Abdii Mohaammad Umar aangoo irraa bu'an

Abdii Mohaammad Umaar

Pirezidantiin mootummaa naannoo Somaalee Abdii Mohaammad Umar aangoo irraa ka'uu isaanii itti gaafatamaan kominikeeshinii naannichaa Idiriis Ismaa'eel BBC tti himaniiru.

Qondaalli Ahimad Abdii Mohammad jedhaman isaaniin bakka bu'uun pireezidantii naannichaa tahuun muudamaniirus jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa Sambata darbee qabee uumameen raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa gara naannichaa deemuun akkaa nagaa eegsisu ajajamuunsaa sa'aa muraasa dura himameera.

Pireezidantiin mootummaa naannoo Somaalee aangoo isaanii kan gadhiisan fedhiin yookiin dirqamaan akka tahe waanti barame hin jiru.

Odeessa kana irratti dabalata