Dr. Abiy Ahimad: Ministira Muummeefi jijjiiramoota diinagdee mul'atan

Xiyyaara daandii qilleensaa itoophiyaa keessaa

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimed erga gara taayitaatti dhufanii Itoophiyaa keessatti jijjiiramoonnii gurguddoon dameelee garaagaraa keessatti galmaa'aa jiran keessaa tokko damee diinagdeeti.

Mootummaan dhaabbilee yeroo dheeraaf harka mootummaa turan akka Itiyoo-telekoom fi Daandii xiyyaaraa guutummaan ykn gariin gurguruun dinagdee biyyattii walaba taasisuuf murteesseera.

Paarkiilee indaastirii, daandii baabura, warshaalee sukkaaraa, hoteelotaa fi pirojektotni kaanis kanneen abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarfamu jedhaman keessatti argamu.

Guddina dinagdee saffisaa itti fufsiisuun, hanqina sharafa alaa fi qaala'insa jireenyaa to'achuu, humna galii maddisiisuu dabaluu fi al-ergii guddisuun sababoota jijiiramootni kunneen barbachisanif ta'uu mootummaan ibseera.

Hammi liqaa biyyattiirra jiru guddachuunis sababoota yaaddessoo murtee kana dudduuba jiran keessaa isa tokko.

Hanqina sharafa alaa

Hanqinni sharafa alaa rakkoo muddaa biyyattiin amma qabduufi kutaa biyyattii garagaaraa keessatti dhimma yaaddessaa jireenya namoota dhuunfaallee miidhaa jiru dha.

Magaala xiqqoo Awash Malkaa Sa'aa keessatti ogeessa faarmaasii kan ta'e Abbebe Mekonnin ji'oota afran darban keessa hanqinni qorichaa guddaan akka mudate BBC'tti himeera.

"Namootni hedduun dawaa dhibee busaa barbaadu, garuu ciruma hin qabnu. Akkasumas magaala kanatti qorichoota namootni baay'een barbaadan hin qabnu," jedha.

Dhukkubsatoonni waraqaa hakiimni barreesseef qabatanii dhufanii qoricha dhabuun gara manasaaniitti osoo hin yaalamiin deebi'anii galu jedha.

"Guyyaa guyyaan warra raabsitoota biratti deddeebina, garuu isaanis of harkaa hin qaban, rakkoon isaa hanqina doolaaratii jedhu," jechuun dubbata.

''Qorichootni kanaan dura birrii 175niin bitaa turre magaalota akka Adaamaafi Finfinnee keessatti birrii 900'n gurguramaa jiru kanammoo uummatni kaffalachuuf itti cima,'' jedhu.

Mootummaan hojilee invastimentii gurguddaa hojjetaa jiruuf meeshaaleefi maashinoota gabaa adunyaarraa sharafa alaan bitaa jira kunimmoo kuufama sharafa alaa biyyattii miidheera jedhu ogeeyyiin diinagdee.

"Mootummaan akka malee hojii invastimentii gurguddaa keessatti hirmaachuun rakkoo hanqina doolaaraaf biyyattii saaxileera, sana hir'isuun baay'ee barbaachisaadha," jedhu ogeessi diinagdee Dr. Namarraa Gabayyoo.

Hojileen investimantii kunneen ammoo kanneen yeroo jedhametti xumuramanii galii argamsiisuu hin dandeenye ta'uun rakkinicha hammeesseera jedhu.

Gama biraan maddi rakkoo kanaa inni biraa maalaammaltootaafi kiraa sassaabdota daldala meeshaalee gara alaatti erguufi alaa galchuu keessa harka galfatanii jiran ta'uu dubbatu.

Yaadota gamaafi gamanaa

Rakkoo hanqina sharafa alaa dabalatee rakkoolee diinagdee biyyattiin qabdu furuuf dhaabbilee harka mootummaa turan gara abbootii qabenyaa dhuunfaatti dabarsuun murtoo sirrii fi yeroosaa eeggatedhaa kan jedhu irratti yaadota garaagaraatu kennama.

Dhaabbilee harka mootummaan turan gara abbaa qabeenyaa dhunfaatti ceesisuun, lammiileen galii gadi aanaa qaban tajaajila qulquullina qabu gati madaalawaan akka argatan taasisa jedhu ogeessi diinagdee Dr. Damis Caaniyalewu.

Qaala'insa jireenyaa dabalaa jiru to'achuufillee fala ta'uu malas jedhu.

Dhaabbilee harka mootummaa turan gara dhunfaatti dabarsuun akka yaadaatti waanuma sirriidha kan jedhan Dr. Namarraan, ammatti garuu murteen kun rakkoo dinagdee hamaa hin eegamneef biyyattii saaxiluu danda'a jedhu.

"Siyaas-diinagdeen Itoophiyaa akka malee warra kiraa sassaabdota jedhamaniin dhuunfatamee jira. Har'uma kaatee dhaabbilee kana gabaaf yoo dhiyeessite warra kanatu deebisee bita," jedhu Dr. Namarraan.

Kun ammoo garaagarummaa qabeenyaa namoota dhunfaafi gareelee gidduu jiru bal'isuun biyyattii rakkoo hamaaf saaxila jedhu.

Kanaaf dursa tarkaanfiiwwan seeraa namoota kiraasassabdota daldala al-galchuu fi al-ergii irratti bobba'aniratti fudhatamuu qaba jedhu.

Gama biraan "dhaabbileen kunneen gabaa akkamii keessatti gurguramuuf deemu, gatiin dhaabbilee kanneenii akkamiin tilmamama, eenyutu tilmaama wantoota jedhan yoo ilaalte biyyattiin gahumsa sanaa hin qabdu," jedhu.

Osoo gara dhaabbilee kanneen gurguruutti hin ce'iin wantoonni ilaalamuu qaban hedduun jiraachuus dubbatu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
"Gatiin kafalluufi tajaajilli argannu wal hin madaalu"

Ogeessootni kana haa jedhan malee, dhaabbileen akka Itiyoo-telekoom gariin dhaabbilee dhunfaaf dabarfamu murteen jedhu fayyadamtoota tokko tokkotti abdii horeera.

Maamila Itiyoo-telekoom kan ta'e jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Tasfaayee Bargeessaa, moobaayilii isaarratti oduufi odeeffannoo argachuuf intarneetiin baay'ee dadhabaa ta'uu BBC'tti himeera.

"Viidiyoo ilaaluun cirumaa hin danda'amu, qarshiin isaas baay'ee olka'aadha. Battala taphachiiftetti qarshiin keessaa jiru ni dhuma," jedha.

Magaalaa Awaash Malkaa Sa'aa keessatti kaaffee intarneetii kan qabu Takilamaariyaam Magarsaa, saffisni intarneetii baay'ee laafaafi adda kan ciccitu, yeroo tokko tokkos guyyota lamaa oliif akka badu dubbata.

"Ani kanan asitti bansiise meeggaa baayitii 512 kanaan wanta barbaadde argachuu hin dandeessu, gatiin kaffaluufi tajaajilli argadhus wal hin madaalu," jedha.

Fuulduratti kaampaanotni biyya alaa keessa galuun yoo irratti hojjetan wal dorgommiin waan uumamuuf fooyya'uu danda'a abdii jedhus akka qabu himeera.

Maaltu ta'uu qaba?

Rakkinoota diinagdee mul'atan furuu irratti dabalataan biyyattiin haaromsa diinagdee guddaa barbaaddi, dhaabbilee mootummaan qabaman qofa gara dhuunfaatti gurguruun qofti gahaa mitii jedhu ogeessotni.

Waa'ee dinagdee Itoophiyaa kan qoratan Dr. Ayyale Galaan biyyattiin rakkinoota hundeerraa furamuu qaban qabdi jedhu.

Biyya diinagdeen ishee qoonaaafi warshaalee omishaa xiixiqqaa irratti bu'uureffame keessatti haaromsi sirriin kan barbaachisu dameelee kanneen irratti jedhu.

"Mootummaan qulqullinaafi hamma meeshaalee alatti ergamanii akka Bunaa, Saalixaa fi Abaaboo kan biyyattiif sharafa alaa argamsiisan daran fooyyessuu qaba," jedhu.

Dr. Namarraaf garuu rakkoon diinagdee guddaan biyyattiin furuu qabdu, humni diinagdee harka mootummaa jiddugaleessaatti kuufamuufi malaammaltummaafi kiraa sassaabdummaadha.

"Taayitaawwan diinagdeefi siyaasaa harka mootummaa jiddugaleessaatti kuufame haala gaarii ta'een sadarkaa naannoolee fi godinaatti qoodamuu qaba," jedhu.

Mootummoonni naannoofi gara gadii jiran cimanii diinagdee akka horatan, tajaajilawwan akka humna ibsaafi bishaanii kan mataa ofii akka qabaatan eeyyamuun barbaachisa jedhu.

Malaamaltummaafi kiraa sassaabdummaa to'achuufis tarkaanfiiwwan siyaasaa ciccimoon fudhatamuu qabus jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata