Dinagdeefi hoji-dhabuu: Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba

Warshaa Tiraakteraa Maanufaakcheriingii Keenyaa Image copyright Maanufaakcheriingii Keenyaa
Goodayyaa suuraa Warshaa Tiraakteraa Maanufaakcheriingii Keenyaa

Gaaffii dimokiraasiifi eenyummaa cinaati, dhimmi dinagdeefi hoji-dhabdummaa kan deebii atattamaa barbaadu akka ta'e aanga'oonni mootummaa, abbootiin siyaasaafi hayyoonni irra deddeebiyanii dubbatu.

Kabajni mirgoota dimokiraasiifi namoomaa, akkasumas eenyummaafi bulchiinsi gaariin gaaffiiwwan baroota darban keessa ka'aa turaniifi jijjiiramni akka dhufu dirqama taasisan keessaati.

Haaromsi gama siyaasaatiin taasifamaa jiru, keessattuu dirree dimokiraasii bal'isuudhaaf hojjetamaa akka jiru wantoonni agarsiisan ni jiru. Dhaabbileen dimokiraasiifi haqaa akka haaraatti caasessuu, paartileen siyaasaa waltajjiitti baasuufi miidiyaaleen walaboomsuun sochiiwwan mumul'achaa jiran keessaa muraasa.

Gaaffiin deebii barbaadu kan biraan ammoo dinagdeen akka sosocho'u taasisuufi hoji-dhabdummaa hir'isuudha jedhu oggeessoonni damee kanaa.

Mootummaan kana irratti fuulleffateera? Sochiiwwan akka naannoo Oromoiyaatti 'Warraaqsa Dinagdee' jechuun jalqabe maalirra jira? Paarkiiwwan industirii eebbifamaa jiran ammoo kana keessatti gahee hangam qabu laata?

Gaaffiilee kanneen ilaalchisnee hayyuu dinagdee Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaaniifi Beeljiyeemitti ammoo kaadhimamaa doktoraa kan ta'an Obbo Tashoomee Tafarraa BBC'n dubbiseera.

Lakkoofsi namoota hojii hin qabnee...

Akka Ogeessi dinagdee kun jedhanitti, gabaasa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan waggota lamaan duraatiin lakkoofsi namoota hojii hin qabnee naannichatti miliyoona jaha ni ta'a, garuu yeroo ammaa kanaa ol ta'uu ni danda'a jedhu.

Baayyinni hoji-dhabdoota naannicha hanga kana taanaan mootummaan hojii umuun dirqamadha kan jedhan Obbo Tashoomeen, yaadni 'Warraaqsa Dinagdee Oromiyaa' jedhu kan eegalames kanumaaf ture jedhu.

Warraaqsi dinagdee kaayyeffame kun hoji-dhabdoota gara hojiitti galchuuf qofaa osoo hin taane, dinagdee naannichaa waggoottan darban keessa sababii adda addaatiin saamichi bal'aan irratti gaggeeffamaa ture dandamachiisuufis jedhan.

Dinagdeen naannooleen kan walbuusuufi akka wal hinmadaallee ibsanii, Warraaqsi Dinagdee jalqabame sunis dinagdeen naannoo Oromiyaa damaqsuuf barbaachisaa ture jedhu ogeessi kun.

"Mormiin waggoottan darban taasifamaa turanis bifa adda addaatiin dinagdee irratti dhiibbaa taasiseera. Fakeenyaaf, mootummaan gibira hanga sassaabuu qabu sassaabuu hin dandeenye, hojjetoonni omisharratti boba'uun isaaniirra ture mana oolaa turan waan ta'eef dhiibbaa guddaa uumeera."

Ministeera Muummee Dr. Abiy Ahimad waltajjii sochii gibiraa biyyaalessaa tibba kana Galma Gamtaa Afriikaatti qophaa'e ture wayita haasaan bananiitti, rakkooleen nageenyaa waggoota muraasa darban keessa uumaman gibira sassaabuu duraanuu baayyee gadaanaa ture 'rakkoo irratti fanxoo' taasiseera," jdhan.

Rakkoon dinagdee akkuma biyyaattu walxaxaa waan ta'eef, tarkaanfiin fudhatamus hanguma sana cimaa ta'uu qaba kan jedhan ogeessichi, "rakkoon gosa kudhan kan jiru yoo ta'e imaammata kurnan sana furu barbaachisa," jedhu.

Guddinni dinagdee argameera jedhamaa ture walii lama...

Guddina dinagdee waggoota darban argameera jedhame dubbatamaa tures walii lama jedhu Kaadhimamaa Doktoraa Tahoomeen.

Guddina jechuun kan jireenya irratti jijjiirama fiduufi walqixxummaa mirkaneessedha jedhan. Garuu guddinni jira jedhame sun bu'aa lammii hundaaf osoo hin taane harka namoota muraasaa galeera jechuudha jedhu.

Adeemsi dinagdee akkasii kun ammoo gara sirna dinagdee namoota muraasa harka galee isaanumaan badhaadhoo taasisuun kanneen hedduu ammoo iyyoomsaa deemu ta'a jechuun ibsu.

Rakkoo akkasii kana keessaa bahuudhaaf imaammata adda addaa baafachuun fala ta'a kan jedhu ogeessi dinagdee kun, fakkeenya biyyoota gara garaa imaammata farra shira dinagdee, farra monooppooliifi kan biroo kan jedhamu barbaachisaa ta'uu kaasu.

Qabeenyi harka nama muraasaa irratti yoo sasaabame namoonni hojii hin qabne baayyachaa deemu. Kun yeroo uumamu ammoo namoonni karaatti bahanii mirga isaanii gaafachuu danda'us jedhan.

Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba

Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba. Dirqamni kun heera mootummaa keessatti ifatti barreeffamee jira. "Mootummaan hanga humni danda'e lammilee biyyaatiif hojii kennuu qaba jedha Heerri Mootummaa."

Garuu hanga irraa eegamu mootummaan uummataaf hojii kennuu hin danda'u yoo ta'e namni bahee mirga isaa gaafachuun hin oolu, kan mullachaa tures kanumadha jedhu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa akka furmaata rakkoo kanaatti 'Warraaqsa Dinagdee' hojjechuu jalqabus rakkoowwan adda addaa, kessattu rakkoon nageenyaa bitaafi mirgaan, Bahaafi Lixaan uumame akka boodatti harkifatu ykn dhaabbatu taasiseera, jedhu.

Yaaliiwwan 'Warraaqsa Dinagdee' jalqabamnii turan yeroo akka fakkeenyaatti kaasanis, kan akka Keenyaa Bevereeji, Ijaarsa Walaabuu, Tiraanispoortii Gadaa kan gara hojiitti galan maqaa dhahaniiru.

Paarkiiwwan Industirii hojii-dhabdummaa hir'isuuf

Muuxannoo Paarkii Industirii Hawwaasaa fudhannee yoo ilaalle idustiriiwwan paarkicha keessa jiran hojjetoota qacaran biyya alaattillee erganii leenjisiisaniiru jedhan Obbo Tashoomeen. Haala kanaan yoo deemame hoji-dhabdummaa hir'isuudhaaf ni gargaara kan jedhan Ogeessi kun, bu'aa inni naannoo jiruuf buusu akka paakeejiitti ilaalamuu qaba jedhaniiru.

Paakejii sana keessaa akka Paarkii Industirii Hawwaasaatti carraa leenjii biyya keessaafi biyya alaa, manneen jiraanyaa hojjetootaafi akka ijaaramu taasifamuun kanneen biroof fakkeenya ta'uu mala. Kun ammoo maallaqani akka namoota naannoo harka galuufi hojiin uumamu gargaaruun dinagdee naannoo sanatti argamus sochooseera.

Industiriin Paarkii Jimmaa dhiyeenya kana Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad eebisan namoota 40,000 hanga 60,000 ta'aniif carraa hojii uuma jedhamee waan eegamuuf akkuma kan Hawwaasaa sana yoo taasifame dinagdee naannoo sanaa ni sochoosa jedheen abdadha jedhan.

Paarkiiwwan industrii kan Jimmaa, Adaamaa, Hawwaasaafi kan biroon haala kanaan osoo gaggeeffamanii hoji-dhabdummaa hir'isuufi dinagdee naannoo isaanii sosochoosuudhaaf ga'ee guddaa ni qabaatu.

