Ibraahim Sa'id: Qaro-dhabeessa barsiisaa fi qindeessaa muuziqaa

Ibraahim Sa'id Image copyright Feesbuukii Ibraahim Sa'id

Namoonni hedduun qaroo dhabuu akka waan hunda dhabuutti ilaalu,garuu qaroos dhabanii waan fedhan ta'uun akka danda'amu ofii kiyyarratti argeera jedhu Qindeessaan Muuziqaa Ibraahim Sa'id.

BBC Afaan Oromoo muuxannoo fi mudannoo akkasumas hojii aartistiin kun itti jiruu fi karoorfatee jirurratti turtii waliin taasiseera.

Ibraahim Sa'id eenyu?

Ani Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessoottiin dhaladhe. Bakka dhalootaa kiyya waggaa saddeet caalaa hin jiraanne.

Isa booda rakkoon ijaa waan na mudateef Abbaan kiyya wal'aansaaf gara Finfinnee na fide.

Daa'imummaa kiyyatti wanti akka shifii wayii qaama kiyya na weeraree ijatti na seene.

Sanarraa kan ka'e ammaa qaroon kiyya hin jiru.

Iji baay'ee waan na dhukkubeef Abbaan kiyya magaalaa Finfinnee na fidee utuma hoteela kireeffannee jiraannuu hiriyaan abbaa kiyyaan walargine.

Hiriyaan abbaa kiyya kun haalli nuti keessa jirru waan isa gaddisiiseef mana barumsaa qaro-dhabeeyyii Sabbata jiruutti akkan galee baradhuuf haala naaf mijeessuu eegale.

Achittan barnoota koo eegalee jechuudha.

Bu'aa bayii hedduu keessa darbee amma maatii horadheen jireenya tasgabbaa'aa jiraachaa jira.

''Barumsas jireenyas waluma faanan asitti eegale''

Wayitan mana barumsaa qaro-dhabeeyyii Sabbataa seenu umuriin kiyya xiqqaa ture.

Hanga kutaa saddeetii mooraa mana barumsichaa keessa jiraachaan baradhe. Jireenyallee asumattin eegale jechuun ni danda'ama.

Achittis mooraa keessatti namoota bakka garaagaraa dhufan waliin wal bareera.

Kutaa sagal wayitan ga'u mootummaan maallaqa muraasa naaf kaffalee mana kireeffachuun barnoota koo itti fufe.

Barnoota kutaa 11 fi 12 Finfinneettiin baradhe

Wayitan mooraaa Sabbataa turetti barnoota kiyya cinaatti ogummaa biroos shaakalaa turre.

Waan namni biraan hojjetu hedduu akkan hojjechuu danda'u mooraa kana keessattiin baradhe.

Keessattuu an jaalalaa fi fedhiin muuziqaaf qabu guddaa waan tureef meeshaalee muuziqaa taphachuu nan heddummeessan ture.

Meeshaalee muuziqaa kanneen akka ulullee, kiraara, masinqoo fi kanneen biroo taphachuun eegale.

Achumarraan dandeettii muuziqaa horachaa deeme.

Qaro-dhabeeyyii fi barnoota

Waanti guddaan hamilee fi dandeettii qabaachuun ofii amanuudha.

Qaama keenya keessaa tokko waan hir'ateef hojiiidhaan ala taaneerra jedhanii taa'uun waan hin malle.

Inumaa qaama keenya kan nagaa qabutti haalaan fayyadamuun kan dhabne bakka buufachuu dandeenya.

''Gurri kiyya bakka ija kiyyaa naaf bu'eera''

Akka carraa ta'ee qaroon ija kiyyaa wayita baddu gurri baayyee naaf hojjechuu eegale'

An amma gurra afurin qaba jechuu nan danda'a. Gurra kiyyatti baayyeen fayyadama.

Hiriyoota kiyya warra qaroon isaanii nagaa qabu waliin wayita karaarra deemnullee waan boodaan dhufu anatu dursee dhagahee itti hima.

Wayitan mooraa Sabbataa tures wantoota hedduu sagaleedhaan adda baafadheen dafee hubadha.

Mooraa keessatti dorgommiiwwan akka kubbaa miilaa, fiigichaa fi kanneen biroo wayita geggeessinu irra caalaa gurra keenyatti fayyadamna.

Kanaaf milkaa'ina barnoota kiyyaaf xiyyeeffannaan an gurra kiyya fayyadamuun kennaa ture hedduu na fayyadeera.

Gama dandeettii meeshaa muuziqaatiin ammoo waan achitti baradhe qofa osoo hin taane kennaa uumamaas of keessaa qaba.

Muuziqaatti akkan itti seene…

Image copyright Feesbuukii Ibraahim Sa'id

Ergan kutaa 12ffaa Finfinneetti xumuree booda Leenjii Barsiisotaa Kotobee bakka warri qaro-dhabeeyyii itti baratanin seene.

Ergan eebbifamees achuma mana barumsaa duraan keessatti baradhaa ture, Sabbataattiin ramadamee waggaa afur barsiise.

Wayitan barsiisaa qaro-dhabeeyyii ta'ee Sabbataa turetti uummata naannoo waliin hedduu walitti dhufna, walii galla turre.

Dargaggoonni gurmaa'inii baandii muuziqaa ijaarratanii akka aartii Oromoo guddisan jajjabeessaan ture.

Utuman hojii dargaggoota qindeessuurra jiruu Weellisaa Xilaahun Gabree waliin walarga.

Weellisaan kun baandii raayyaa ittisaa keessa kan ture yoo ta'u, sirba 'Oromiyaa jiituu' jedhamuun beekama.

Wayita sana inni boqonnaadhaaf Sabbataa dhufee achitti wal argine.

Ana nama dargaggoota qindeessee baandii muuziqaa hundeessuuf jedhu na argee na waliin hojjechuuf fedhii qabu natti hime.

Anis tole jedheen waliin hojjechuu eegale, sirbasaas hojjedheef.

Sirba an hojjedheef qabannee gara Finfinnee waliin deemne.

Manni muuziqaa nuti itti kennines waan gaarii akkan hojjedhe natti hime.

Anis hamileen na jabaatee, hojii akkanaa itti fufee hojjechuu eegale.

Duuba hojii barsiisummaa sana dhiiseen gara muuziqaa qindeessuutti seene.

Sirba Xilaahuun erga hojjedheefii booda wallee Aartist Muluu Baqqale kan ''Yaa shoolee bareeda koo'' jedhun hojjedhe.

Isa booda nama akka kiyya qaro-dhabeessa ta'e Weellisaa Mahaammadzayiniif wallee "Olqabaa olqabnaa aadaa Oromoo'' jedhu hojjedheef.

Sirboota sadan kan Xilaahuun, Muluu fi Mahaammadzayin erga arganii booda Aartistoonni Oromoo hedduun gara kiyya dhufuu eegalan.

Maallaqas argachuu waanan eegaleef meeshaalee muuziqaa biteen guuttadhe.

Isa booda haalli kun jiraachuu ergan hubadhee, maamillis heddummaataa waan dhufeef Mana Muuziqaa ykn Istuudiyoo mataa kiyyaa hundeeffadheen hojii kiyya itti fufe.

''Bu'aa guddaan jiraachuu baatus gammachuu guddoon qaba''

Garbummaan Uummata Oromoorra gama Afaanii, aadaa , seenaa fi aartiitiin waggoota dheeraaf tureera.

Keessahuu cunqursaan weellistoota Oromoorra ture muuziqaan Oromoo akkaataa barbaadamuun akka hin guddanne taasiseera.

Itoophiyaa keessatti aartistoonni Afaan Amaaraatiin hojjetan hedduu fayyadamu.

Kan Afaan Oromoo garuu faayidaa hin argatan, hamileen isaaniis kanaaf laafa.

Haata'u malee kaayyoo waan qabnuuf duubatti hin jenne.

Konsartii irratti afeeramnee maallaqa guurrachuu baannus mirga uummata keenyaaf dhaabbanneerra.

Ga'een kiyyas kanuma keessatti ilaalama.

Maallaqa kanan argadhu aartitoota keenyaaf muuziqaa qindeessuudhaani.

Aartistoonni keenyammoo akkuma beekamu harka qalleeyyiidha.

Kanaaf waluma deggerree hojjenna, kaaniif kaffaltii malees nan hojjedha.

Bu'aa guddaa hin qabu garuu gammachuu guddoon qaba.

Jalqabas hojii mootummaa dhiiseen fedhii kiyyaan aartiitti seene.

Aartiitti ergan seene waggaa 11 ta'eera.

Ergasii jijjiirama gama aartii oromootiin dhufe wayitan ilaalu, anis ga'een koo waan keessa jiruuf hedduun gammada.

Haala kanaan guddina aartii Oromoof bu'uura yoo keenye faayidaan maallaqaa boodayyuu ni dhufa.

Ammaaf qalbiin kiyya gammachuu guddoo qabdi.

Fuulduraaf maal yaaddu?

Hanga ammaatti waleewwan aadaa, warraaqsaa fi kan jaalalaa hedduu qindeessee hawaasa biraan geenyeerra.

Keessaahuu ergan Istuudiyoo mataa kootii banadhee weellistoota sirboota warraaqsaa baasan hedduudhaaf muuziqaa qindeesseera.

Hojii muuziqaa qindeessuutiin alatti dandeettii hagas mara qabaachuu baadhullee, yeedaloodhaan weellistoota gargaaruuf fedhiin qaba.

Yeedaloo baasuudhaan muuxannoo horadheera, fedhii guddoos qaba, kanaaf weellistootaaf yeedalloo babbareeda baasuurratti xiyyeeffadheen hojjechaa jira.

Kana malees sirboota durii kan Doktara Kabajaa Aartist Alii Birraa, Kan Nuhoo Goobanaa, Wasanuu Diidoo fi sirboota dur hojjetaman biroo meeshaa qofaan hojjechaan jira.

Haalli kun afaanota Itoophiyaa biroo keessatti baratamullee kan Afaan Oromoo gama kanaan booddee jira. Gama kanaanis ga'ee kiyya gumaachuun barbaada.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata