Pompeyon haasaa Tiraampifi Kim dursanii Kooriyaa Kaabaatti argaman

Maayik Pompeyo fi Hogganaa Koriyaa Kaabaa Kim Joong-un Ebla 26,2018 Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Obbo Pompeyo (bitaa) walga'ii Ebla Obbo Kim waliin ture irratti "hariiroon gaarii" umameera jedhan

Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteet Maayik Pompeyo, marii seena-qabeessa hogganaa Koriyaa Kaabaa Kim Joong-unfi Pirezidantii Donaald Tiraamp giddutti ta'uuf qixeessuuf Piyongiyaang gahan.

Obbo Pompeyo, karoora marii dhimma naannoo Kooriyaa balaa niwkilaraan ala taasisuu irratti dursanii karoora fiixa baasuuf yaada qabu.

Daawannaan tasaa kun, tilmaama hidhamtootni Yunaayitid Isteet sadii gadhisamuu danda'u jedhu yeroo baayyattetti taasifame.

Erga walga'ii Obbo Kim waliin ji'a darbee turee booda, kun imala isaa gara Piyoongiyaang isa lammaffaadha.

Obbo Pompeyo walga'ii Ebla Obbo Kim waliin ture irratti "hariiroon gaarii" umameera, kun qunnamtii sadarkaa guddaa Yunaayitid Isteet erga bara 2000 Koriyaa Kaabaa waliin uumte mallatteessa jedha.

Daawwanaa isaanii gara Piyongiyaang dhiyeenya irratti Obbo Pompeyo, Koriyaan Kaabaa "waan sirrii hojechuun," lammiilee Ameerikaa sadan biyyitiitti hidhaman akka gadhisaniif abdadheen ture jedhu.

"Baatii 17'f hidhamtootni kun akka hiikamaniif gaafachaa turre," jedhan.

Aangawaan kan pirezidantii Kooriyaa Kaabaa akka dhaabbata oduu Yoonhaapitti himanitti, walga'ii Obbo Kim fi Obbo Tiraamp dursuun Piyongiyaang akka "dalaga gocha gaariitti" lammilee Yunaayitid Isteet akka gad-lakkisuu dandeessi.

Odeessa kana irratti dabalata