Ogeessonni fayyaa Itoophiyaa magaalota adda addaatti hiriira, mariirra jiru

Mormii ogeeyyii fayyaa
Goodayyaa suuraa Magaalaa Baahirdaariitti ogeessonni fayyaa gaaffii isaanii qabatanii hiriira kan bahan

Ogeessonni fayyaa Itoophiyaa gaaffiin keenya hin deebine jechuun guyyaa har'aa hiriira bahuuf waamicha dhiheessan bakkeewwan adda addaatti hiriira nagaafi hoggantoota waliin mari'achaa jiru.

Ogeessonni Naannoo Oromiyaa irraa walitti dhufan Hogganaa Biiroo Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa fi Itti -aanaa isaanii Dr Abdulqadir Galgaloo waliin mari'ataa oolan.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti mariin kuni guyyaa boru Pirezidantiin Itti -aanaaa naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti itti fufa.

Kaaba Itoophiyaa magaalaa Baahirdaar, Gondar, Maqalee, Aksuumiifi Addigraatitti ogeessonni fayyaa gaaffii isaanii qabatanii hiriira kan bahan yoo ta'u Finfinneetti hiriirri kan hin turre ta'us mariin garuu akka ture ripportaroonni BBC himaniiru.

Akka OBN gabaasetti, Kantiibaan Itti-aanaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa ogeessota fayyaa magaalattii keessa jiran waliin mariyataniiru.

Magaalaa Maqaleetti ammoo ogeessonni fayyaa pirezidantii Itti -aanaa naannichaa Dabratsiyoon G/Mikaa'el (PhD) waliin mariirra oolan.

Nannoo Kibbaatti mariin walfakkaataa kan taasifame yoo ta'u naannoleen kaanittis bakkeewwan bulchitoonniifi hoggantoonni biiroo fayyaa argamanitti, achis sadarkaa kantibootatti mariin itti fufa jedhameera.

Mariin ogeessota fayyaa waliin taasifamu marii MM Abiy Ahimad waliin erga taasifame booda kan itti fufedha.

Ogeeyyiin fayyaa torbee lama dura MM Abiy waliin erga mari'atani booda deebii quubsaa akka hin arganne, inumaayyuu mufannaa dabalachuu dubbataa turan.

Kanaafis waamichi hiriira nagaafi hojii dhaabuu yeroo adda addaa aggaamamaa ture.

Jalqabbii

Gaaffiin ogeessota fayyaa ifatti ji'a dura yunivarsiitii Jimmaatti eegale. Barattuun waggaa xumuraa dhukkubsataan harkatti miidhamee jennaan reebichi irra gahe sababa ture.

Ka'umsa kanaan, ogeessota fayyaatiif eegumsi gahaa akka taasifamuufi barattoota waggaa xumuraa medisiniif kaffaltiin gahaa akka raawwatu kan jedhu gaaffiin ka'e.

Ergasii yunivarsiitii Arsii barattoonni medisinii waggaa xumuraa poolisii waliin walitti bu'un erga miidhamaniin booda yunivarsiitii guddicha kan Finfinnee dabalatee mormiifi dallansuu qaban barattoonni hiriiraan ibsaniiru.

Goodayyaa suuraa Maqaleetti ogeessonni fayyaa pirezidantii Itti -aanaa naannichaa Dabratsiyoon G/Mikaa'el (PhD) waliin mariirra jiru

Gaaffiin ogeessota fayyaa boodarra cimee bulchaa biyyattii MM Abiy Ahimad bira gahe. Mariin ogeessota 3,000 ta'an waliinis taasifame.

MM Abiy gaaffiin ogeessotaa imaammata fayyaaf galtee akka ta'uufi gaaffiin isaanii ''Haala amma Itoophiyaan keessa jirtu hubannoo keessa kan galche ta'u,'' dubbatanii turan.

Haa ta'u malee, gaafiin isaanii bal'aa osoo hin deebi'iin hafu dubbatu ogeessonni marii taasisan.

Ministeerri Fayyaa garuu gaaffiiwwan ijoo deebi'uufi kanneen hafanis deebisuuf koreen hundaa'uu himee ture.

Mariin sadarkaa naannoofi magaalaatti akka itti fufu murtaa'u ministerri fayyaa beeksiseera.

Ergasii waamicha 'Waldaa Hakimoota Itoophiyaa' irraa darbuun waamichi hojii dhaabuufi gaaffileen deebifamuu qaban hedduu ibsamaa turan.

Gaaffiiwwan ijoo

Gaaffiin isaanii ijoo eegumsa bakka hojiifi kaffaltii dabalataa akkasumas imaammata fayyaafi dhimmi bulchiinsa fayyaa kan of keessatti qabatedha.

Keessumaa marii MM Abiyyiin akka mufataniifi mormiifi hiriira dabalataaf akka isaan kakaase himu.

Kanaafis, rakkoo bulchiinsaa, deeggarsa maallaqaafi gaaffiiwwan yeroo dheeraa turan akka hiikaman barbaadu.

Akkaataa gaaffiin kuni gafatamu qaban irratti garuu ogeessonni fayyaa hunduu adeemsa walfakkaataa hin qabani.

Adeemsa ogeessota addaan foo'e

Waldaan Hakimoota Itoophiyaa A.LA bara 1962 hundaa'e gaaffiiwwan deebi'u qaban akka jiran ni amana. Dubbii MM Abiyyiinillee akka hin gammadin beeksiseera.

"Itoophiyaa ogeessonni fayyaa ciccimoon osoo jiranuu fakkeenyummaan ogeessi tokkoyyuu eeramuu dhabuutti gaddineerra," jedheera waldaan kuni ibsa kaleessa kenneen.

Haa ta'u malee, waamicha hojii dhaabuu ogeessonni fayyaa taasisan hin fudhatu.

Gaaffiin ogeeyyii fayyaa namoota siyaasaan butamee dhimma siyaasaaf itti dhimmi bahamaa jira namoonni kan jedhanis jiru.

Biyya Itoophiyaa hojjettoonni waldaa cimaa hundeessuufi jalatti mirga isaaniif falmun hin baratamnetti gaaffiin ogeessota fayyaa akka jalqabbii gaariitti ilaalamuu danda'a. Jijjiirama biyyattii keessa jirus ni akeeka.

Kanaan dura MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaafi barsiisota waliin taasisaniin rakkoon maallaqaa akka jiruufi ammatti biyyattiin daballi miindaa taasisuu akka hin dandeenye himani turan.

''Ogeessonni fayyaa hojii dhaabu jedhe tilmaamas, amantiis hin qabu. Sababni duraa ogeessota fayyaa waan ta'anif,'' jedhaniiru Ministirri Fayyaa Dr Amir Amaan.

Gaaffiin kanatti isaan dhiibu jiraatus murtee kana akka hin fudhanne akka amanan himaniiru.

Gaaffiin isaanii uummata daran tajaajiluuf haalli isaa haa mijatu erga ta'e uummata rakkoo seensisuun miidhu jedhe hin amanu jedhaniiru.

Dabalataanis, mootummaan gaaffii kana deebisuuf waan itti jiru akka ogeessonni kuni hubatan ibsa dhihoo kennaniin kan dubbatan.

Gama kaaniin Hojjetoonni fayyaa hojii lagachuudhaan mormuuf mirga akka hin qabne hayyuun seeraa Awwal Qaasim (PhD) BBC'tti himaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata