Bulchaa Dammaqsaa: "Oromoon ofii nyaatee saba biraas akka nyaachisun arguu barbaada"

Obbo Bulchaa Dammaqsaa
Goodayyaa suuraa Obbo Bulchaa Dammaqsaa

Hayyuu diinagdee kan ta'an Obbo Bulchaa Dammaqsaa erga bara Hayilasillaaseetii kaasee buleeyyii siyaasa Itoophiyaa haalaan hubatan keessa tokko.

Siyaasicha alaa taajjabu qofa osoo hin taane keessatti hirmaachaas turaniiru. Haala siyaasaa biyyattii ilaalchisees yaada yeroo garaa garaa waltajjiiwwan irratti ibsaniin alattis kitaaboota illeen barreessuun seenaa beekan dhaloota dhuufuuf akka darbu taasisaa jiru.

Kitaaba amma dura afaanota Ingilizii fi Amaaraatiin barreessanii turan dhiheenya kana ammoo Afaan Oromootiinis maxxansaniiru.

Waa'ee kitaaba isaanii kanaafi dhimmoota biroo irratti BBC waliin turtiin taasisan kunooti dubbifadhaa.

BBC: Kitaabni afaan Oromootiin barreessitan kun maal irratti fuullefata?

Obbo Bulchaa: Kitaabichi amma barreesse mata dureensaa "Jireenyaa fi mul'ata koo Oromoo fi ummattoota Itoophiyaa birootiif" jedha.

Kitaaba kana keessatti waa'ee jireenya kootii ijoollummaarraa hanga yeroo dhihootti ture barreesseera.

Haa ta'uutii kitaaba kanarratti waa'ee koo qofaan barreessuun gahaa miti jedhee waanan yaadeef waa'ee biyya Itoophiyaa kanas itti dabaleera.

Waa'een Itoophiyaa Oromoodhaaf dhimma guddaadha. Kana jechuun waa'een Itoophiyaa Oromoodhaaf toluus baduus ni danda'a jechuudha.

Hanga yeroo dhihootti Oromoodhaaf hin tolle ture.

Sababnisaas mootummoonni amma dura Itoophiyaa bulchaa turan Oromoodhaaf dhimma hin qaban. Dhimmi isaan qabaatan yoo jiraatees Oromoo lolanii balleessuudha.

BBC: Kitaaba kana kan barreesitan yoomi?

Obbo Bulchaa: Kitaaba kana waggaa afur duran afaan Ingiliziitiin jalqaba maxxansiise. Itti aanee afaan Amaaraatiin achiin booda Afaan Oromootiin maxxansiise.

Maxxansi afaan Amaaraa amma gabaarraa dhumaa waan jiruuf irra deebiin maxxansamuuf jira.

BBC: Kitaaba keessan keessatti waa'ee Oromoo maalirratti xiyyeefattanii barreesitan?

Obbo Bulchaa: Oromoon yeroo hundaa akka diinaatti ilaalama akka alaa dhufeetti. Hamma nuti beeknutti immoo Oromoon asumatti dhalatee asuma jiraachaa ture.

Garuu warri kaan Oromoo baay'inasaa fi ciminasaa arganii, jara kana yoo gadi qabne malee nu balleessu jedhanii durumaa eegalanii gadi qabaa turan.

Oromoon garuu meeshaa waraanaa baay'ee hin qabu ture. Warri biyya kana bulchaa turan Oromoon yoo guddate nun teessisu jedhanii yaadu.

Baruma duriirraa jalqabee mootummaan Itoophiyaa Oromoo balleessuuf yaaleera garuu ni dadhabe.

Bu'aa bahii Oromoon keessa darbe kanan barreesse kitaaba kiyya kana keessatti. Walumaa galattis kitaabni kun waa'ee Oromoo guuteema dubbata.

BBC: Kitaaba kana maaliif barreessuuf yaaddan?

Obbo Bulchaa: Ijoollummaa kiyyarraa kaasee waa'edhuma 'Oromoon biyya biraatii dhufee' kanan dhagahaa guddadhe.

Alaqaa Taayyeenfaa Oromoon Madagaaskaarii dhufe jedhanii barreessan. Sirumaa bishaan keessaafaa bahe jedhanii barreessaa turan.

"Kanaafuu ijoollummaa kiyyarraa jalqabee akkamitti namni bishaan keessaa baha, ummanni Oromoo osoo biyya biraatii dhufee attamiin uummata Itoophiyaa kan biroo fakkaataa? Akkamitti kun ta'uu danda'a kan jedhudha gaaffiinkoo."

Yeroon ani kitaaba kana barreessutti immoo akka kana duraa miti, namnis Oromoon Itoophiyaa ta'uusaa bareera, galeeraafis.

Kanaafi ani Oromoon ummatuma biyya kana keessatti dhalate guddate ta'uusaa agarsiisuufi yaadoota sammuu kiyya keessa jiran kan biraa itti dabaleetiin barreesse.BBC: Filannoo dhufaa jirurratti nan dorgoma jechuu keessan dhageenyee turre, dhugumaa?

Obbo Bulchaa: Ani umuriin kiyya wagga 88. Garuu dandeettii qaba. Mataankoo fi qaamni kiyya hunduu sirritti hojjeta. Amma kufeetiin xiqqoo okkolaa jira malee ani fayyaadha.

Kanaaf wanti baay'een mataakoo keessa waan jiruuf, filannoo dhufuratti dorgomee Oromoon isa durii fi isa ammaa caalaallee akka guddatuuf, akka sooramuu, akka ofii nyaatee saba kan biraas nyaachisu gochuun barbaada.Kanin dorgomu garuu akka paartiitti miti. Akka Bulchaa Dammaqsaattiin dhuunfaadhaan dorgoma. Paarlaamaa galuun barbaada.

BBC: Dhaamsi dhaloota ammaatiif dabarsitan maaliidha?

Obbo Bulchaa: Dhaloonni Oromoo ammaa akka garee kubbaa miilaa tokkootti wal-ta'uun moo'uu qaba. Moo'ichi kan argamuus qawwee qofaatiin miti.

Karaa hoggansaa, karaa amalaa, karaa qonnaa, fi karaa hundumaanuu cimee dursuu qaba Oromoon.

Oromoon saboota Itoophiyaa hunda waliinis waliigaluu qaba. Aamaara, Tigree, Guraagee, sidaamaa fi ummata biyya kana hunda wajjin jaalalaa fi waliigalteedhaan Itoophiyaa hogganuu qaba Oromoon.

Hunduu jaalalaan ta'uu qaba. Lolaa fi humnaan miti. Lolaan eenyumtuu moo'ee itti fufuu hin danda'u.

Biiyyoonni akka Jarmanii fi Faransaayi fa'iitu lolaan moo'anii itti fufuu dadhabanii dhiisan. Kanaafu ademsi akkasii amma hin danda'amu.

Kanaaf ofis eegaa ormas kabajanii waliin jiraachuu murteessaa ta'a.

BBC: Yaadaa fi yeroo keessaniif guddaa galatoomaa.

Obbo Bulchaa: Isiinis galatoomaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata