Dargaggeessa helikooptara butee baduun mormiisaa ibsate

Kaappiteen Bahaayiluu Gabree Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Kaappiteen Bahaayiluu Gabree mana hidhaa wayita bahuu harmeen isaa booyaa turte

Filannoo bara 1997 irratti tarkaanfii mootummaan uummata irratti fudhataa ture mormuun balaliisisaan humna qillensaa yeroo sanaa Bahaayiluu Gabree fi ajajaan dhibbaa Abiyoot Maangudaay xiyyaara butuun jibuutii galan.

Yeroo sana umuriin Bahaayiluu nama wagga 26 yoo ta'u, xiyyaara M135 jedhamtu Dirree Dhawaa irraa fudhachuun Jibuutiitti miliqan.

Kaapiteen Bahaayiluun murtoo yeroo sana fudhate akkasiin yaadata. ''Mormiikoo agarsiisuuf jecha ture kanan akkas godhe. Hamman achi gahutti adeemsa hundumasaa icciitii gochuun qaba ture."

"Imala koo hangan daangaa Itoophiyaa gadhiisutti dhoksaadhaan ture kanan raawachaa ture. Gadi siqees balaliisisaan ture, raadaarii jalaa dhokachuuf jecha."

"Ergan daangaa Jibuutii seenee isaan waliin mari'adhee akkan bu'uuf eeyyama gaafannaan yeroo daqiiqaa 10 hin caalle keessatti mari'atanii naaf eeyyaman."

"Callisee bu'uu nan danda'a garuu rakkina natti dhufu jalaa bahuufan gaafadhe," jedha.

Dargaggoon kun akkuma achi gaheen kooluu galtummaa kan gaafate Imbaasii Ingiliz Jibuutii jiru yoo tahu isaan ni didan jechuun gara Imbaasii Ingiliz Somaaleelaandi jiruu si geessina jechuun gowwomsuun akka itti himan dubbata.

Mootummaan Jibuutii tasuma dabrsitee na kenniti jedhees hin yaadne ture jedha.

Somaaliilaandi daandii maaltu jira kan carraa bahumsaa argadhu jedhee waan dideef dirqisiisuun Mootummaan Jibuutii guyyoota sadii keessatti mootummaa Itoophiyaaf kenne.

Mootummaan Itoophiyaas himata irratti banuun waggotaaf mana dukkana keessatti hidhe.

Duraanis humna qilleensaa keessa yeroo hojjetaa ture wantoota haqarraa fagaatan hedduu ilaalaa akka turee fi yeroo mormii uummataa filannoo bara 1997 A.L.I irratti ka'e fayyadamuun akka deeme hima.

Achi keessattis osoo of hin jajjabeessu tahee tasumaa abdii hin godhadhu ture jedha.Keessumaa gara jalqabaa haala gaariirra waan hin turreef akka nama of ganeeetti,akka hidhamee hin jirreeti yaaduu akka jalqabe himeera.

Image copyright Tariku Dessalegn

Keessumaa waa'ee maatiisaa yeroo yaaduu akka baay'ee dhiphataa ture BBCti himeera.Bahaayiluutti umurii guutuuu miiltoosaa ajajaa dhibbaa abiyootitti ammoo waggaan 15 itti murtaa'ee ture.Haa tahu malee erga waggota 13 hidhamee booda dhiifama yeroo darbe godhameen mana hidhaatii bahe.

Harmeesaa yeroo ijaan argus miilashee jalatti kufuunboohaa akka ishee dubbisaa ture karaa miidiyaalee hawwaasaa qoodamaa tureera.

Ammas biyyi keenya kun biyya gatii fi aarsaa guddaan itti kaffalame waan taheef yoo qananiitti jiraachuu baanneyyuu bilisummaadhaan baanee gallee akka keessa jiraannu osoo taatee kan jedhu hawwii kooti jedha.

Dhiifama mootumaan sirreefamtootaaf taasiseen ture mana adaabattii bahee maatisaa waliin kan wal arge.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan