Dargaggeessa qarodhabeessa agartuunsaa deebiteef

Wal'aansa baqaqsanii yaaluu wayita ijaaf taasifamu Image copyright BSIP
Goodayyaa suuraa Wal'aansa baqaqsanii yaaluu wayita ijaaf taasifamu

Jiraataa magaalaa Maqalee kan ta'e Abuubakar Wuhaa-biratuu maatiin isaa waan gargar ba'aniif haadha isaa qofa waliin guddate. Maatii isaaf ilma hangafaa kan ta'e Abuubakar dhalatee daa'ima umurii waggaa lamaa fi ji'a torbaa ta'eetu iji isaa dhukkubuu kan eegale.

Jalqaba wayita dhukkubuu eegalu ija isaa baayyee hooqaa ture. Kanarraa kan ka'e ijisaa garmalee diimatee dhukkubuu eegale.

Dhukkubbiinsaa isa qofaaf osoo hin taane harmee isaas dhiphisuu eegale.

''Sababa dhukkubbii ija kootiirraan kan ka'e haadha koorraa imimmaan hin qooru, ati dhukkubuurra an dhukkubuu wayya naan jetti'' jechuun akka haati isaa daran dhiphattuuf ibsa dargaggoon kun.

Harmeensaa mana yaalaa hedduutti akka isa geessite kan dubbatu Abuubakar, ''wayita guddataa deemtu dhukkubicha si dhiisaa deema naan jechuun ala furmaataa waan hin arganne'' jedha.

Dargaggoo Abuubakara mana barnootaatti waraqaa fi gabatee gurraacha wayita ilaalu hedduu dhiphata, ijoollummaasaatiin ijisaa ifa uumamaa jibbe.

Dawaa yeroof dhukkubbiisaa itti fursiisu fudhachaa, barnootasaa takka hordofaa yeroo kaan ammoo addaan kutaa kutaa 12ffaa ga'eera.

Kutaa 10ffaa wayita baratu ijisaa xiqqoo banamuufii kan eegale wayita kutaa 12ffaa ga'u garuu tasumaa didee jaame, barnootasaas barachuu hin dandeenye.

''Kennaan waaqni nuuf arjoome kan agartuu keenya caale maaltu jira. Waa arguu danda'uun waan guddaa akka ta'e naaf galeera'' jechuun akkaataa agartuusaa itti dhabe yaadata.

Wayita iji isaa guutummaatti jaamu akka malee kan rifatan maatiin Abuubakar battaluma gara hospitaalaa geessan.

Ta'us garuu humna mana yaalaa magaalattii keessa jiranii ol ta'ee argame.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
''Dhukkuboonni qaroo ijaa nama dhabsiisan hedduun yaalamuu kan danda'anidha''

Gara biyya alaa deemee akka yaalamu itti himame.

Ajaji kun maatii harkaa waa hin qabneef naasuu guddaa ture.

Yeroo xiqqoo booda gara Hospitaala Minilik kan magaalaa Finfinnee keessatti argamuu geessan.

Agartuun ijasaa akka jijjiiramuufii qabu achumatti dhaga'e.

Namni kan beeku kalee bakka buusuudha malee kan ijaa kun haaraa waan ta'eef wanti dhaga'e kun keessummaa itti ta'e.

Agartuu isaaf bakka buusamuuf jedhu kana warri du'an kan arjooman ta'uu wayita dhaga'u ammoo daranuu rifate, wal'aansi akkanaa dhugaa itti hin fakkaanne.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Tisiisa dhahuun maaliif nu rakkisa?

Waan fedhes yoo ta'e garuu ''Agartuu koo dhabee akkamiinan hin wal'aanamu jedha, carraa jirutti fayyadamuudha malee'' jechuun wayita wal'aansaaf qophaa'aa jiru dubbate.

Guutummaatti kan ijisaa arguu hin dandeenye Abuubakar agartuunsaa kan jaame baafamee kan biraan bakka buufameef.

Wal'aansa kanaan agartuu erga bakka buufameefii booda dhukkubbiin itti dhaga'amus xiqqoo turee garuu ijisaa suuta suuta ifa arguu eegale.

Yeroo jalqabaaf ogeettii fayyaa agartuusaa bakka buusteef akka ta'es yaadata.

Agartuu nama biraa, keessattuu kan nama du'eetiin ifa arguunsaa baayyee isa ajaa'ibe.

''Namoonni agartuu arjooman namoota dhala namaaf yaadan,namoota gaarii, waan ta'aniif maatiinsaanii galata qabu'' jechuun maatii namoota hin beeknee galateeffate.

Agartuu nama biraatiin arguun miira akkamii qaba?

Abuubakar agartuu bakka buusameefiin wayita ilaalu dhuguma anumamoo warra arjoomantu ilaalaa jiruu? jedha. Garuu wayita ofiin dubbatu waan ofii deebisu qaba.

''Agartuu namni naaf arjoome fayyadameen ofii kootiin arga'' jedha.

Abuubakar amma ijisaa tokko guutummaatti kan argu yoo ta'u kaaniif ammoo wal'aansi taasifamaa jira.

Barnoota isaa itti fufee doktara ta'uudhaan namoota akka isaa dhibaman wal'aanuuf hamilee akka qabus himeera.

Agartuu ijaa bakka buusuu

Agartuu ijaa irra miidhaan ga'uun wayita arguun nama dhibu wal'aananii fayyisuun akka danda'amu irratti waliif galama.

Agartuu ijaa dadhabe baasanii kan sirriitti hojjetuun bakka buusuun namni ijisaa jaamee ture akka argu gochuun wal'aansi agartuu ijaa bakka buusuu jedhama jedhu Hoji gaggeessituun Baankii Ijaa Itoophiyaa Aadde Lamlam Ayyalee.

Yeroo ammaa kana kaka'umsa namoonni agartuu ijaa isaanii arjoomuuf taasisaniin nama iji dhibameef wal'aansi taasifamaa jira jedhan.

Wal'aansa argachuuf umuriin hin daangessuu kan jedhan Aadde Lamlam daa'immaniif of eeggannoo cimaa gochuun waan barbaachisuuf haga guddatanitti eeguu barbaachisa jedhan.

Baankiin ijaa Itoophiyaa namoota utuu lubbuun jiranii agartuusaanii arjoomuuf waadaa galan irraa walitti qabuun kuusa.

Namni agartuu isaa arjoomuuf waadaa gale wayita lubbuun darbu maatii isaa waliin mari'achuun agartuu baasanii baankii kaa'u.

Namni tokko du'aan addunyaa kanarraa boqotee turtii sa'atii saddeetii keessatti akkaatuma waadaa galameen agartuun ijaa keessaa baafamee baankii ijaa hospitaala Minilik keessatti argamutti geeffama.

Isa booda samuudi dhiigaa fuudhamee qulqullinni agartuu ijaa ni qoratama. Agartuun ijaa guyyaa14 qofaaf baankii ijaa keessa tura. Guyyaa 14 caalaa turraan tajaajilaan ala ta'a.

Egaan agrtuuwwan ijaa qorannaa akkanaa keessa erga darbee booda gara idoowwan kuusaa isaaniitti raabsamu.

Iddoowwan kunneenis: Hospitaala Minilik, Hospitaala Phaawuloos, Hospitaala Yunivarsitii Gondar, Hospitaala Kuuhaa, Hospitaala Yunvarsitii Hawaasaa, Hospitaala Yunvarsitii Jimmaa fa'a.

Baankiin ijaa Itoophiyaa erga hundaa'ee waggaa 15 ta'ulleegaruu hanga bara 2018 tti namoota 2112 qofatu wal'aansa agartuu bakka buusuu argatan.

Agartuuwwan ijaa namoonni arjooman keessaa dhibbeentaa 80 tu tajaajila kan jedhan hoji geggeessituu kun dhibbeentaan 20ni hafe sababoota garaagaraan tajaajilaan ala ta'ee argama jedhan.

Hanga ammaatti agartuuwwan ijaa 3000 ta'an arjoomamuu ibsaniiru Aadde Lamlam.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata