Filannoo walakkeessaa Ameerikaa: kaadhimamtuu bulchituu dubartii gurraattii jalqabaa

Aadde Abraams Walga'ii Dimookratikii 2016tti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Wal-ga'ii Dimookrati bara 2016, Hilaarii Kilintan itti kaadhimaamte irratti, Aadde Abraams haasa taasisteetti.

Seera-baaftuu Joorjiyaa kan turteefi barreesittuun kun, bulchituu dubartii gurraattii Ameerikaa kutaa Yunaayited Isteeti ishii jalqabaa ta'uuf ejjanoo guddaa fudhatteetti.

Isteesii Abraams Paartii Dimookraatikii Kibxata injiffattee, Rippaablikaanoota gara Dimookratikaatti geeddaruuf yaaluun duratti hin milkoofne jechuun filatootatti dubbateetti.

Erga bara 2003'tii asi masaraa bulchitoota kutaa 'reed isteet' jedhamuun beekamu kana Dimookraatni qabatee hin beeku.

Aadde Abraams dubartiin umurii 44, filannoo walakeessaa Sadaasa taasifamu irratti kaadhimamaa Rippaablikaa waliin dorgomti.

Falmaataa ishee dhumaa murteessuuf, Paartii Rippaablikaa isa jalqabaa Kibxata kan injifatee Bulchaa Ittaanaan Keesi Keegil, Adoolessaa 24 irratti miniisteera dhimma alaa Joorjiyaa Biraayen Keemp waliin dorgoma.

Kutaa haalaan rincicaa ta'e kana keessatti yoo filatamteef, Aadde Abraams kutaa kibbaa kana bulchuuf dubartii jalqabaafi gosa saba bicuu keessaa nama jalqaabaa taati.

Yunaayitid Isteet yeroo ammaa bulchitoota dubaraa jaha qabdi.

Bakka-buutuu kutaa biyyichaa umurii 40, Isteesii Ivaans irraattii filannoo parsantii torbaatami shan ol argachuun Aadde Abraams injifatteetti.

Kan 'jalqabaa' ta'uun ishiif haaraa miti.

Obbolaa shan waliin Aadde Abraams, Gaalfpoort, Misiissippiitti guddatte.

Kolleejii Speelmaanii digrii jalqabaa ishee argachuun dura, mana baruumsa sadarkaa lammaffaa isheetti dubaraa gurraattii Ameerikaa aankiin ebbifamtee jalqabaadha. Akkasumas digirii lammaafaa ishee Yuniveristii Teeksaasi, digirii seera immoo Yuniveristii Yeeliitii fudhatte.

Bara 2006'tti jalqaba Mana Maree Bakka-bu'oota kutaa Joorjiyaatti filatamtee, booda irratti paartii lammaniifuu hooggantu dubaraa Yaa'ii Walii-galaa Joorjiyaa jalqabaafi Mana Maree Bakka-bu'ootaa hoogganuun immoo gurraatti Ameerikaa jalqabaati.