'Zoonii waraanaa' jedhamuun Gaanfa Afriikaa xumura argataa?

Abiy Ahimad, Mohaammad Formaajoo fi Isaayyaas Afawarqii Image copyright Yemane G Meskel
Goodayyaa suuraa Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Eertiraan waliigaltee waliin hojjechuu Asmaraatti mallatteessanii jiru.

Waldhabdee biyyoota gidduu jiruufi kan keessoo biyyootaa irraa kan ka'e Gaanfi Afrikaa waggoota dheeraaf 'Zoonii waraanaa' jedhamee hawaasa idil addunyaa biratti beekama.

Wal-diddaan Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu waggoota 20 oliif ture, yeroo mara waraana Afrikaa isa dheeraa jedhamee waamamu 'Zoonii waraanaa' jedhamuu Gaanfa Afriikaaf qooda guddaa qaba.

Wal-dhabdeen sababa abbummaa tulluu fi odola Dumeeraan Eertiraafi Jabuuti gidduu tureefi hariiroo Eertiraafi Somaaliyaa gidduu jiru badaa ta'uunis shoora mataa isaa qaba.

Goodayyaa suuraa Tulluu fi Odola Dumeeraa Eertiraafi Jabuutiin irratti wal dhaban

Eertiraan hidhattoota Al-shabab deeggarti jechuun himannaa Somaaliyaan irratti banteen ture hariiroon biyyoota lamaanii kan adda cite.

Gama biraan wal waraansi keessoo Sudaan Kibbaa akkasumas rakkoon daangaa Itoophiyaan Sudaan waliin qabnu boora'uu nageenya Gaanfa Afriikaaf waan gumaachan qabu.

Wal qunnamtiin biyyoota gaanfa Afriikaa gidduu jiru rakkina dhabee hin beeku jedhu Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa gargaaraa piroofeesaraa Dr. Taaffasaa Oliiqaa.

Rakkoo kanaaf sababa gurguddoo keessaa tokkoo rakkoo hoggansa beekumsa qabu dhabuuti jedhu Dr. Taaffasaan.

Gama kaaniin dhaabni cimaan biyyoota kanneen walitti fidu dhabamuunis rakkinichi osoo hin furamiin yeroo dheeraa akka turu sababa ta'uu dubbatu.

Maaltu jijjiirame?

MM Abiy Ahimad aangootti dhufuun wal qabatee wal diddaan Itoophiyaafi Eertiraa gidduu jiru furameera.

Biyyoonni lamaan rakkoo jidduu isaanii jiru furuu bira darbanii hariiroo diinagdeefi dipiloomasii cimaa uumuuf sochiitti jiru.

Rakkoon Itoophiyaafi Eertiraa gidduu jiru furamuun Gaanfa Afrikaa keessatti nagaan akka deebi'u gumaacha guddaa taasisee jira jechuun Ministirri Haaja Alaa Itoophiyaa Dr. Worqineh Gabayyahu BBC'tti himaniiru.

Jaarsummaa Itoophiyaatiin Eertiraafi Jabuutii gidduu rakkoo jiru furuuf mariin jalqabame milkiin xumurame kan jedhan Dr. Warqineh, hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo dhihootti wal argani mari'atu jedhan.

Gareeleen Sudaan Kibbaa wal waraanaa turan lamaan waliigalteerra gahuu, rakkoon daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru furamaa jiraachuu, Somaaliyaafi Eertiraa gidduutti hariiroon gaariin jiraachuu walumaa galatti Gaanfa Afrikaa keessatti milkii dippiloomasii guddaatu argamaa jira jedhu Dr. Worqineh.

Milkaa'ina argame kana keessatti qoodni Itoophiyaa olaanaa ta'uus dubbatu.

Faayidaa argamuu malu

"Dhugaa dubbachuuf biyyoota kana giduu daangaanumtiyyuu jiraachuun irra hin turre" kan jedhan Dr. Taaffasaa Oliiqaa hariiroo gaariin amma biyyoota Gaanfa Afriikaa jidduutti uumamaa jiru jajjabeessaadha jedhu.

Biyyoota kanneen walitti fidanii waliigalanii waliin jiraachuun, qabeenya qaban waliin fayyadamuun rakkina keessaa kan isaan baasudha jedhu.

Yeroo ammaa rakkoo godaansaa seeraan alaa addunyaa yaaddessaa jiru keessatti adda durummaan kan qooda fudhatan lammilee biyyoota Gaanfa Afriikaa akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Eertiraati.

Biyyootni kunneen qabeenya qaban walitti fidanii yoo wal misoomsan godaansa seeraan alaa kana hambisuu danda'u jedhu Dr. Taaffasaan.

Faayidaa diinagdee argataniin alatti akka biyya guddaa tokkootti waliin dhaabatuun kabajamanii jiraachuu fi fedhii isaanii tikfachuu bira darbee faayidaa dipiloomaasii guddaa argamsiisa jedhu.

Biyyoonni kunneen qabeenya qaban walitti fidanii waliin hojjechuuf waliigalteetti adeemaa jiraachuu kan himan Dr. Worqineh gama isaaniin Gaanfa Afriikaa zoonii waraanaa irraa gara zoonii nagayaafi misoomaatti jijjiiruuf hojjetaa jirra jedhu.

Yaaddoo

Amalli biyyooti kunneen kanaan dura qaban, "har'a taa'anii araaramanii, boru ammoo wal lolan yoo jedhamu dhageessa" kan jedhan Dr. Taaffasaan, ammas hojii guddaatu hafa jedhu.

Gama biraan rakkoon keessoo biyyootni kunneen mata mataatti qaban hariiroo gaarii isaan jidduutti uumamaa jiruuf yaaddoodha jedhu.

Biyyoonni kunneen walitti dhufanii waliin dhaabatuuf yaadni siyaasaa isaanii wal fakkaachuu qaba, ammaaf garaagarteen sanarratti qabanis waan ilaalamuu qabu ta'uu himu.

"Inni tokko dimokiraatawaa ta'ee kaan ammoo diimokiraasii hin fedhu yoo ta'e deebi'anii wal dhabuu danda'u" jedhu.

Hariiroo gaarii biyyoota kana jidduutti eegalame itti fufiinsa akka qabaatu, yoo rakkoon dhalate walitti fidee kan mariisisuu dhabni IGAD irra cimaa ta'e akka barbaachisus ni himu.

Odeessa kana irratti dabalata