Komii Aartistoota Oromoo miseensota Baandii Biiftuu Oromiyaa

Asxaa Baandii Biiftuu Oromiyaa

Baandiin Biiftuu Oromiyaa ALI jalqaba bara 1984 irratti aadaa eenyummaa fi aartii Oromoo mul'isuuf miseensota 28 tin hundaa'e.

Yeroon baandichi hundaa'e yeroo cehumsaa waan tureef biyya waraanan goolamaa turte nagaatti akka ceetu, aartii Oromoo baduutti dhihaate akka baastee mul'istuuf hundaa'e jedhan manajarri Baandii Biiftuu Oromiyaa obbo Wandosen Boggaalaa.

Moggaasa baandii Biiftuu Oromiyaa jedhu kan argatemmoo ALI bara 1986tti.

Baandin kuni umrii wagga 27 ol kan lakKoofsise ta'us, artistoonni achi keessa hojjetan garuu baandichi rakkoo cimaa keessa jiraachuu himu.

Bara 1998 irraa eegaluun shubbisummaadhaan hojjechaa kan jiru Birhaanuu Mul'ataa, Baandii Biiftuu Oromiyaa uummanni Oromoo baandii kiyya jedhee ilaalus baandicha keessa garuu dhiibbaa sabummaatu jira jedha.

" Baandii kana keessa harki 95 ol saba biraati. Baandii kana keessatti Oromoon kan qubaan lakkaahamudha. Isaanuu warra Oromoodhaaf ilaalacha gaarii hin qabneedha" jedha.

Gita inni hojjetu hojii shubbisaa irrattis namuma aadaa fi afaan uummata Oromoo hin beeknetu qacaramee hojjechaa jira jedha.

"Yeroo nama qacaran akka ulaagaatti nibaha. Garuu kan isaan qacaran kan afaan Oromoo hin dandeenye, kan sabummaan isaan fakkaatu qacaru. Oromoonni baandii kana keessa jiran garaa dhukkubsachaa jiraanna mataa gadi qabannee" jedha Birhaanuun.

Weellisaa Dajanee Jaalataa gamasaatiin, baandiin Biiftuu Oromiyaa walgeettii sabaaf sablammootaati jedha.

"Baandichi maatiidhaan walitti qabame. Obbolaa sadii fa'aatu asitti wajjin qacaramee hojjeta. Abbaa, haadha fi ilma tahaniifaa asitti qacaramu. Kanaafuu ijaarasa maatiiti malee ijaarasa baandii wanti fakkaatu as keessa hin jiru" jedha.

Yeroo biyyattii keessatti jijjiiramni siyaasaa dhufe kanattis baandicha keessatti garuu ammayyuu ilaalchaan qoodanii Oromoo achi keessatti hafe dhuunfachuutu hojjetamaa jira jedhe.

"Kaayyoon baandii kana keessatti ta'aa jiru ijoolleen Oromoo aaranii of ifatanii akka askeessaa badan gochuudha. Mootummaani fi uummanni Oromoo baandii tana quba qabaatee, Oromummaashiitti deebisuu qabas" jedha wellisaa Dajaneen.

Ashandaa fi Shaadeyi…

Miseensonni baandii Biiftuu Oromiyaa ittigaafatamtoonni baandichaa dirqamaan dhimma Ashandaa fi Shaadeyi akka sirbinu nu dirqisiisaa jirus jedhu.

Weellistuu Harkoo Qasaroo," jala bultii bara haaraa Aadaamaatti kabajamuuf dhimma Ashandiyee fi Shaadeyi dirqamaan nihojjettu nuun jedhanii turan. Nuti waan kana fudhachuuf hin dandeenye. Fakkeenyaaf ani afaan amaaraatiin sirbuu dhiisii dubbadhee waligaluufuu narakkisa kanaaf dirqamaan wanti ta'u hin jiru" jetti.

"Kan barbaaddan hojjedhaa kan hin barbaanne dhiisaa deemaa" nuun jedhanis jedhu artistoonni kunneen.

Waggoota 17 darban baandicha keessatti tajaajiluu kan himu wellisaa Birhaanuu Abbabaa gamasaatiin, rakkoon baandii Biiftuu Oromiyaa hundeeffamarraa eegala jedha.

"jalqaba yeruma hundaa'u nama oogummaa qabu barbaachaaf jecha warruma afaan hin beekne itti galchaa tura. Amma warra sanatu hidda gadi fageefate. Amma baandii kana keessa dhuftee osoo gaafattee garri caalu warra biraati" jedhu.

Baandiin biiftuu Oromiyaa kuni calaqqee Oromummaa ta'uu hin dandeenyes jedha artist Birhaanuun.

"Yeroo hojiif gara baadiyyaa Oromiyaa deemnullee kan Afaan Oromoo haasa'u hin jiru jechuu dandeessa. Uummanni baandiin kuni kan eenyuti? Jedhee hamma gaafachuutti gahameera" jedhan.

Manaajarri baandii Biiftuu Oromiyaa Obbo Wandosen Boggaalaa, Baandichi namoota Afaan Oromoo, duudhaa fi eenyummahin beeknen dhuunfatamaa jira komii jedhuuf:

"Hundeefamarraa ilaaluu barbaachisa. Yeroo sana ulaagaa amma barbaadamu Kanaan waan namni hin argamneef kanuma jiruun hundeefame. Namootni Afaan kana hin beekne jiraachuun dhugaadha garuu hamma jedhamu kana sadarkaa yaaddessaa irra hin jiru" jedhan.

Irra caalaan namoota Afaan Oromoo hin beeknee ammoo warra meeshaa muuziqaa taphatan waan ta'eefis dhiibbaa guddaa qaba jedhees hin yaadu jedhu obbo wandosen.

Sirba Ashandiyee fi shaadeeyi dirqamaan akka sirbinu gaafatamaa jirra jedhanii komii artistoonni kaasaniifis" dirqamni addaa kennine hin jiru. Biyya kana kan gaggeessu Oromoodha. Nutimmoo waan tokkummaa biyya kanaa cimsu yoo hojjenne dhiibbaa hin qabu jennee yaanneeti " jedhan.

Ta'us ayyaana bara haaraa kana irratti miseensonni baandichaa aadaa kana yoo beeksisan gaarummaa qaba, yoo fedhii dhaban garuu dirqamni hin jiru jedhan.

"Baandii kana keessa kan dhiibus kan dhiibbamus hin jiru" jedhu Obbo wandosen.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata