Finfinnee: Misoomaafi buqqa'uu qonnaan bultootaa naannawa Finfinnee

Qonnaan bulaa fi manneen jireenyaa
Ibsa waa'ee suuraa,

bara kana magaalli Finfinnee lafa hektaara 700 misoomsuuf karoorfatte jirti.

Magaalaan Finfinnee akkuma kallattii hundaan bal'ataa jiruun, jiruufi jireenyi qonnaan bultoota Oromoo naannawashee haalaan hubamaa, qe'eefi lafarraa buqqaafamuunis itti fufuun kumaatama hedduu jireenya gadadootiif saaxilaa jira. Isaan keessaayis kanneen carroomanitu hojii waardiyummaafi humnaa argataa jira.

Maatiiwwan naannawa magaallattii balaan buqqa'uu kun yaaddoo guddaa keessa isaan galchee keessaa muraasa waliin BBC turtii taasiseera.

"Yeroo laficha nurraa fudhatan dhimmicha gad-fageenyaan hin beeknu ture. Hojiis nuf hin kennine, maallaqa nuf kennanis fixaa jirra" jechuun kan BBC'ti himan qonnaan bulaa Haayiluu Damissetti.

Waggaa jaha kana lafti Obbo Haayiluu biiroo misoomaa fi manaajimatii lafaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin maqaa misoomaatiin kan jalaa fudhatame.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Magaalaa Finfinneefi carraa qonnaan bulaa naannooshee

Lafti qonnaa fi mana jireenyaa kaaremeetira 22,000 ta'u kaaremeetirri tokkotti qarshii 18fi saantima shantamaan shallagamee kafalameefii akka irraa fudhatame himu.

Lafti qonnaan bulaa kanaas pirojektoota ijaarsaa gurguddoo magaalattii keessatti mul'atan keessaa tokko kan ta'e pirojektii manneen jireenyaa waliiniif kennamee gamoowwan dhedheeron uwwifameera.

Manni jireenyaa Obbo Haayiluu mukaafi dhoqqee irraa ijaaramtte lafa beenyaan itti nyaatame irra jirtu isaaniifi maatii isaaniitif dawoo yeroo rakkoo taaterti.

Lafti manni kun irratti argamu harka bulchiinsa magaalichaa waan jiruufis manicha haaromsuus ta'ee kan biraa ijaaruu garuu hin danda'an.

Kun taatee qonnaan bultootni magaala Finfinnee kumaatamaan lakka'aman waggootaaf keessummeessaa turani dha.

Ragaaleen akka agarsiisanitti magaala Finfinnee keessatti waggoota shanan darban keessa qofa qonnaan bultootni abboottii warraa 12,000 sababa misoomaan qe'ee jireenyaa fi oyruu bideenaa isaaniirraa buqqa'aniiru.

Bu'aan buqqa'iinsa kanaas kallattii lamaan yemmuu ilaalamu gam tokkoon mootummaaf misooma biyyaa gama biraan immoo qonnaan bultoota, quuqqamtoota mirga namoomaa fi dhalatoota Oromoo biyya keessa fi biyya hambaa jiraatan hedduuf badiinsa aadaa fi eenyummaa waliin wal qabata.

"Waraanaafi misooma"

Jaarraa tokkoon dura Atse Miniliik dabalatee mootiwwan Shawaa isaan dura turan, uummata Oromoo Magaala Finfinnee fi naannooshee jiraachaa turan weeraruun qabeenya mancaasaa lafa isaanis saamaa akka turan barreefamootni seenaa ni mul'isu.

Miidhaan weerara kanaas uummata Oromoo lafa irratti jiraachaa ture irraa buqqisuu qofa osoo hin taanee, badiinsa maqaawwan fi gosoota Oromoo magaala Finfinnee keessa turaniif sababa akka ta'e himama.

Gama biraatiin quuqqamtootni mirga namoomaa buqqa'uu uummata Oromoo magaala Finfinnee keessaa morman, weerarri jaarraa tokkoon dura ture amma bifa isaa jijjiiratee maqaa misoomaan raawwatamaa akka jiru yeroo dubbatan dhagahama.

Akka ragaan ejansii misooma fi haaromsa magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa arganne agarsiisutti, bara kana magaalli Finfinnee lafa hektaara 700 misoomsuuf karoorfatte jirti.

Milkaa'ina hojii misooma lafaa kanaaf immoo maatiwwan qonnaan bultootaa 2,000 buqqa'uu akka danda'an hoji gaggeessaan ejansichaa Obbo Miiliyoon Girmaa BBC'ti himanii jiru.

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Haayilu Damissie

Beenyaa, komii fi sodaa

Qonnaan bulaa Sisaay Naggasaa Booleetti dhalatanii guddatan. Waggaa 15 baranaa lafti qarxii 15 isaan fi abbaa isaanii irraa misoomaaf jedhamee fudhatame.

Lafti kun kaaree tokkotti qarshii 3.50'n shallagamee beenyan akka kaffalameef, beenyaa shallagameef irraayis maallaqni gibiraa akka hir'ifame obbo Sisaay himu.

Haa ta'u malee lafti isaan irraa fudhatame daandii keessa qaxamuree darbuun ala hanga ammaa hoomtu irratti hin hojjetamne.

Obbo Sisaay Naggasaanis rakkoo diinagdee amma keessa jiraniin dabalataan lafa amma irra jiraatan irraa buqqa'uu akka danda'an sodaa qaban BBC'ti himan.

Xiqqaachuun kaffaltii beenyaa, kennamuu dhiisuun iddoo mana jireenyaa, hojii ogummaa isaaniin walgitu akka hojjetan carraa hojii mijeessuu dhiisuun, ijoollee qonnaan bultootaaf iddoo jireenyaa fi carraa hojii mijeessuu dhiisuu fi rakkoon bu'uraalee misoomaa akka bishaanii komiwwan qonaan bultootni buqqa'an kaasan keessaa dha.

Beenyaa dabalatee komiiwwan garaagaraa qonnaan bultoota biraa keessummeessaa akka turan kan BBC'ti himan hoji gaggeessaan ejansii misooma fi haaromsa magaalaa bulchiinsa magaala Finfinnee Obbo Miliyoon Girmaa, rakkoo sababa buqqa'insaan qonnaan bultoota irra gahu dhabamsiisuuf bulchiinsi magaalichaa hojjechaa akka jiru dubbatan.

Haaluma kanaan beenyaan lafa qonnaa kaaremeetira tokkoo gara qarshii 62'tti akka guddate, beenyaan manaa immoo gara qarshii 552,000 ti guddachuusaa himan.

Dabalataan iddoon mana jireenyaa itti ijaaratanis qonnaan bultootaaf kan kennamu akka ta'e dubbatan.

Gama biraatin bulchiinsi magaalichaa lafa bifa lamaan fayyadamtootaaf kan dabarsu yemmuu ta'u dhaabbilee misoomaaf kan akka manufaakchariingiif bifa ramaddiin akkasumas mana jireenyaa fi hojii daldalaaf immoo liiziidhaan kenna.

Obbo Miliyoon Girmaa komii beenyaan qonnaan bultootaa gatii lafti liiziidhaan ittin darburraa baay'ee xiqqaa dha jedhuuf deebi yeroo laatan "lafa qonnaan bultoota irraa fudhannu misoomsinee, bu'uraalee misoomaa irratti hojjennee dabarsina" jedhan.

Daangaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi magaala Finfinnee daangaa gareen lamaan itti waliigalan yookin kan mallattoon daanggefame hin qaban.

Kunis komii fi mormii Finfinneen bal'achaa jirti jedhu kaasisaa lubbuun namootaas darbaa tureera. Yeroo ammaatti bal'inni lafa magaala Finfinnee hektaara 52,000 akka ta'e himama.

Dhimma daangaa kanaaf furmaata waaraa laachuuf koreen naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaala Finfinnee irraa walitti dhufe hojii daangessuu hojjechaa tureera.

Akka odeeffannoo BBC'n argatetti hojiin daangessuu kun yeroo ammaatti xummuramee murtee angawoota siyaasaa eeggataa jira.

Akkaataa hojii koree teeknikaa kanaan iddoowwan yeroo ammaa bulchiinsa magaala Finfinnee jala jiran tokko tokko harka naannoo Oromiyaa seenuu akka danda'an, kan Oromiyaa jala jiranis gara Finfinnee seenuu akka danda'an dhageenyeera.

Ulaagaalee hojii daangessuu kanaaf akka galteetti faayidaarra oolan keessaa tokko filannoo bara 1987 taasifame dha.