Ministira muummee muudamu irraa maaltu eegama?

Bitaarraa gara mirgaa: Abiy Ahimad, Dabratsiyoon Gbaramikaa'el, Lammaa Magarsaa, Worqinah Gabayyoo fi Dammaqaa Mokonnin
Goodayyaa suuraa Bitaarraa gara mirgaa: Abiy Ahimad, Dabratsiyoon Gbaramikaa'el, Lammaa Magarsaa, Worqinah Gabayyoo fi Dammaqaa Mokonnin

Ministirri mummee Itoophiyaa aangoo gadhiisuuf gaaffii erga galfatanii kaasee eenyutu bakka isaanii bu'a kan jedhurratti heddu jedhameera. Haala amma jiru tasgabeessuun biyyattii kallatti nageenyaatti deebisuuf ammoo ministirri mummee ittaanu maal gochu akka qabaatu ilaalchisuun jiraattoonni magaaloota Oromiyaa garaa garaa BBC'tti dubbataniiru.

Akka namoota kanneenitti ministirri muummichaa haaraa muudamuuf jiru hojii cimaatu eeggata. Jiraataa godina shawaa bahaa tokkos sabaafi sablammoota hunda ija tokkoon kan ilaalu fi nagaa biyya kanaatiif cimsee kan hojjetu ta'uu qaba jedha.

Uummata biyyattii gara nagaatti bobbaasee jeequmsarraa kan baraaru ta'uu qaban jedha namni kun. "Lammii keenya kan biyyoota biraa jiraatan illee akka beelaafi walaallummaa balleessuu keessatti gumaachan gochuu qaba. Kana galmaa gahuufis akka abbaan ilmaan waamutti yoo waame gaarii ta'a jedheen yaada."

Namni biraa yaada nuuf kennan ammoo, dargaggootaafi humna barateefi hojii kan uumuu, akkasumas kan hunda waliqixxumaan bulchu ta'uu qaba jetti. "Aangoorra turuuf kan dhufu osoo hin ta'iin qomoo, amantaa, aadaafi eenyummaadhaan osoo addaan hin qoodiin uummata tajaajiluuf kan muudamu ta'uu qaba."

Jiraataan Godina addaa naannawa Finfinnee irra dubbifnes yaaduma walfakkaatu dubbata. Akka nama kanaatti, yeroo ammaa jiruufi jireenyi biyyattii akka malee qaala'aa jira. Kanaaf, nama jireenya uummataa foyyeessuun akka galii giddu-galeessa qabaatan gochuu qaba. Garaa garummaa sabaafi sablammoota biyyattii jidduutti uumamaa jiru sirreessuun isa guddaadhas jedhaniiru.

Dhimmi kabachiisuu mirgoota namoomaa lammiilee hojiiwwan furtuu ministira mummichaa haaraa mudamuu akka ta'u kan himan jiraatan biraa ammoo, miidhaafi dararama ammaan tana Ormoorra ga'aa jiru kan dhaabbachiisu ta'uutu irra jiraata, jedhaniiru.

Akkasumas aangoo isaatiin ofitti amanee kan hojjetu malee qaamni biraan duuba taa'ee kan isa dhiibuun hojachiisu ta'un irra hin jiraatu jedhaniiru. ''Biyya keenya guutummaan guutuutti hiyyummaa, waraana fi ajjeechaa jalaa baasuu kan danda'u ta'uutu irra jira,'' jedhu.

Ogeessoonni hoo maal jedhu?

Yaada namoota keenniirraa akkuma hubatamuus ministira muummee haarawaa hojiiwwan cimaatu isaan eeggata. Haa ta'u malee dhimmoota ka'an kanneen raawwachuuf haalli ministiricha dandeessisu jiraa? Rakkoolee mudachu danda'u hoo maal fa'i jechuunis Yunivarsitii Finfinneetti gosa barnootaa Nageenyaafi Tasgabbiitti digirii sadaffaa barataa kan jiran Obbo Kumaa Baqqalaa dubbifneera.

''Yoo danda'ame gaaffilee uummanni Oromoo waggoota hedduuf kaasaa jiru ajandaa godhachuun uummataa, paartilee siyaasaafi qaama na ilaalata jedhu hunda waliin mariisisuun ykn waltaajjii mariitiin walitti fiduu yoo danda'e haala jiruuf furmaata argamsiisu danda'a. Yoo kana ta'edha nageenyiifi tasgabbiin umamuu kan danda'u jedheen yaada,'' jedhu Obbo Kumaan.

Kanaafuu jedhu Obbo Kumaan, gaaffii uummanni kaasaa jiru kanaaf deebii keennuuf carraa jiru baayyee xiqqaadha. Ministirri Muummichaa dhufu kun mirgoota seeraafi heera biyyattii kennameef hundaatti fayyadamuun hojjechaa jiraa kan jedhuti ilaalamuu qabas jedhu. Waantota akkasii kunis yoo ilaalan rakkootu jira. Haalaan hojjechuufis yeroofi qabsoos kan gaafatudhas jedhaniiru.

Dhimmoota ministirri muummichaa haaraa gara aangootti dhufuufi rakkoo ta'u malan kessaayis, tokko caasaa mootummaati jedhu. Fakkeenyaaf, hunda ta'u baatuus caasaan kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa eerun ni danda'ama. Humni nageenyaafi tikaa biyya kanaa federaalizimii dhugaa fakkaachuu danda'uu qabas jedhu.

Ga'een sabaafi sablamoota biyya kana keessatti mullachuu qaba. Hundumtuu miira kan kooti nagalcha jedhu agarsiiisuu danda'uudha qaba. Uummanni abdiifi amantaa caasaalee akkanaa kanarraa hinqabu yoo ta'e; muummichi ministiraa ammaa kanarratti aangoo guddaa qabaatee, dandeettii fedhaafi gaaffii uummataa eegsisuu hin hojjetu yoo ta'e jijjiiramni fiduu danda'u hin jiru," jedhu.

Rakkoo namoonni yeroo gara garaatti qee'eefi qabeenyarraa buqqanan, akkasumas nagaafi tasgabbiin akka dhufuuf jedha Kumaan, "Furmaanni waaraa dhufuu kan danda'u mootummaan biyya kana bulchaa jiru yoo of sirreessuu danda'edha.

Federaalizimiin dhugaan lubbuu godhatee biyya kanarratti yoo hojjechuu jalqabedha. Karaa Labsii Yeroo Muddamaatiin furmaanni dhufuu hin danda'u. Kallattii dur ture saanaanis furmaanni dhufuu hin danda'u. Mootummaaan akkuma rakkoon ana bira jira jedheen, amma uummata gara waltajjiitti fiduu qaba. Furmaannis isuma bira jira."

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata