Matakkalitti 'namoonni 30 ol ajjeefamaniiru''

Preezidantii Naannoo Beenishaangul Gumuuz , obboo Ashaadil Hasan Image copyright Benishangul Communication

Haleellaa Dilbata darbe Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Daanguuritti raawwatameen namoonni 30 ol ta'an ajjeefamuu pireezidantiin naannichaa himan.

Haleellaa Wiixata barii gara naannoo sa'aa 11'tti naannoo Benishaangul Gumuz, aanaa Daanguuritti raawwatame kana hidhattoota naannoo Amaaraatti dhufantu raaawwatee jedhan Pireezidantiin naannichaa obbo Ashaadil Hasan.

Daangaa Beenishaangul Gumuzitti 'guyyaa tokko qofa Poolisoonni Oromiyaa 10 ajjeefaman’

Hokkora Benishaangulitti dhalaten namoonni 4 du'an, 26 miidhaman

Obbo Ashaaadiil dabaluun ''kana kan raawwate shiftoota Janaraal Asaaminew leenjisedha'' jedhan.

Haleellaa kanaa daa'imman dabalatee namoonni 30 ol du'uu, namoonni 16 ta'an madaawuufi manneen 66 guutummaatti barbadaa'uu himaniiru.Ji'oota muraasa duras jiraattota saba Gumuz naannoo Amaaraa keessa jiraatan irratti haleellaa raawwatameen namoonni lakkoofsaan ibsuun nama rakkisu ajjeefamuus yaadataniiru.

Haleellaa kanaan walqabatee meeshaan waraanaa fi namoonni to'annoo jala oolan jiraachuu kan himan obbo Ashaadiil, lakkoofsaan ibsuuf ragaa guutuu hin qabuu jedhan.

Naannichaatti ammas tasgabbii guutuun akka hin jirreefi qaamolee nageenyaa federaalaa fi raayyaa ittisa biyyaa waliin hojjechaa akka jiranis dabalanii himaniiru.

Haleellaa kanaan namoonni miidhaman Hospitaala Paawwiitti waldhaanamaa jiru

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata