Labsii dhimma baqattootaa haarome irraa baqattootni maal fayyadamu?

Gamoo paarlaamaa Itoophiyaa Image copyright FBC
Goodayyaa suuraa Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma baqattootaarratti labsii haaraa raggaase

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'iisaaa idilee 19ffaa kaleessa taa'een wiixinee labsii dhimma baqattootaaf ba'e sagalee caalmaan raggaaase.

Akka labsichaatti mootummaan Itoophiyaa baqattootaaf mirga walabaan socho'uu irratti dabalataan mirga barachuu fi carraa hojii argachuu eyyameera.

Itoophiyaan kana dura labsii dhimma baqattootaarratti baaftee harkaa qabduun, baqattootni mooraa baqattootaa keessatti deeggarsoota namoomaa isaan barbaachisu akka argatan kan heeyyamu ture.

Labsiin kun kan haaromuun barbaachisef baqattootni hanga rakkoon baqaaf isaan saaxile furamutti biyya itti baqatan keessatti misooma keessatti akka hirmaatan yaadameeti jedhan Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Walitti Qabduun koree dhimma seeraa, haqaa fi dimookiraasi Aadde Fooziyaa Amiin.

''Baqattoonnis akkuma ilma namaa tokkootti mirga hojjetanii jiraachuu, mirga barachuus argachuun waanta isaanirra jiraatuuf'' labsichi akka haaromu barbaachise jedhan.


Baqattootni labsii kana dura turerraa kan ka'e wantootni hin hayyamamneef keessaa muraasni:

Ijaaramanii hojii hojjechuuf mirga hin qaban.

Herreega baankii bananii tajaajila baankii argachuu hin danda'an,

Lafa liiziin fudhatanii hojii qonnaarratti bobba'uu hin danda'an.


Labsiin haaromee ragga'e kun deeggarsa taa'anii eeggachuu caala wantoota armaan olitti eeraman kana akka argataniifi misooma keessatti akka hirmaatan hayyamaa jedhu aadde Fooziyaan.

Yoo waan kaffalan qabaatan baqattootni kun akkuma lammiilee Itoophiyaa barachuu kan dand'an yommuu ta'u daa'immaniif haalli isaan kaffaltii malee barnoota argatan mijaayee jiraachuunis ibsameera.

''Mooraa baqataa galaniif qofa daa'imni bor biyyaa jijjiiruu dandeessu doofummaa keessatti akka hin hafneef carraa banaafis,'' jedhan.

Afrikaa keessaa baqattoota simachuun Ugaandaatti aantee lammaffaarratti ka argamtu Itoophiyaan baqattoota 900,000 ol ta'aniif dahoo dha.

Heddumminaan baqattootaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Eertiraa kan dahachiiftee jirtu Itoophiyaan kaampiiwwan 20 ta'an keessatti deeggrsa kennaa turtus hojjetanii akka jiratan hayyamaa hin turre.

Hogganaan waajira ministira muummee duraanii obbo Fistuum Araggaa odeessa twitara irrattii maxxansaniin sagantaa 'Jobs Compact' jedhamuun carraalee hojii 100,000 Itoophiyaa keessatti uumuuf maallaqni doolaara miiliyoona 500 ta'u ramadamuufi kana keessaa harki 30 baqattoota biyya keessa jiran akka gargaaru himaniiru.

Carraan hojjetanii jiraachuu baqattootaaf hayyamamuun hanqina carraa hojii dargaggoota biyyatti hedduu hudhee qabe qoodachuun ittuu hammeessa yaaddon jedhu jiraatus, aadde Fooziyaan ''kun rakkoo ta'a jedhee hin yaadu hojiin itti bobaba'n gargara ta'uu waan maluuf'' jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata