Irreechi Tulluu kabajamaa jira

Garee dhiirotaa huccuu aadaatiin bareedanii dhiichisan Image copyright Getty Images

Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo keessaa Irreessi/Irreechi iddoo olaanaa qaba. Oromoon kadhaa waaqaa fi galata galchuuf jecha tulluufi malkaatti ba'ee irreeffata.

Wayita arfaasaa tulluutti ba'uun roobaafi nagaa akkasumas badhaadhina waaqa kadhata Oromoon, ganni ba'ee wayita birraan bari'u ammoo waaqa bacaqii gannaarraa booqaa birraatti nu ceesisteef galata hoodhu jedhu.

Egaan waqtii ammaas arfaasaan waan dhufee jiruuf Irreechi Tulluu kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kabajamaatti jira.

Torban darbe keessa Irreechi Tulluu ykn Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Beegiitti kabajameera.

Haalli kabaja ayyaana Irreecha Tulluu kan naannoo kanaa akkam ture, kan baranaawoo akkamiin kabajame jennee Yuunivarsitii Jimmaatti barsiisaa Fookloorii kan ta'an Kaamil Mahaammad gaafanneerra.

''Duraan barattoota Yuunivarsitii fi kolleejjiitiin, waggoota dheeraadhaaf kabajamaa ture. Amma erga ummanni Oromoo sabboonummaasaa cimsachaa dhufee, erga Oromoon hunduu of baree duudhaasaa cimsachaa dhufee, namni amantaan osoo wal hin qoodin waaqeffattoota waliin kabajaa jira. Irreechi tulluu kan baranaa akkuma Irreecha Malkaa bara darbee baayyee kan namatti toluudha, qeerroon Oromoo huccuu aadaa oromootiin kan hoirmaatan ture, baayyee namatti tola.''

Goodayyaa suuraa Irreecharratti Oromoon kumaa kitilaan ba'ee galata galcha, waaqasaas ni kadhata

''Roobii yaa waaqayyoo, Arfaasaan rooba jaallataa" sirba Irreecha Tulluu

Shoora irreechi duudhaa oromoo keessatti qabuufi akkaataa Irreechi tulluu bara kanaa itti kabajamaa jirurratti Abbaan Gadaa Maccaafi Abbaan Seeraa Tokkummaa Abootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Taakkalaa Dhiinsaa ibsa nuuf kennaniiru.

''Oromoon irreessa lama qaba. Isaanis Arfaasaafi Birraadha. Irreessi Tulluu inni jedhamu isa yeroo ammaa waqtii arfaasaa keessa kabajamuudha. Irreessi Malkaa ammoo isa birraa kabajamuudha.

Wayita daraaraan daraaree, bishaan guutuun gadi hir'atuudha. Irreessi amma kabajamu kun akka safuu Oromoo waaqaan buluutti kan itti rooba kadhatee waaqarraa argatuudha. Bona guutuu waaqni duumessa hin qabne, kan namarraa fagaatee ture, wayita Oromoon Arfaasaa keessa tulluutti ba'ee waaqayyoon dhugoomfatu, ni rooba.

Kan birraa ol nuuf keesse gadi nuuf deebisi jedhuun. Roobi yaa waaqayyo ansiroon facaasaa, Roobi yaa waaqayyoo asheetan qotadhaa, roobi yaa waaqayyoo arfaasaan eeggadhaa, roobi yaa waaqayyoo Arfaasaan rooba jaallataa, jedhu,'' jechuun ibsaniru.

Waaqayyoon kadhachuuf utuma gara tulluutti hin ba'in yoo roobni roobewoo sirni tulluutti ba'uu itti dhiifamaawoo gaaffii jedhuufis deebii wayita laatan,''Waggaa waggaadhaan Irreessi Arfaasaa hin hafu, duudhaa waan ta'eef.

Hongee yoo jiraates, roobni yoo jiraates duudhaa waggaadhaan naanna'u waan ta'eef hin hafu. Namni ciree ganamaafi Laaqana guyyaa nyaachuu hin dhiisu, irreessa arfaasaafi irreess birraa jechuun akkuma kana waan ta'eef roobus caamus hafuu hin qabu.

Irreessi birraa bishooftuutti ta'uu fi irreessi arfaasaa jimmaatti ta'uusaaniif sababni addaa jiraa laata gaaffii jedhu wayita deebisan,''Tulluun wal hin caalu. Oromoon bakkuma hundatti abbaa malkaa fi abbaa tulluu qaba. kanaaf wanti bakkaan adda qoodanii wal caalchisaniif hin jiru. Iddooma tulluun jirutti galati galfamuu danda'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan