Pirof. Asaffaa Jaallataa: Itoophiyaa keessa sabboonummaa cunqurfamaafi cunqursaatu jira'

Shamarran Oromoo yeroo Hora arsadeetti irreeffataa jiran

Jijjiramni Itoophiyaa keessatti erga dhufee booddee Sabboonummaan Amaaraa dubbii ijoofi falmisiisaa ta'aa jira.

Ofii sabonummaan Amaaraa fi Itoophiyaanummaan isaa leellisan daandgaansaa eessa? jechuun ogeeyyii waliin marii taasifneera.

Barsiisaafi barreessaa seenaa siyaasa addunyaa Piroofeesar Asaffaa Jaallataa "Sabboonummaa Amaaraa durumaa kaasee huccuu Itoophiyaa uffatee jiraachaa ture. Yeroo namatti bahan sabboonummaa Itoophiyaa dubbatu, keessi saanii garuu kan Amaaraati," jedhaniiru.

Itoophiyaan yeroo Minilikiin hundeeffamee kaasee, karaa amantaa, afaan, dinagdeefi gamaa biyya bulchuun waan hundumaa dhuunfatanii sabboonummaa Amaaraatiin gaggeessaa turan jedhan.

Seenaa sabboonummaa baayyisanii akka qoratan kan dubbatan Piroofesar Asaffaan, akka addunyaatti sabboonummaa gosa lamatu jira jedhu. Innis sabboonummaa cunqurfamaafi sabboonummaa cunqursuu (oppressed nationalism and oppressor nationalism) jedhama.

Sabboonummaa warra Amaaraa, sabboonummaa warra faranjiifi kan warra nama bitaniifi nama booji'anii akka fakkeenya sabboonummaa cunqursaatti eeraniiru.

Sabboonummaan Oromoo, Sidaamaa, Somaalee, kan warra Beneshaanguliifi warra cunqurfamoo biroo ammoo akka fakeenya sabboonummaa cunqurfamootaati caqasu.

Image copyright Getty Images

"Isaan kun sabboonummaa cunqursaa ofirraa kaasuudhaaf wallaansoo bara dheeradhaaf taasisaa turan. Tigireen garuu bakka ol-aanaa qabatee Amaara of jala kaa'uun sabboonummaa Amaaraa kana madeessite."

Yeroo sanattis olaantummaa waan bara durii dhabanii ture. Amma ammoo erga tigreen aangorraa buutee as biyyattii hundi kan keenya jechuun deebisanii of ijaaruun bakka isaanii duriitti deebii'uuf tattaafachaa jiru jedhan.

Sabboonummaan Amaaraa amma jiru kun yaaddessaa ta'usaa kaasanii, keesumaa ammoo uummata Oromootiif caalaatti yaaddessaadha jedhu.

Sababii isaa yoo eeranis: "Hunda caalaa Oromoorratti xiyyeefatanii jiru. Oromiyaa keessatti waan gochaa jiran yoo ilaalamees, harka lafa jalaan wal ijaaraa jiru. Waan amma Oromoon argate kana akka dhabuuf baayyee carraaqaa jiru. Dafanii dhaabsiisuun yoo hindanda'amne waan guddaatti kan adeemu ta'a."

"Sabboonummaan Amaaraa yeroo Tigireen dhuftee aangoo irraa fudhatte qaana'ee ture. Boodas Tigree waliin ta'un biyya bulchaa turan,'' kan jedhan hayyuun kun, sabboonummaan Amaaraafi Tigiree lamaanu sabboonummaa cunqursaa ture jedhaniiru.

Hoogganaa waajjira dhaaba ABIN kan ta'an Obbo Ballaxa Kaasaa gama isaanitiin sabboonummaan Amaaraa ''Sabboonummaa haqa qabeessa fi sabboonummaa amanamedha jennee ibsina nuti'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Kana jechuun ammoo jedhan Obbo Ballaxaan, sabboonummaa Amaaraa kan Itoophiyaa leellisurraa, kan ijaarsa Itoophiyaafi mirga Amaaraatiif dhaabatedha jechuun ibsu.

Bu'uurri sabboonummaa Amaaraa maal? geeffii jedhuuf deebii yoo kennan, heera mootummaa ALI 'tti bara 1983 keessa baheefi caasaa mootummaaa keessaa sabni Amaaraa bakka bu'aa hin qabu waan ta'eef amma bakka bu'ummaa kana mirkaneeffachuudhaaf.

Faayidaaleen bu'uuraa sabichaas Itoophiyaa keessatti mirkanaa'ee arguu barbaanna jedhu.

Akka Obbbo Ballaxaan jedhanitti, federaalizimiin jiru Amaaraa kan bakka hin buuneedha. Amaarri gaaffii daangaa ni qaba, heerrichisi sabicha bakka hin bu'u waan ta'eef faayidaalee bu'uuraa adda addaa dhowwateera jedhu.

Sabboonummaan Amaaraa duraan waaroo Itoophiyaa uffatee ture amma gara kan Amaaraa qofaatti deebiyaa jira kan jedhuuf, sabboonummaan Amaaraa waaroo Itoophiyaa uffachuufi baasuutiin kan safaramu miti jedhan.

Sabboonummaan Amaaraafi Itoophiyaan adda baafamuu ilaalamu kan hindandeenye ta'uu ibsanii galmi sabboonummaa Amaaraa Itoophiyaa ta'a jedhu.

Image copyright Getty Images

Duriis taanaan Amaarri aadaaa, amanataa fi eenyummaa dhuunfaasaa dagaagsuu irratti xiyyeefate hinbeeku. Garuu haala akkasiitiin komatam jedhu Obbo Bellexeen.

Kanaafuu sabboonnummaa Amaarri amma itti jiru kunis qabsoo jiraachuu malee waan biraa miti jedhan. "Naannoo Amaaraan alatti sabni Amaaraa miliyoona 20 ta'u bakka bu'ummaa malee jiraachaa jira, jechuun himaniiru.

''Sochii amma Amaarri taasisu irratti akka waan hunda caalaa jiraachuuf ta'etti wanti haasa'amu adeemsa uummata birrachiisuudhaaf deemamudha jennee amanna," jedhu.

Hayyuun Seenaafi Xiinxalaan Siyaasaa Piroofeesar Hizqeel Gabbisaa gama isaanitiin, hundeen sabboonummaan Amaaraa sabboonummaa Itoophiyaatiin jedhu.

Baroota dheerdhaaf aadaa, afaaniifi eenyummaa Amaaraatu caalmaatti akka kan Itoophiyaatti calaqqisaa ture. Waggoota 27 darbanii as garuu ol-sun akka duriitti ol-aantummaa guddaa dhabeera.

"Sabaafi sablamoonni Itoophiyaa afaan, aadaafi seenaa mataa isaanii ibsachuun cimee gaafa dhufaan, warri maqaa Itoophiyaa leelisuutiin olaantummaa Amaaraa cimsuuf carraaqan dubbiin harkatti xiqqachaa dhufnaan amma gara sabboonummaa Amaaraatti deebiyuu filatan."

Har'a maqaa sabboonummaatiin ol-aantummaa duraan maqaa Itoophiyaadhaan ture sana deebisanii biyya irratti haguuguudhaaf kan deeman fakkaata jedhu Piroofesar Hizqeel.

Kana raawwachuufis lafaafi sabni nu jalaa fudhatameera jechuun Amaara akka haaraatti baballisuuf adeemaa jirus jedhu. "Amma kan Itoophiyummaa eegus Amaarumadha kan jedhutti galan."

Itoophiyaanummaan eenymmaa osoo hin taane lamummaadha. Innis, kan seeraan naamaaf kennamudha kan jedhan Piroofesar Hizqeel, sabboonummaan garuu aadaafi eenymmaa namni keessatti guddaturraa kan dhufu jedhu.

"Akka yaadakootti sabboonummaan Amaaraa hedduu jabaachaa hin dhufne. Akka kanaan duraatti jiraachuuf waan hin dandeenyeef,Amaaraa kanaan dura hinjiru jedhaniitu amma deebii'ee sabboonummaa sabichaa filannoo taasifatee fudhate,'' jedhu.

Garuu erguma isaan sabboonummaa Amaaraa sana fudhatanii booda naannoo Amaaraa keessatti Agawu miliyoona 8 ta'u, Qimaanti miliyoona 3 ta'u, Oromoon miliyoona 4 ta'u nuti Amaara miti jedhaniirus jechuun attamiin saboonni kun harkaa bahaa akka jiran himu.

Kaafuu jabaataa dhufe osoo hin taane akka nama abdii kuteetti socho'aa jiru jechuun ibsu haala sabbontummaa Amaaraa kana.

Garaa garummaa sabboonummaa Oromoofi Amaaraa gidduu jiru yoo ibsanis, sabboonummaan Oromoo bilchaataa kan dhufeefi bu'uura kan qabudha jedhaniiru.

Kana malees, afaan, aadaafi eenyummaa isaa irraa fudhatamee ture dabalatee, qabsoo wantoota isaa ta'ean deebifachuuf taasifamudha malee kan namaa saamuuf miti jedhu.

Sabboonummaan Amaaraa garuu ofiin xiqqaataa waan dhufaniif jabeessinee humnaafi qawweedhaan baballifannaa kan jedhu ta'u dubbatu Piroofessar Hizqeeli.

Odeessa kana irratti dabalata