Lolaa biyyoota Afrikaa Bahaatti mudataa jiruuf sababni maali?

laga shabelee, 2015 fi 2018 Image copyright NASA Earth Observatory/USGS
Goodayyaa suuraa Kan hedduu lolaan midhaman uummata nannoo laga Shabalee jirataani

Ji'oottan darban muraasa keessatti qofa, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa bahaa keessatti lakkoofsi namoota sababa lolaatiin lubbuu isaanii dhabanii 100 ol gaheera.

Keeniyaa keessatti rooba ciimaan walqabatee balaa jigiinsa hiidhaa qaqabeen yoo xiqqaate namoonni 42 du'aniiru.

Ebla darbe ammoo Itoophiyaa godina Booranaatti rooba cimaa roobeen lubbuun namoota torbaa yoo darbu, naannoo Ummattoota Kibbaa godina Guraageetti immoo sigigaachu lafaa lolaan booda qaqabeen yoo xiqqaate namoonni shan du'aniiru.

"Walumaa galatti Itoophiyaatti nannoolee garaa garaa keessatti lolaa qofaafi sigiggoo lafaatiin lubbuun namoota 14 darbeera," jedhu Koomishinarri Sodaa Balaa Biyyaaleessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa.

"Lolaan akkanaa ALA bara 2016'tti ji'a walfakkaataa keessatti umamee ture," jedhu.

Akka Komishinara kanaattis, naannoon hedduu lolaan miidhaman kunneen kan bara darbe gogiinsaan rakkataa turaniidha.

Gabaasa bara kana Caamsa 4 irratti Dhaabbata Motummota Gamta'anitti, Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa (OCHA)n, naannoo Somaalee aanaa Shabeleetti qofa Ebla keessa namoonni 98,016 qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru jedha.

Walitti dhufeenya jijjirama qillensaafi lolaa

Suuraa dhaabbanni NASA Operational Land Imager'(OLI) jedhamu kaasen, garaagarummaa Caamsaa 17, 2015 fi Caamsaa 9, 2018 laga Shabalee irratti argamu agarsiisa.

Haaluma walfakkaatunis, gabaasni Baankii Addunyaatti akka mul'iseetti ammoo, jijjiramni qilleensaa naannoo Afrikaa bahaatti bara 2050 qaqabeen namoonni miliyoona 10 akka godaanan dirqisiiseera.

Haalli kun gutummaan bu'aa jijjiirama qilleensaatii jechuu hin dandeenyu kan jedhu Dareektara Ittaannaan Ejensii Miitiyorolojii Biyyaaleessaa, Obbo Duulaa Shaanqoo, "Garuu namnii fi magaaloon baayyachaa jiru. Bosonni muraa jirra. Kunimmoo lafa irratti dhiibbaa fidaa jira," jedhaniiru.

Akka Obbo Duulaan jedhaniitti, "roobni xiqqoon gara lolaatti geeddarama."

Image copyright AFP

Qorranoon jijjiirama qillensaa gara fulduraatti irratti jiru roobni akka dabalu mulisa. Haata'u malee, waggaa darbe garuu naannoo kibba Itoophiyaatti googiinsi rakkisaa ture jedhaniiru Obbo Dulaa Shaanqoo.

"Naannoo Dolloo hoddaa jedhamutti, guyyaa tokkotti rooba gara milii meetira 100 ol kan galmeeffame. Nagelle Booranaa, Goree, Hawasaa, naannoo Kibbaa fi nannoo Kibba lixaatti rooba ciimatu ture."

"Baatii Caamsaa keessa roobni arfaasaa xiqqaachaa deema, gaaruu lafti bishaan quufee jiru rooba tiqqooyyuu waan gadi hin fudhanneef gara lolaatti geeddaramuu danda'a,'' jedhaniiru oggeessi kun.

"Kanaafuu namoonni naannoo sana jiraatan ammayyuu of eeggachu qaba," jedhu akeekkachiisaniiru Obbo Dulaa Shanqoo.

Dhaabbanni Koomishina Awurooppaatti, dhimma gargaarsa namoomaa hojjettu tokkoos, roobni cimaafi qillensi jabaan baatii Caamsaa 16-21 jidduutti qarqara Yemen, Kaaba Somaliyaafi Kibba-Baha Itoophiyaa miidhuu danda'a jechuun tilmaameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata