Haleellaa Al-Shabab tibbanaafi deebii mootummoonni kennan

Al-shabaab Image copyright AFP

Walakkaa torban darbee hoteela Dusiit magaalaa Naayiroobii keessatti argamu irratti haleellaa kan raawwate gareen al-Shabaab loltoota mootummoota Somaaliyaafi Itoophiyaa irratti halleellaa raawwachuun dhaga'ameera.

Sanbata darbe hidhattoonni al-Shabaab buufata waraanaa mootummaa Somaaliyaa dhiyeenya magaalaa Kismaayyuutti argamu Bar Sanguunirratti haleellaa bananii turan.

Haleellaa kanaan al-Shabaab loltootaa mootummaa gaaga'uu ibsus, mootummaan Somaaliyaa garuu haleellaan raawwatamuu amanee miidhaan al-Shabaabiifi miidiyaaleen isa waliin hidhata qaban gabasan sirrii miti jedheera.

Yeroo muraasaaf buufatichi to'annoo isaan ala ta'ee turuu garuu hin haalle.

Boodarra haleellaa mootummaan hilikooptara fayyadamuun baneen konkolaataa garichi itti dhimma bahaa ture barbadeessuun hidhattoonni gariin ajjeefamuu aanga'oonni Somaaliyaa himaniiru.

Jimaata darbe loltoota Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti ergama Gamtaa Afrikaa (AMISOM) jalatti socho'an irratti haleellaa al-Shabaab raawwateen miidhaan qaqqabuu suuraaleen haleellaa sana booda kaafaman jedhame BBC harka gahan ni mul'isu.

Haleellaan kun Kibbaa Lixa Somaaliyaatti loltootni Itoophiyaa konkolaataa waraanaan naannoo Burhaakaaba irraa gara Baayidawaatti wayita imaalaa turan akka raawwatame Asooshetiid Pirees gabaaseera.

Mootummaan Itoophiyaa Al-shabaab haleellaa raawwachuuf yaalii gochuu amanee, tarkaanfii duub-deebii fudhateen Al-shabaab irraan miidhaa jabaa geessisuu himeera.

Miidha loltoota Itoophiyaa irra gahe jedhame ilaalchisee Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroof dubbachuu hin feene.

Haleellaawwan Jimaataafi Sanbata gareen al-Shabaab raawwate haaloo bahuuf humni Waraanaa Ameerikaa naannoo Jilib jedhamuttii hidhattoota al-Shabaab qilleensarraan haleeluu US Afrikaa komaand ibsa Sanbata baaseen beeksiseera.

Haleellaa kanaanis hidhattoota garee kana 50 ol ta'an ajjeesuus ibseera.

Gareen kun torban darbe magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti haleellaa Hoteela Dusit irratti raawwateen lubbuu namoota 21 galaafachuun ammaas naannichatti yaaddoo nageenyaa ta'uu agarsiisaa jira.

Humnoonni nageenyaa Keeniyaa haleellaa shorokkeessummaa gama Baha Keeniyaatti gareen kun qaqqabsiisuuf ture karaatti hambisuu himaniiru.

Aanga'oonni Keeniyaa akka ibsanitti hidhattoonni garee al-Shabaab akka ta'an shakkaman kampaanii ijaarsaa Chaayinaa lama Gaarisaatti argamu irratti xiyyeeffatanii turan.

Ta'us garuu qondaalonni poolisii Keeniyaa shororkeessitoota kana haleeluun yoo xiqqaate afur ajjeesanii ofirraa deebisuu danda'aniiru.

Poolisiifi hojjetoonni kampaanii ijaarsaa du'uun gabaafame garuu hin jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata