Imaammatni Tiraampi lammiilee Itiyoophiyaa US jiraataniif yaaddoodhaa?

Pirezidaanti Tiraampi dhimma godaantotaa irratti yommuu gabaasa Jared Kushneriin dhiyaate dhaggeeffan Image copyright Chip Somodevilla
Goodayyaa suuraa Pirezidaanti Tiraampi dhimma godaantotaa irratti yommuu gabaasa Jared Kushneriin dhiyaate dhaggeeffan.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi namoota koolugaltummaa gaafatanii waraqaa jireenyaa hin arganne gara 30,000 tahanii fi karaa seeraan alaa Ameerikaa galan miliyoona 11 akka biyyichaa bahan hojjechaa jiru jedhan namootni BBC'n dubbise.

Tiraampi torbee darbe keessa namootni hojjechuun of jiraachisuu hin dandeenye, sababa maatiin kan wal harkisanii dhufaniifi nyaataa fi mana jireenyaaf faayidaalee mootummaan kennu irratti hirkatan biyya keenyaa baafamuu qabu jedhan.

Namootni haaraan biyyittii galanis namoota baratanii fi karaa seera qabeessaan dhufan tahuu qabu jedhanii dubbatan.

Carraa DVdhaan Ameerikaa namootni galan mil. 1.1 yoo tahu sababa maatiidhaan [Chain Viizaa] kan jedhamu fayyadmuun kan Ameerikaa galan garuu mil. 8.8 jedhan Dr Dassaaleny Nagarii Guyyoo, Ameerikaatti miseensa boordii hawwaasa Oromoo Ameerikaa jiraataniifi barsiisaa yuunvarsiitii Buhiiti.

Sababa maatiifi kaaniin biyyicha kan galan faayidaa mootummaan Ameerikaa kennu irratti waan hirkataniif pirezidaanti Tiraampi kana hanbisuu barbaadu jedhan.

Yaalii fayyaa, mana jireenyaa fi waan nyaataaf oolu mootummaan ni deeggara. Dubbii pirezidaantichi biyya keenya weerartan jedhanii dubbatan garuu akka warri ol-aantummaa saba adii leellisan warra gurraacha irratti ka'an taasisera jedhu namootni BBC'n dubbise.

Imaammata Tiraampi godaantota irratti

Doonaald Tiraampi imaammata haaraa godaansa irratti baasan osoo hin taane waanuma kanaan dura tumamee taa'ee hojiitti hin hiikamiin ture raawwachiisuuf qajeelfama kennan jedhan Dr Dassaaleny.

Murtoon isaanii kun namoota gariin qeeqamaa, gariin kanneen ol aantummaa warra adii leellisaniin ammoo deeggaramaa akka ture gabaafamaa ture.

Dr Dassaaleny Itiyoophiyaa yeroo turanitti Dhaabbata Baqattoota Idila adunyaa [IOM] keessatti dhimma baqattummaa irratti hojjechaa kan turan yoo tahu haala godaantota Ameerikaa keessa jiranii irratti wantoota jedhaman akka hordofan dubbatu.

Imaammata godaantota irratti Tiraampi qaban ilaalchisee, pirezidaantichi lammiileen Ameerikaa jalqaba faayidaa isaan barbaachisu argachuu qabu jedhanii murtoo kanaaf ammoo lakkoofsi godaantota karaa Meksiikoo galanii akka isaan kakaase dubbatu.

Haa tahu malee namootni kanaan dura Ameerikaa galuun eeyyama jireenyaa argachuuf iyyataa turanii iyyatni isaanii jalaa kufe hedduun biyyichuma keessa jiraachaa jiru jedhan.

Ogeessi seeraa fi Ameerikaatti abukaatoo tahuun kan hojjechaa jiran Sheekispiir Fayisaa ammoo garba fi galaanota irraan qaxxaamuruun lammiileen Afrikaa hedduun Meksiikoo fi Biraazil irraan Ameerikaa galuuf kan yaalan akka jiran dubbatu.

Lammiileen Itiyoophiyaa fi Eertiraa hedduunis keessatti argamu jedhanii, akkuma daangaa Ameerikaa galaniin yoo poolisiitti harka kennatan iyyatni isaanii ariitiidhaan xumurameefi akka Ameerikaa jiraatan taasifama ture jedhan.

Amma garuu bulchiinsa Tiraampi jalatti dhaabbachuu himan. Ammas guyyaa guyyaatti namoota waraqaa jireenyaa hin qabne ni qabna jedhanii ture jedhanii, akka seera biyyichaatti garuu namni kamiyyuu mana jireenyaas tahe konkolaataa keessatti qabuu hin danda'u jedhan.

Ammas taanaan imaammata Tiraampi Godaantota irratti qaban guutummaatti akka hojii irra hin oolle dubbatanii mana murtiitti falmiin itti fufeera jedhan.

Tiraampi godaantotaa fi immigireeshinii Ameerikaa irratti waan kudhan irratti xiyyeeffatan jedhu. Inni jalqabaa namoota waraqaa jireenyaa argachuuf iyyatanii jalaa kufe yeroodhaan akka Ameerikaadhaa bahan barbaadu.

Viizaa adda addaa

Namootni baay'een carraa barumsaa fi daawwannaa ykn fira dubbisuuf dhufanii asumatti hafu kan jedhan Dr Dassaaleny, yeroon turtii Viizaa isaanii waan xumurameef mirga biyyicha turuu seeraan waan hin qabneef akka isaan bahan barbaadu jedhan.

Namootni booda dhufan dura Ameerikaadhaa baafamuu qabu kan jedhu ammoo ejjennoo Tiraampi gara biraadha.

Abdiidhaan tarii iyyatni koo naaf milkaa'a jedhanii yeroo dheeraa turanii booda jalaa kufuu isaa irra dafnee yeroo isaaniis osoo hin balleessiin gara biyya isaaniitti deebisuu qabna kan jedhudha jedhu.

Gama biraan ammoo kaampaanotni Ameerikaa hedduun hojjettoota Chaayinaa fi Indiyaa irraa fidanii qacaranii hojjechiisan waliigalteen isaanii akkuma xumurameen biyyatti galuu qabu jedhu.

Waliigalteen jalqabaa isaanii yoo xumurames kaampaanii biraa waliin waliigaluun hojjechuu hin qaban jedhu.

Dabalataan Viizaan yeroo kennamu qorannaa gadifagoon gaggeefamuun seendubeen nama iyyateefi biyyi irraa dhufe ilaalamuu akka qabu qajeelfama kennuudha Dr Dassaaleny kan himan.

Sodaa lammiilee Itiyoophiyaa

Jijjiramni siyaasaa Itiyoophiyaatti dhufeera jedhamu namoota koolugaltummaa gaafataniif gufuu tahaa?

Dr Dassaaleny Biiroon Immigireeshinii Ameerikaa yeroo yerootti gabaasa baasuun addunyaa kana irraa biyyoota kam fa'aa keessatti mirgi namoomaa hin kabajamu kan jedhu ni ibsu jedhan.

Afrikaa keessaa ammallee biyyoota mirgi namoomaa itti sarbamu jedhamuun ibsaman keessaa Itiyoophiyaa, Eertiraa, Dimokiratik Rippaablik Koongoo fi Kaameerun fa'a keessatti argamu jedhan.

Haa tahu malee Ameerikaan gidduugalawwan immigireeshinii mijeessan 70 ol biyyoota garaagaraa keessaa cufteetti jedhan.

Akka seera Ameerikaattis pirezidaantiin waan raawwachuu barbaade hunda hojiitti hiikuu hin danda'u. Sababni isaas gareen godaantota kanneeniif falmanis waan jiraniif manni murtii ejjennoo pirezidaantichaa dhaabsisuu danda'a jedhan.

Dabalataan hojii baay'ee dhalattootni Ameerikaa hedduun hin hojjenne jiru. Kanneen akka Geejiba, biizinesii xixiqqaa fi warshaalee dhuunfaa garaagaraa dabalata jedhan.

Abbootiin qabeenyaas namootuma waraqaa guutuu hin qabne kanneen deebisanii qacaruun hojjechiisu jedhan.

Mootummaanis hanga tarkaanfii fudhatutti mana jireenyaa kennuufi waan nyaataaf ooluun ni deeggara jedhan.

Sheekipiir Fayisaa waraqaan waamichaa ajaja mana murtiidhaan hin barroofne taanaan nama kamiifiyyuu mana jireenyaa banuu dhiisuun danda'ama jedhan.

Garuu gaaffii gafatamanis karaa abukaattoo isaanii deebisuu wayya malee bodda rakkoo itti fiduu danda'a jedhan.

Dabalataan

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata