Baqattoonni Kongoo 40 koleeraan du'an

Madda suuraa, Getty Images
Baqattoonni Kongoo kumatamaan lakkaa'aman Iturii irraa Yugandaatti baqatan
Baqattoonni lammiilee Riippablika Dimokraatawa Kongoo wal waraansa biyyattii baqachuun kaamppii Yugaandaa keessaatti argaman keessaa 40 dhibee koleeraatiin du'usaanii Fannoo Diimaan dhaabbata oduu AFP'tti himeera.
Fannoo Diimaan akka jedheetti, dhufaatiin baqqattootaa erga walwaraansi mandara Iturii keessatti eegalamee as hospitaaloota dhiibisaa jiru.
Haalli kunis balaa dhiibee koleeraa baatii Guraandhalaa keessa lafa qubannaa baqattootaa Kyaangwaalii fi Kyaakaa II tti ka'ee ture caalaa hammeesseera.
Hanga ammaattis mudannoon koleeraa kuma lamaa olii to'atamu danda'unsaa , Fannoo Diimaan dabaluun himeera.
Erga jalqaba bara kanaatii kaasee baqattoonni Kongoo kuma 70 ta'an Yugaandaa galiisaan akka hinollee dhaabbanni Fannoo Dimaa ni tilmaama.
Kongoo: Mormii Kaabiilaa irratti taasifameen namoonni ajjeefaman
Akka eegddoonni nageenyaa motummoota gamtoomanii himeetti, humnootiin nageenyaa yoo xinnaate namoota torba ajjeesaniiru.