Image copyright Komishinii Invastimantii Itoophiyaa
Goodayyaa suuraa Paarkii Industirii Hawwaasaa

Garuu gaaffiiwwan gurguddoon ka'aa jiran jiru...

Paarkiin Industirii Hawwaasaa ykn Boole Lamiitti kan ta'aa jiru, abbootiin qabeenyaa paarkiiwwan kana keessatti hojjetan bu'aadhaaf waan hojjetaniif miindaa hojjetootaaf kaffalan gadi bu'aa gochuun mul'achaa jira. Fakkeenyaaf, Hawwaasaatti ji'atti Birrii 800 hanga 1,000 kan yeroo ammaa nama tokko jiraachisuu hin dandeenye kaffalu.

Rakkoon hoji-dhabdummaafi kaffaltaa gadi aanaa hojjetootaaf kaffalamu kun kan walduraafi duubaan furamuu qabudha. Hojii-dhabuun rakkoo duraa yommuu ta'u kaffaltii foyyaa'aan ammoo gaaffii lammeessoo dhufu ta'a.

Kanaaf, arraaqsa dinagdee jalqabame sana paarkiiwwan industirii banamaa jiran kana waliinis mootummaan tarkaaniiffan tooftaawwan dinagdee naannoo sochoosu rakkoo hoji-dhabdummaa hir'isu faluun waan yeroo biraaf jedhamu miti jedhan Obbo Tashoomeen.

Rakkoon hoji-dhabdummaa rakkoo mootummaa mudatu isa gudaadha akka ogeessa kanaatti. "Paartiin siyaasaa aangoo qabatee dingadee foyyeessuun hoji-dhabdummaa hir'isuu irratti hin hojjetu taanaan kufuun isaa hin oolu."

Akka inni jedhutti hoji-dhabdummaan biyya Itoohpiyaa, keessattuu kan naannoowwan magaalaa parsantaadhaan yeroo dijiitii lamaa olidha. Hoji-dhabdummaan yeroo dijiitii lamaa ol ta'u ammoo biyyaafi mootummaa kamiifiyyu yaaddoo guddaadha.

Maaltu ta'uu qaba, carraa maaltu jira?

Rakkoo hojii-dhabdummaa hir'isuudhaa mootummaan meeshaa of harkaa qaba. Qabeenyaa xiqqoon biyyattiin qabdu harka nama xiqqoo galeera, galaas jira. Isa kana mootummaan tarkaanfii fudhachuu qaba. Fakkeenyaaf, akkaataa ittiin qaraxniifi gibira galii sasaabu irratti seera foyyaa'aa baasuu barbaachisa jedhu.

Akaakuu hoji-dhabdummaa keessaa kan magaalaa yeroo baayyee hoji-dhabdummaa caasaa (structural unemployement) jedhama jedhu Obbo Tashoomaan. Kun ammoo kan baadiyaa rakkoo hojii dhabuu kan yeroo (seasonal unemployment) kan ta'e waliin yeroo ilaalamu rakkoo cimaadha.

Haala kanaan, namoonni galii guddaa qaban akka gibira guddaa kaffalan gochuun warri galii gadi aanaa qaban ammoo gibira xiqqaa akka kaffalan taasisuun fala ittiin qabeenyi walqixxaataa deeemuun carraan hojii argamaa deemus ni fooyyaa'a.

Baadiyyaatti yeroo baayyee hojiin qonnaa yerooo jirutti, keessumaa yeroo roobni jiru humni baayyee hojiitti bobba'a. Kanaaf, rakkoo hoji-dhabdummaan mootummaan xiyyeeffannaa duraa itti kennuun barbaachisu isa rakkoo hoji-dhabdummaa caasaa ta'e kana irratti ta'uu feesisa jedhu.

Isa kana furuudhaaf ammoo 'Waraaqsi Dinagee' akka Oromiyaati jalqabameefi paarkiiwwan industirii kaayyoo hoji-dhabdummaa hir'isuufi dinagdee naannoo daddamaqsuufi bu'aa buusuu danda'u irratti xiyyeeffachuun hojjechuutu fala ta'a jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata