Aweetuu, bishaan umurii guutuu danfu

Namoota ulataa jiran

Gaarreen gidduudhaa aarri kattaa keessa bakka bakkaa ba'u gogeessa uwwisa. Asii gadi yeroo ilaalan aarri kun boolla keessaa yeroo ba'u qilleensi takka bitaatti, takka mirgaatti ykn duraafi duubatti raasa.

Gareen BBC Afaan Oromoo hojiidhaaf Waxabajji jalqaba gara Kamisee Wallootti imalan bakkeewwan daawwatan keessaa tokkodha bakki kun.

Kallattii aarri kun itti aaruun ammoo namoonni wayyaa ofitti haguuganii ulachaa wayita jiran mul'atu. Kaan dhaabbatee ulata, kaan ammoo afaaniin dubbachuu baatus keessa isaatti, 'ajaa'iba uumamaa' jechuun waan ulataa jiru fakkaata.

Yeroo itti dhiyaataa dhufan ammoo sagalee akka yeroo bishaan eelee diimatetti naqanii fakkaatutu dhaga'ama. Gaafa bira ga'anii ijaan argan ammoo bishaan 'takka takkee' danfu boollawwan asiis, achiis aarri keessaa ba'an keessaa dhufa.

Bishaan boolla keessaa bahu kun humnaan ba'a. Gubaatii isaarraa kan ka'e, harkaan qabuu yaa turuu kan dhiyeenyarraa faca'ullee baayyee ho'aa ta'uusaa agarsiisa.

Haata'u malee, bakki hunduu walqixa danfaa miti. Bakka bishaan qorraan walitti makamu 'labii' dha.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Bishaan kun uumamaan danfaadha. Namoonnis haara isaa ulachuun fayyaaf gargaara jedhu.

Bishaan danfaa Aweetuu kun dheedhiis ni bilcheessa. Hanqaaquu/killee bakkuma bishaan danfaa kun yaa'u keessa kaawwatanii bilcheefatanii nyaatu.

Innumaattuu bakka ho'i isaa gadi aanaatti yoo affeellatan malee bakki kaan killeellee ni dhodhoosa.

Namoonni bishaan kun yoomii akka danfuu eegales, yoom akka danfuu dhaabus hin beekan.

Bishaan danfaa Aweetuu eessatti argama?

Bakki kun bishaan danfaan Awweetuu aanaa Jillee Xummuuggaa godina saba Oromoo naannoo Amaaraa keessatti argamudha.

Yeroo Kamiseerraa gara magaalaa Sanbateetti dhufan gama harka bitaan, yeroo Finfinneerraa gara magaalaa Sanbateetti dhufan ammoo harka mirgaan kiiloomeetira torba fagaatee argama.

"Durumarraa jalqabee ni beekama. Maangudootaa hanga dargaggootaatti ni ulatan, ni dhiqatu," jedhu jiraataa Sanbatee Obbo Mohaammad Muusee bakka sanatti argine.

Akka maanguddoon kun jedhanitti, hawwaasni naannichaa bishaan kanatti ulachuun dhukkuboota hedduurraa nama fayyisa.

"Namni miilli cites, namni harki cittaa'es asuma yaa'a. Ni dhiqata, ni ulata. Deddeebiyanii bulii torba, bulii saddeetii hanga 15tti turanii fayyadamu," jedhu Obbo Mohaammad.

Duraan cinaacha koo na waraana, jilbakootiifis danda'ee ka'ee hin dhaabadhun ture kan jedhan maanguddoo kun, wallaansaaf mana hakiimaa bakka gara garaa deemanii bu'aa hin arganne jedhu.

"Amma ergan ulachuufi dhiqachuu jalqabee kan duraan mucaan koo qabee lafaa na kaasu natti qabbanaa'eera. Alhamdililaahii...!"

Jiraataamti magaalaa Sanbatee Obbo Hasan Mohaammad ammoo erga bishaan danfaa Awweetuu kana ulachuu jalqabee guyyaa afraffaa yommuu ta'u bu'aa irraa arganneerra jedha.

"Namni harka qabnee baajaajiidhaan ykn makiinaadhaan fidne har'a miillaan galeera," jedha Obbo Hasan.

Namoonni waa'ee Awweetuu dhaga'aniifi beekanis dhiyoofi fagoorraa dhufanii itti wallaanamu akka jiraattonni kunneen jedhanitti.

Awweetuun akka bakka hawwata turistii ta'uufis mootummaan eegumsa taasisaafii jira. Naannawaan isaa dallaan tolfameefii waardiyaa ni qaba.

Akka mootummaa federaalaatti bakki kun kunuunfamee akka hawwata turistii ta'uuf aadaafi turiizimiin kan biyyaalessaa quba akka qabus odeeffanneera.

Kana malees, bakki bishaaniifi aarri uumamaa akkasii jiru kun madda annisaa 'jii'ootermaal' jedhamuuf ni abdatama kan jedhanis jiru.

Aweetuun ammoo humna 'jii'ootermaal' kan Aluutoo Langaanoo jiru pirojektii humni ibsaa irraa maddisiifamaa jirullee ni caala jedhanii kan dubbatan jiru.

Maaltuu guutamuufii qaba?

Awweetuun kennaa uumamaa akka naannichaatti wallaansa fayyaaf gargaaruufi madda turiizimii guddaa ta'uuf abdatamus bu'uuraalee misoomaa barbaachisan guutameefii hin jiru.

Daandii mijataa gara sana geessu hojjetamaafii hin jiru.

Hoteela/loojiin itti aara galfatanis hin jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata