Nagaasoo Gidaadaa Soolan (PhD) eenyu turan?

Dr. Nagaasoo Gidaadaa

Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Dr. Nagaasoo Gidaadaa Ebla 27, 2019 biyya Jarmanitti wallaansarra osoo jiranii du'aan boqotaniiru.

Boqochuu isaaniis MM Abiy Ahimad dabalatee aanga'oonni, hayyoonni siyaasaafi beektonni akkasumas miidiyaaleen gara garaa gadda itti dhaga'ame uummata Itoophiyaaf, maatiifi firoota maraaf ibsaa jiru.

Dr. Nagaasoon eenyu turan? Imalli isaanii maal fakkaata ture?

BBC Afaan Oromoo maddawwan gara garaa irraa walitti qabuun seenaa gababaa akka itti aanutti dhiyeesseera.

Fulbaana 8 bara 1943 Dambii-Doolloo, Wallaggaatti dhalatan. Abbaan isaanii Gidaadaa Soolanis nama dhaloota barumsaan qaraa turaniifi aantummaan uummata tajaajiaa turan akka ta'e seenaan isaanii ni hima.

Dr. Nagaasoon Yunivarsiitii Hayila Sillaaseetti bara 1966 hanga 1971 seenaa baratan. Bara 1971 hanga 1974'tti Ayiraa, Wallaggaa Lixaatti Daarektera mana barumsaafi barsiisaa seenaa ta'uun tajaajilaniiru.

Bara 1974 carraa barnootaa argachuun gara biyya Jarmanitti imaluun hanga bara 1991'tti achi jiraataniiru.

Turtii isaanii biyya Jarmaniin Seenaa hawaasaa akkasumas gosa barnootaa Ethnology jedhamu Yunvarsiitii J.W.Goethe, Firaankifartitti argamutti qorataniiru.

Dhimmi qorannoo doktorummaa isaanii ammoo Seenaa Sayyoo Oromoo Wallaggaa bara 1730 hanga 1886tti kan jedhu ture.

Dr. Nagaasoon dubartii lammii Jarman ogummaan ishee Narsii deessiftuu taate Rejiinaa Abbelt waliin bultoo ijaarrataniiru.

Hirmaannaa siyaasaa

Hayyuun seenaafi namni siyaasaa gameessi kun Itoophiyaa keessatti walakkaa jaarraa tokkoof dammaqinaan kan hirmaataniifi dhimmoota siyaasa biyyattii murteessoodha jedhaman keessatti adda durummaan gumaachaa turan.

Kitaaba waa'ee imala siyaasa isaanii irratti barreeffame, 'Daandii Nagaasoo' jedhu irratti akka barraa'etti, Dr. Nagaasoon barataa sadarkaa lamaffaa yeroo jiran ture kan siyaasa keessatti hirmaachuu jalqaban.

Sochii barattootaa bara 1950'n keessa sirna abbaa lafaa irratti ka'aa ture keessattis dammaqinaan qabsaa'aa turan.

Bara Awurooppaa turan miseensa ABO ta'anii si'aayinaan qooda fudhachaa turan.

Bara 1991 yeroo ce'umsaa gara biyyaattii deebi'anii ammoo Koree Giddu-gaeessaa Dhaabbata Dimokiraasummaa Uummata Oromoo ta'uun tajaajilaaniiru.

Wal-dhabdee MM Itoophiyaa duraanii Mallas Zeenaawii waliin uumameen dhaaba ADWUI fi aangoo pireezidantummaa akka gadi dhiisanii bahantu himama.

Filannoo Biyyaalessaa kan bara 2005 irratti ammoo qe'ee dhaloota isaanii Dambi-Doollootti dhuunfaan dorgomanii filatamuun miseensa Mana Maree ta'anii tajaajilaa turan.

Bara 2008 ammoo paartii mormituu 'Forum for Democratic Dialogue (FDD) warra hundeessan keessaa tokko turan.

Paartiin FDD isaan namoota biroo waliin hundeessan kunis bara 2009 paartii Unity for Democracy and Justice Party (UDJ) jedhamutti makame.

Aangoo mootummaa tajaajilaa turan

Akka kitaabni waa'ee seenaa Dr. Nagaasoo himu, 'Daandii Nagaasoo' jedhu mullisutti, osoo Pirezidaantii Itoophiyaa hin ta'iin dura bara 1991 hanga 1995tti Ministira odeeffannoo ta'anii tajaajilaniiru.

Bara 1995 irraa kaasanii hanga 2001'tti garuu Pirezidaantii Itoophiyaa ta'anii tajaajilaniiru.

Osoo miseensa Koree Giddu-galeessaa DhDUOfi Pirezedaantii Itoophiyaa ta'anii tajaajilanii ture kan mormanii ejjennoo dhuunfaa isaanii fudhatanii miseensummaa dhiisanii pirezedaantummaa irraas gadhiisan.

Akka kitaabni seenaa kun jedhutti, murteen kun gatii guddaa isaan baasiseera.

Namni pirezidantii duraanii ta'uun tajaajile siyaasaa keessatti qooda kan fudhatu yoo ta'e, faayidaawwan mootummaan isaaf dhiyeessu mara ni dhaba seerri jedhu isaanuma miidhuuf jecha akka tumame kanaan dura BBC'tti himanii turan.

Kuni kan ta'e jaalala siyaasaa ani qabu waan beekaniif ta'e jedhanii taasisan jedhu ture Dr. Nagaasoon.

Hirmaannaa siyaasaa keessatti itti fufuudhaan miseensa mana mareef yeroo dorgomanitti faayidaaleen argachuu malan akka konkolaataa, eegdota dhuunfaafi mana jireenyaa dhorkaman.

Hojiin guddaan kan biraa Dr. Nagaasoon ittiin yaadataman Heera Mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa hojiirra jiru kana tumuu keessatti.

Dr. Nagaasoon walitti-qabaa Yaa'ii Tumannaa Seeraa (Constitutional Assembly) ta'uun tajaajilaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata