Yaaddoo sharafa alaa Itoophiyaafi furmaata ogeessi akeekan

Madda suuraa, Getty Images
Kanaan dura Hogganaan Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa gabaasa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessaniin kuufamni sharafa alaa Itoophiyaan qabdu kan ji'a lamaafi walakkaaf turu qofadha jedhanii turan.
Haalli kun biyyattiif yaaddoo ni qabaataa? jennee xiinxalaa diinagdee biyyoota Afriikaafi Baha Giddu Galeessaa kan ta'aniifi biyya Qaataar Magaalaa Dohaa kan jiraatan Dr.Ayyalaa Galaan gaafanneerra.
Dhimma kana haala lamaan akka ilaalan kan dubbatan Dr.Ayyalaan "Biyyi kuufamni sharafa alaa ji'a lamatti gadi jalaa bu'u yeroo baayyee waan hin jirreef gama tokkoon na yaaddessa. Gama kaaniin garuu kan Itoophiyaa waan haaraa miti,'' jedhan.
ALA bara 2004 irraa eegalee waggoota kudha shanan darban keessatti yoo baayyate ji'a sadi, yoo xiqqaatemmoo ji'a tokko gidduutti naanna'aa ture sharafni Itoophiyaan kuufattu jedhan xiinxalaan diinagdee kun.
Rakkoon kun har'uma tasa kan mudate waan hin taaneef, yeroo baayyee rakkooma kanaan dura ture deddeebi'anii gabaasuurra, furmaatasaa irratti xiyyeeffachuutu fala ta'as jedhan.
''Fakkeenyaaf bara 2008 keessa sharafni biyya alaa Itoophiyaan kuufattee turte kan ji'a tokkoof ishee ga'u qofa ture. Bara 2014 keessammoo kan ji'a tokkoo fi walakkaa qofaaf ishee ga'u qabdi ture.
Kana ammaa kunis rakkoo kanaan dura tureen adda miti. Akka waan hanqina jijjiirama amma biyyattii keessatti mul'achaa jiruutti gabaasuun sirrii miti.'' jedhan.
Kuufama sharafa alaafi diinagdee biyyaa
Akkuma namni tokko maallaqa baankii kaawwatu biyyoonnis wayita waa gurguratan Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa(IMF) kaawwatu kan jedhan Dr Ayyalaa Galaan ''yoo danuu achii qabaatan kuusaa danuu qabu jechuudha. Fakkeenyaaf, Keeniyaan kan kuufama ji'a shaniif ishee ga'u qabdi.
Taanzaaniyaan ji'a ja'atti kan siqu qabdi. Waan ji'aan lakkaawamuuf qaba. Kanaafuu, biyyoonni yoo meeshaa ala erganii gurguruu baatanillee, waan kuufatanii qabaniin meeshaa alaa bitachuu danda'u jechuudha. Haala kanaan Itoophiyaan kan ji'a lamaafi walakkaaf meeshaa alaa isheef galchuu danda'u qofa qabdi jechuudha,'' jedhan.
Tarkaanfii fudhatamuu qabu...
Inni jalqabaa omisha biyya keessaa cimsuudhaan gara alaatti erganii, sharafa guddaa argachuudha kan jedhan Dr Ayyalaan gabaa addunyaa keessa wayita galan humna ofii madaaluun barbaachisaadha jedhu.
"Humna ol ala ba'anii bituu hiri'suudha. Fakkeenyaaf, Itoophiyaan otooma rakkoo akkanaa keessa jirtuu pirojektoota gurguddoo kan biyyoonni sooreyyiillee hin hojjenne hedduu hojjechuurratti bobbaate.
Pirojektoonni kunneen ammoo meeshaalee gurguddaa doolaaraan alaa bitamanii galaniin hojjetamu. Kanaafuu, akka humna ofiitti buluun barbaachisaadha."
Hammi jijjiirraa maallaqaa Itoophiyaafi kan biyya alaa gabaarratti hundaa'uu...
Yeroo baayyee birriin Itoophiyaa doolaariirratti rarra'a kan jedhan xiinxalaan diinagdee Dr.Ayyalaa Galaan akkaataan jijjirraa maallaqaa(exchange rate) kan hin warraaqne(fixed) ture jedhan.
"Birriin Itoophiyaa doolaaratti sharafameeti kan biyyattiin gabaa addunyaa keessa galtu. Gabaasaas mootummaatu murteessa. Dabalus, hir'atus murteen kan mootummaati. Sanarraa hin warraaqu. Namni doolaara harkaa qabus akka gabaatti osoo hin taane akka mootummaan jedhetti geeddarata."
Jiijjiirraan maallaqaa warraaqaan(floating exchange rate) ammoo akkaataa gabaarratti kan hundaa'uudha. Kan doolaara gurguru yoo baayyate gadi bu'a, kan bitu yoo baayyatemmoo ol ka'a jechuudha.
''Inni amma gabaa gurraacha(black market) irratti geeddaramaa jiru gatiidhuma gabaa jirutti siqa.''
Amma sharafni alaa biyyattii qarqara lama kan gama mootummaan jiruu fi haala qabatamaa gabaa biyyattiitiin jiru gidduu jira kan jedhan Dr Ayyalaan kun lachuu diinagdee Itoophiyaaf furmaata hin ta'u jedhan.
'' Doolaariin biyya alaatii gara Itoophiyaa galullee karaa mootummaatiin ta'uun hafee harka lafa jalaatiin biyya seenaa jira. Gabaan harka lafa jalaan adeemsifamu kunimmoo diinagdee Itoophiyaa rakkoo keessa galcheera.Kanaafuu sharafni alaa hin warraaqne(fixed exchangde rate) achirraa siquu qaba. Guutummaa guutuutti warraaqaa taasisuun gabaarratti akka hundaa'u gochuunis rakkoodha.''
Callisanii sharafa kana gabaaf gadi dhiisuu osoo hin taane karaa ittiin doolaara alaa argachuun danda'amurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha jedhu Dr Ayyalaan.
Maaltu furmaata?
Daldalli Itoophiyaan gara biyyoota alaatti taasistu doolaara qofarratti rarra'uun hafee, maallaqa biyyoota waliin daldaltuu hundayyuu qorachuun itti fayyadamuun furmaata kan jedhan Dr Ayyalaa Galaan maallaqa biyyootaa kan gatii maallaqa Itoophiyaa gadi hin buusnetti fayyadamaa deemuunis ni danda'ama jedhan.
Daayaspooraan biyyattii biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiran doolaara argatan irraa biyyasaaniif akka tumsan gochuun waan gaarii ta'ee garuummoo kanuma qofa raawwatanii taa'uunis furmaata waaraa hin fidu jedhan.
Fakkeenyaaf dayaaspooraan maallaqa argatan biyyasaaniitti akka kuufatan gochuufaa akka furmaataatti eeran.
"Lammiileen Itoophiyaa biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiraatan mindaas haata'u maallaquma wayita baankii kaawwatan dhala hin qabu. Mootummaan Itoophiyaa garuu namoonni kunneen sharafa alaa kana baankii biyyaattii kuuftanii akka dhalasaa waliin argatan gochaa ofiis fayyadamuu danda'a.
Haala kanaan baankonni Itoophiyaa jiran hundumtuu ofiis fayyadamaa namoota kanneenis faayidaaf akka hojjetan gochuun ni danda'ama."
Biyyoonni addunyaa hedduun haala kanaan hojjechuun fooyya'an, akkaawuntii hojjettoota biyya alaa(foreign workers account) jechuun bananii ittiin hojjetu. Hojjettoonni isaanii biyyasaaniitti sharafa alaa kuufatu. Kana osoo hin tottolchin callisanii maallaqa warraaqaa(float) gochuun boodee harka maratanii taa'uu fida.''
Gama biraatiin gabaa biyootaa xiinxaluun akkaataa sharafni itti geeddaramu kan akeeku Dhaabbati Maalaqaa Idil Addunyaa yeroo baayyee haala qabatamaa diinagdee Itoophiyaa ilaaleetii miti kan gabaasa baasu kan jedhan Dr.Ayyalaan , Itoophiyaanis waanuma IMF itti fe'u fudhachuun hojiirra oolchuu qofa osoo hin taane qorannaa bal'aa geggeessuun waan ishee baasu hordofuutu irra jiraata jedhan.
Kallattiin IMF akeeku yeroo baayyee birrii Itoophiyaa gadi cabsee doolaara ol kaasuurratti waan fuulleffachuu maluuf Itoophiyaanis wantoota akkanaarratti dammaqinaan hojjechuu qabdi jechuun yaada kennaniiru.