkata ture,'' jeetti aaddee Haaliimaan.

Mucaan kunis duraan akkuma ijoollee kaanii kan fiigee xabatu, kan kolfee gammadu ture. Sababii rakkina argansu mudateetiin, waldhaansa gaarii argachuun nagana gara manaatti deebii'uuf yaaluun mucaasaanii hospitaala geessan. Hospitaallichiis kanuma akka mirkanneesseef himu.

Rakkinichis foon funyaan keessatti waan biqileef waldhaansa baqaqsanii hodhuu daqiiqaa 10n akka gaggeefamu itti himame. Walaansicha taasisuufis haakima Masirii waliin guyyaa beelamatan.

Guyyaa beellamaattis, daqiiqaa 10n jedhame abjachuun mucaasaanii gammadaa harka hakiimaatti dabarsanii kennuun eeggachuu eegalan.

Madda suuraa, Nebiyu Sirak

Mucaansaanii garuu daqiiqaa 10 booda waldhaansicha xumuruun bahu hindandeenye. Bakka cisee dammaquu hindandeenye. Guyyoota, jedheesi turban, ji'oota akkasumas waggootaaf lubbu mucaasanii keessaa xiixxuu malee haalli fayyaa mucaasaanii fooyyee dhabe.

Waldhaansi baqaqsanii hodhuu kunis jireenyasaanii haala hinyaadamneen jeeqe. Mucaansaaniis sireerraa ka'u hindandeenye. Hindhagahu, hindubbatu. Kanaafu gara kutaa dhukkubsattoota dhiibe cimaatti dabarsan. Ofiin afura baafachuu waan hindandeenyeefu meeshaan gargaarama.

Addee Haalimaa kan galii muraasa abbaa warraasheetiin jiraattus jireenyi isaanis Makkaafi Jiddaatti adda qoodame. Haatiifi intali dubaraasaanii Mahaammadiin dhukkubsachiisuuf Jiddaatti yoo hafan, abbaan ammo galii maatii argachuuf jecha Makkaatti deebii'e.

Haa ta'u malee jireenyi haala Kanaan itti fufuu hindandeenye. Yeroo muraasaan booda intalli isaanii gara abbaasheetti deebiite. Haaliimaan garuu mucaan koo amma amma damaqa jechuun seequu isaa kan dur sana eeggachaa qofaashee dhukkubsachiisuu ittifufte.

''Maatiin hafan torbanitti al tokko dhufuun ilaala,'' kan jettu Addee Haaliimaan mucaanshee waggaa afuritti hospitaala gale kunoo sireerratti waggaa 17 gutuu dubbatti.

Osoo hospitaala hingaliin dura qorannoon waliigalaa taasifameef rakkina funyaanii malee fayyaa ta'usaa akka mirkanaa'e ture kan dubbattu haatii kun, ''amma garuu qaamni dogoggora waldhaansaa umamee sirreessu dhabameera,'' jetti.

Hospitalichis mucaashee fudhatte gara manaa akka deemtu itti himamee ni beekti. Ishee garuu mucaan koo miilaan dhufe sireerratti kan hafe asumatti waan ta'eef, osoo itti hinfoyyeene hindeemu jechuunachumatti hafu dubbatti. Haa ta'u malee wayita ammaa kanattis abdiishee gutummaatti rabbi qofarra kaa'ushee dubbatti, haaliimaan.

Embaasii Itoophiyaa

Waggoottan 12 darban mucaashee waliin hospitaala keessatti dabarsu kan immimaan waliin himtu Addee Haaliimaan, meeshaaleen lubbu muciichaa tursiisuuf itti raraman malee waldhaansaa fooyyee qabu argatee fayyuummaan isaa sirraa'u dhabuufi embaasiin Itoophiyaas dhimmicha karaa seeraa ykn karaa dippilomaasitiin gargaaru dhabusaatti gaddishee cimusaa dubbatte jirti.

Embaasiin Itoophiyaa kan argamu Riyaad keessa ta'u kan dubbattu addee Haaliimaan, hanga achiitti deemuun qonstilaa achitti argamutti dhimmi ishee beeksisu dubbatti. ''Isaanis omaa naaf gochu hindandeenye'' jetterti.

Kana malees dhimmi ishee waggota sagali oliif Egumsa fayyaa biyyattiit iyyachushee kan dubbattu haati kun, haalli fayyaa mucaashee sadarkaa amma irra jiru kanarra kan gahee sababii dogoggora wallaansaatiin ta'u dubbatti.

Ministirri eegumsa Fayyaa Sawudi Arabiyaa dogoggoora wallaansa Mahaammadi qoratees, boodriin hakiimoota beenyaan fayyaa mucaasheetii riyaadii miliyoon 2.4 akka kanfaluuf murteesse ture. Tibba sanattis Haaliimaan qarshiirraa fayyaa mucaashee waan dursiteef hinfudhadhu jechuun didu dubbatti.

Xalayyaan murteen kun ittiin darbaa mataansaa embaasii Itoophiyaa kan geeffame ta'u kan dubbattu haatii kundhimmi kiyyi dagatameera jechuun embaasicha balaalefatti.

Murteen kunis erga dabarfamee waggoota sadi lakkoftisulleen, qonstilichi hordofeee raawwachisuu waan hindandeenyeefu beenyaa jedhamees osoo hinargatiin turushee dubbatti.

Saawudiitti seerri haaraan baheera kan jettu Haaliimaan, haala seera kanaatiin mucaasheetiif kanfaltii wallaansaa kanfalutu irraa eegama. Haala kana keessatti mucaasheetiif kanfalu waan hindaneenyeefu beenyaa muraasa argachuun gara biyyaatti deebii'u barbaaddi.

"Addunyaan rakkoodha'' kan jettu Haaliimaan amma mucaashee hakimnis ta'e narsiin hordoffii taasisuuf hinjiru jetti. 'Abjuun kiyya biyya biraatti wallaansa gaarii argachuun akka fayyu ture. Kana malees doktarri fayyaa mucaa kiyyaa fudhate adabamee, baasiin ani baaseef beenyaa naaf kanfalee gara biyyaa kootti osoon deebii'ee mucaa koof biyyoo biyyaa abbaa koof qaqabsiisee haawii kooti,'' jetti Haaliimaan imiimaan waliin.

Dhimma kanarraatti kan dubbifne jiraataan biyya Saawudii Obbo Nabiyyu Siiraak, waa'ee seenaa mucaa Haaliimaa erga dhagahanii turuu dubbattu.

Seenaan Haaliinaa osoo haalaan seeraan qabamee, fi qaamni hordofu jiraate, waggoota 12f hojii hiikunshee, baasiin isheen baafte walitti shallagamuun riyaadii Saawudii miliyoona 15 ta'u kanfalamuuf akka danda'u dubbatu. Garuu qofaashee ta'uunifi firri dhimmicha hordofuuf dhiibuunsaa qormaanni ishee akka cimu taasisuu dubbatu.