Balaliin xiyyaaraa Finfinnee fi Asmaraa gidduutti deebi'e maal buuse?

Shaampaanyiifi Abaaboon wayita imaltootaaf kennamu Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Shaampaanyiifi Abaaboon wayita imaltootaaf kennamu

Daandii Xiyyaara Itoophiyaa tajaajila balalii waggaa har'aa Finfinnee fi Asmaraa gidduutti erga jalqabee imaltoota 130,000 deddeebisuu isaa Manaajerri Korporeet Komunikeeshinii dhaabbatichaa Obbo Asraat Bagaashaw BBC'tti himan.

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa qilleensa Asmaraa fayyadamuun imala isaa gara biyyoota Awurooppaa fi Baha Giddu-galeessaatti taasisun akka sa'aatiin balali'uu hir'atuufi boba'aa fayyadamus qusatu taasiseera jedhu.

Daandiin xiyyaarichaa gara Asmaraatti balali'uu jalqabuusaatiin fayyadamaa ta'eera jedhan Manaajerichi.

Waggaa darbe Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gara Asmaraatti balali'uu yeroo jalqabu haala baay'ee adda ta'eefi miira ho'aan ture.

Yeroo sanattis, jila ministira muummee duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyiifi Hogganaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Tewolde Gabramaariyaamiin durfamuun balaliin jalqabaa taasifame.

"Tajaajilli balali'uu kun waggaa digdamaan booda kan jalqabame waan ta'eef baay'isee waan addaa ta'ee ture. Daandii Xiyyaara Itoophiyaafis buufata 115ffaa waan tureef addadha.

Keessattuu ammaa walitti dhufeenya saboota biyyoota lamaanii kan walitti fidu waan ta'eef gammachuu adda ta'e kan namatti horudha," jedhu Obbo Asraat.

Obbo Asraat xiyyaara jalqaba balali'een namoonni imaluu barbaadan galmeen jalqabamee sa'aatii sadii keessatti akka guute seenaa keessatti akka yaadatamu dubbatan.

Ji'a tokkoon booda fedhiin jiru imaltoonni dabalanii balalii dabalataa jalqabuu dandeenyeerras jedhan.

Goodayyaa suuraa Namoonni maatii isaaniin waggoota dheeraf gargar citani turanis xiyyaaricha keessa jiru.

"Sagantaan balalii kun itti fufuudhaan hanga har'aatti guyyaatti si'a lama ni balaliina. Kana jechuun ammoo torbanitti si'a 14 jechuudha."

"Hanga har'aatti imaltoota 130,000 ol ta'an deddeebisuu dandeenyeerra. Kun imala kallattii lamaan—Finifinnee gara Asmaraa, Asmaraarraa ammoo gara Finfinneetti taasifamedha."

Turtiin waggaa tokkoo balali'uu gara Asmaraatti taasifnee kun seena qabeessa qofa osoo hin taane baay'ee milkaa'aa kan turedha. "Dhugaadha waggaan tokko darbe kun kan ittiin ashaaraa dabalataa keewwannedha."

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa waggoota 20 erga addaan cite booda gara Asmaraa, Eertiraatti balali'uu jalqabuun isaa hariiroo saboota biyyoota lamaanii gidduu jiru cimsuudhaaf ga'ee guddaa taphateera.

Haaluma kanaan garu jalqabaa saboota biyyoota lamaanii addaan bahanii turan kana walitti fiduuf balali'aa turee boodarra ammoo sagantaa idilee baafatee hanga har'aatti hojii balali'uu milka'aafi bu'a qabeessa taasisaa jira jechuun ibsan Obbo Asraat.

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gara Asmaraatti balali'uu jalqabuun bu'aa addaa isaaf argamsiiseera akka Obbo Asraat jedhanitti.

"Naannoo qilleensa Ertiraa fayyadamuu danda'uu keenyaan, balaliiwwan idil-addunyaa biroo duraan karaa dheeraarra qaxxaamuraa turre gabaabsachuu dandeenyeerra. Kun ammoo haala baasii qusachuu danda'uun tajaajila akka kenninu nu dandeessiseera. Kun nuun industirii aveeshinii keessatti fayyadamoo nu taasisa."

Balaliiwwan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa gara biyyoota Awurooppaafi Baha Giddu-galeessaatti taasisan qilleensa Asmaraa fayyadamuurraan saatiin balali'uu duraan ture xiqqaachuu danda'eera.

Kana malees baasiin boba'aaf bahu akka hir'atu taasisuu himan Obbo Asraat.

Balala'iinsi kun waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti nageenya buusuufi hariiroo hawaas-diinagdee adda citee ture deebisuuf hoogantoonni Itoophiyaafi Eertiraa erga walii galanii booda kan jalqabe waggaa darbe ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata