Jawaar Mohaammad: 'Oromoon yoo xiqqaate xiinsammuudhaan bayyanateera'

Obbo Leencoo Lataa fi Jawaar Mohammad

Mata duree 'Ce'umsa karaa nagaafi dimokiraasitiif humna dargaggoonni qaban', jedhuurratti mariin Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Leencoo Lataa irratti dubbatan Finfineetti taa'ame.

Obbo Leencoon haasaa isaanii wayita jalqaban, ani muuxannookoo qooduuf hin dhufne qeerroo fi qarree wareegama kanfalee nu biyya alaatti hafee ture gara biyyaatti nugalche galateeffachuun dhufe jedhan.

''Yeroo ammaa jijjiiramni kuni akka fiixa bahus, fiixa akka hinbaanes gochaa kan jiru ADWUI keessa jira'' jedhan.

Gaafa Dargiin kufu eenyu akka eenyu ta'e nibeekna ture amma garuu, ADWUI keessatti eenyutu eenyu akka ta'e beekuun nama rakkisa jedhan.

Waan jalqabame kana fiixaan baasuuf garuu obsi murteessaadha jedhu.

Hoogganummaan Itoophiyaa ilmaan Oromoo harka kan gale yeroo rakkisaa keessatti jedhan.

Gaaffiileen lama deebiii hin argatin as gahe tokko gaaffiin sabaa, inni kan biraa gaaffii baayyinni uummata biyyattii garmalee dabales rakkoo kan biraa furmaata barbaadu ta'ee argameera jedhu Obbo Leencoon.

"Oromoon bakka isaaf malu argachuu jalqabuun kuni humnoota gammachiisee fi dallansiise qaba. Warra rifate kana dammaqinaan eegachuu qabna. Isaan biyya kana keessas biyyoota ollaa keessas jiru"jedhan.

Warri kuni maallaqa guddaa, muuxannoo shira xaxuu guddaa, xinsammuu keenyallee waan beekaniif numa waliin dhahanii carraa kana nuharkaa butuu barbaadu jedhan.

Yaanni qeerroo jedhu babbal'atee gara Itoophiyaatti guddatee amma Sudaanittuu fala fide muuxannoo addunyaa waan ta'udha jedhu Obbo Leencoon.

''Oromoon yoo xiqqaate xinsammuudhaan bayyanateera''

Marii kanarratti xinxalaan siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad imala qabsoon Oromoo keessa bahee fi eessa gahuuf akka deemurratti yaada dhiheessan.

Jijjiirama siyaasaa kana kan tumsu jijjiiramni dinagdee jiraachuu qaba jedha Jawaar" siyaasni dinagdeedhaan hin utubamne hamma lafee foon hin qabneeti" jedhan.

Bakka amma qabsoon Ormoo gahe kana tuffachuus ta'e humnaa ol kaasnee gammaduus hin qabnu jedha.

''Jijjiirama dhufe Kanaan Oromoon yoo xiqqaate xinsammuudhaan bayyanateera.''

"Qeerroon jijjiirama itti wareegamee fide tikfachuu qaba. Ormi jijjiiramni kuni gara balaa hamaatti akka deemu barbaadaa jira waan ta'eef," jedhan.

Jijjiiramni kuni kufee jennaan Oromoo caalaa kan miidhamu akka hin jirres eeru Obbo Jawaar.

"jijjiiramni kuni gufatee jennaan kisaaraa guddaan kan keenya ta'a sababnisaas jijjiirama kana wareegamee kan fide nu'i waan ta'eef aarsaa keenyatu gatii dhaba" jedhan.

Paartileen Oromoo tokkummaatti akka dhufan hojjechaan jira mariisisaa jira.

"Ammaaf paartuma jiru kana walitti finna jedheetin Obsaa jira. Paartileen kunneen tokkummaatti dhufuu dadhabanii biyya jeeqnan garuu paartii ajaa'ibaa tokko hundeessunkoo hin oolu. Ammaaf garuu akkanumattin hojjedha" jedhu Obbo Jawaar.

Biyyi kuni furmaata lama duwwaa qabdi

" Yookan federaalizimii kana dimokiraatessuu yookan bittinnaa'uu qofa" jedhan Obbo Leencoon.

Sirni federaalizimii kuni yoo diigame kan miidhamuu Oromoodhas jedhu." Itoophiyaan tuni kan ijaaramte gara caalu Oromoo irratti yoo kuftes Oromumarratti kufti jedhan"

Warri Ollaa Oromoo "Oromoo ni sodaatus ni tuffatus" jedhu Obbo Leencoon.

"Silaa namni sodaatamu hin tuffatamu ture akka tuffatamnu kan godhe nutu waltuffatee karaa walitti baase" jedhan.

" Namni hundi lafaa ka'ee abbaan qeerroo ana jedhee dhaadata. Anis amma osoon ka'ee anatu abbaa qeerrooti jedhee inuma natti tola garuu ammi yeroo itti jijjiirama kana anatu fide ebelutu fide jechuu qabnu miti "jechuunis dubbatan.

Oromoon walitti inaafuu dhiisuu qaba kan jedhan Obbo Leencoon, walitti inaaffiin kuni warra biraatiif karaa bane kufaatitti akka nun geessine sodaan qaba jedhan.

" Oromoon akka nama tokkootti socho'uu qaba''

Obbo leencoon seenaa keessatti Itoophiyaan tokko taatee hin beektu jedhan.

Warri amma' mangistiin hin jiru' jedhan dhugaa qabu jedhu Obbo Leencoon" isaaniif mangistiin isa reebuu qofadha. Amma reebichatu dhaabbate. Kanaaf mangistiin hin jiru jedhu. Mangistiin akka isaan jedhan kana taanaan rabbi mangistii nutti hin fidin jenna," jedhan.

Dhaabonni xixiqqaan Oromoo Tokkummaa Oromoo diiguu Danda'u jedhu obbo Leencoon.

"Dhaabonni oromoo amma walmorkii hin taane keessa dhaabbatanii jiran dammaquu qabu. Yaa qeerroo atis tokko ta'i jedhiin jijjiirama ati dhiigaan fidde kana bu'aa sijalaa dhabsiisuuf deemu" jechuun dhaaman.

Haala amma keessa jirru kanatti maqaa nama tokkoo osoo hin taane egeree saba kanaa eeggachuu qabna jedhu obbo Leencoon.

"Hegereen saba keenyaa jijjiirama kanarratti kan hundaa'eedha. Yoo milkaa'e Oromootu milkaa'a yoo kufe Oromootu dukkana keessaa hin bahamnetti gala" jedhan.

Biyya kanaafis dimokiraasii dhugaa fiduuf Oromoon Saba murteessaa ta'uu eeran.

"Oromoon Dimokiraasiirraa sodaa hin qabu. Walqixxummaadhaan biyya kana kan ceesisuu danda'us Oromoo qofa. Sababanisaa Oromoof dimokiraasiin aadaadha waan ta'eef. Amma sirna Gadaa keenya ammayyeesinee qaama godhachuu qabna" jedhan.

Hiree murteefannaan ilmaan Oromoo walitti dabalamee kan sabaa ta'a waan ta'eef Oromoon tokko tokkoon jalqaba hiree ofii murteefachuu akka qabu eeran.

Marii kanarratti dhimmoonni muuxannoon qabsaa'ota Oromoo buleeyyii fi kallattii gara fuula duraa, karoora dheeraa fi gabaabaan gahee dargaggoonni ce'umsa gara dimikiraasii fi nagaarratti qabaatan fi hirmaattota waliin mari'atameera

Mariin kuni Finfinnee galma waajjira ODP giddugaleessaatti adeemsifame.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata