Ertiraan dargaggoota hedduu hiite

Alaabaa Ertiraa Image copyright Getty Images

Magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraa keessatti dargaggoonni hedduun erga sirna awwaalcha nama umuriin 93 kan mana hidhaatti du'e tokko irratti hirmaatanii booda hidhamuun saanii dhagahame.

Maatiin dargaggootaas gaafachuu waan dhorkamaniif nageenya hidhamtootaatiif yaada'u isaanii himaniir.

Maatiin dargaggoota hidhaman kanneenii BBC'tti akka himanitti, ijoolleen qabaman keessaa muraasni kan umurii 13 fa'idha.

Erga sirna awwaalcha nama mana hidhaatti du'eerratti erga hirmaatanii booda dhibba baay'ee kan ta'an konkolaataa poolisiiti fe'amuun fudhatamaniiru.

Musaa Mohaammad Nur namni jedhaman kunis bara darbe mana barnootaa miseensa boordii ta'un tajaajila keessatti waan qajeelfama mootummaa mormaniif kan hidhaman ture.

Qabamuun nama kanaas baatii Sadaasaa keessa daandiiwwan Asimaraaratti mormii xiqqoo kaasee ture. Garuu mootummaan Ertiraa waa'ee hidhaa nama kanaarratti omaa hinjennee ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata