Isheen Eenyu? 1: Jiruu biyya Arabaa irraa hanga investeraatti - seenaa Fatihaa Mohaammad

Fatihaa Hasan

Yeroo baay'ee dubartoonni dhiibbaa garaagaraatiin utuu hin milkaa'in hafanii jireenyi isaanii gadadoof saaxilamuun akkuma jiru kanneen onnatanii hojjetanii kaaniifillee fakkeenya ta'anis hedduudha.

Qophii keenya waa'ee dubartootaa irratti xiyyeeffatu kanaan nama Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee keessatti laga Eerer irratti hojii misooma qonnaa qaban isin biraan geenya.

Namni kun muuxannoofi mudannoo qaban nuuf qoodaniiru.

Maqaan kiyya Fatihaan Mohaamad jedhama.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileettan dhaladhe.

Wayita umuriin kiyya amata 12 warri kiyya Araba tokkotti na heerumsiisan.

Namni isaan itti na kennan kun Sa'uudii Arabiyaarraa dhufe. Maallaqa hedduudhaan deema.

Biyya isaanii amata 28 taa'eera.

Jiruu biyya Arabaa

Amata 28 keessatti yeroo lama qofan Itoophiyaa dhufe.

Amata hanga kana wayitan achi turetti waa'ee Itoophiyaa waan gaarii irraa dhagahee hin beeku.

Itoophiyaa kana beelaa fi gadadoodhaan ibsu.

Anaanillee biyya beelaarraa dhufte waan naan jedhaniif keessi kiyya hedduu na dhukkubsata.

Ani kanan beeku biyyi kiyya badhaatuu kan uumaan badhaase akka taateedha.

Biyyi kiyya irraa fi jalaan kan badhaate lalistuu kan taate qe'ee kootu ija koo dura dhufa wayita isaan hiyyummadhaan na arrabsan.

Biyya isaaniittimmoo ashawaa malee biyyeen oomishaaf tolu illee hin jiru.

Ashawaarraa bishaan ho'aa kan danfu baasanii qabbaneessanii itti fayyadaman isaan.

Biyya alaarraa biyyee bitanii oomishaaf itti fayyadamu.

Biyyi kiyyammoo bakki deemtu hunda bakka oomishaati.

Kanatu waan hundaaf ka'umsa naaf ta'e.

Maallaqa guduunfachuu

Jechoonni waa'ee Itoophiyaarratti warri Arabaa dubbatan akkan jabaadhee maallaqa walitti qabadhuuf ka'umsa naaf ta'aniiru.

Anillee kana hubadheen jireenya qananiifi bashannanaa dhiiseen maallaquma guduunfachuu eegale.

Qarshii na harka galu hundumaa hinuman awwaala.

Haala kanaan qarshii kuufadhee wayitan birrii Itoophiyaa naannoo miiliyoona 20tiin ga'adhu qalbiin kiyya gara biyyaa na yaaduu eegalte.

Wayitan maallaqa kuufadhee hojii investimentii biyya kiyyatti hojjechuuf kutadhee ka'e sanatti mootummaan Itoophiyaa namuu biyyasaatti hojjetee akka badhaadhuuf waamicha dhiyeessaa ture.

Anis carraa sanatti fayyadameen karaa Ministeera Dhimmaa Alaatiin xalayaa iyyataa waa'ee hojii investimentii gaafatu galfadhe.

Haala kanaan affeerraa mootummaa Itoophiyaatiin ALI bara 1998 galeen haala hojii mijeeffadhee deebi'e.

Gamoo ijaaruu moo uummata beela baasuu?

Bara 1999 wayitan deebi'ee biyyatti galu mootummaan hojii investimentii naannawa magaalaa Finfinneetti akkan hojjedhu naaf kennee ture.

An garuu baadiyyaan keessaa dhaladhetti jijjiirama fiduun barbaadan ture.

Uummata rakkatee jiru bishaan obaasuu, beela baasuun kaayyoo koo jalqabaa ture.

Mootummaan garuu ati dubartiidha, maallaqa guddaa baatta, asuma naannawa Finfinneetti lafaa siif kenninaa hin fagaatin naan jechaa ture.

An garuu sana dideen Baabbileetti galee hojii kana eegale. Ergasiis qaamni mootummaa haala naaf mijeesseen hojii qonnaa kana eegale jechuudha.

'Yookiin akkakoo taatu, yookiin akka keessanin ta'a'

Sanyiin an irraa dhaladhe bishaan irra ciisee dheebota, biyyee gabbataarra taa'ee beela'a, kanaaf uummata kana fayyaduun fedha jedheen mootummaatti hime.

An biyyoota Arabaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa, Masirii, Sudaan deemee muuxannoosaanii argeen jira.

Muuxannoon argadhetti fayyadamee jiruu fi jireenya uummata keenyaa jijjiiruu akkan danda'u nan amanan ture.

Wayitan jalqaba dhufe dachiin Baabbilee kun bu'aa bayii tabbaa fi boolla qilee malee homaatuu hin qabdu.

Ooyiruu xxixiqqoo namni darbee darbee boqqolloo irra facaafatu malee homaa hin turre.

Anis erga bakka naannoo laga Eerar kun naaf iyyamamee deebi'een biyya alaatii tiraaktaraa fi meeshaalee qonnaa kan biraa fudhee deebi'een itti taa'e.

Gaaraa fi qilee qotee walqixxeessee dacha bal'iinsa Ooyiruu kanatti deebisuun hojii koo jalqabaa fi akkaan dadhabsiisaa ture.

Doozarii fi gireedarii birrii miiliyoona lamaan kireeffadheen dachee kana dirree godhe.

Teeknooloojii bishaanii

Wanti haalaan garaa na nyaataa ture uummanni Baabbilee fi Hararghee Bahaa utuu lagni jala yaa'uu dheebochuu isaati.

Kanaaf ergan dachee ooyiruu walqixxeessee booda akkamiin bishaan akkan baasu itti yaaduun eegale, wayitan kana yaadu ofii kiyya qofaaf osoo hin taane ummanni bal'aan akkaataa irraa fayyadamuuni.

Namoota bishaan baasuudhaan muuxannoo qaban Sudaan irraa galcheen hojjechiisuu eegale. Uummanni sun guyyuma takkatti bishaan boolla jalaa baasuu danda'u.

Of qofaaf hojjetu osoo hin taane dargaggoota hedduus leenjisaniiru. Jalqaba uummata Sudaan teeknooloojii bishaan lafa jalaa baasuutiin muuxannoo qabaniif ministeera dhimma alaarraa iyyama baasiseefiin doolaara kaffaleefii fide.

Isa booda dargaggoota 50 walitti qabeen akkasaan leenjisan godhe.

Dargaggoonni asitti leenji'anis uummata naannoo kanaa hedduuf bishaan baasaniiru.

Haala kanaan rakkoon bishaanii naannawa Baabbilee amma furameera jechuu dandeenya.

Uummanni keenya amma yaaddoo bishaanii hin qabu.

Amma naannoo Baabbilee kana namni bishaan warri Sudaan baasan sana hin qabne hin jiruuyyu.

Anaaf uummata koo bishaan obaasuun gammachuu guddaadha.

Ijoolleen asitti warra Sudaan irraa lenjii argatte as qofa osoo hin taane akka Hararghee bal'ootti bishaan uummataaf baasaa jrti.

Anis bishaan argadheen ooyiruu kiyya bal'isee misoomsuu eegale.

Hanga ammaatti maangoo muka 5000, burtukaana 5000, paappayyaa 30,000, Zayituunaa 1000, buna 2200, sanyii mukaa shifarraa jedhamus 2000 dhaabeera.

Uummanni naannoo maal fayyadame?

Uummanni naannoo kanaa haalaan kan fayyadame bishaan qulqulluu argachuudhaani.

Ammoo nama hedduutu ooyiruu kiyya keessaa hojjetee bula.

As keessa sabaa fi sabalammoota hundatu jiru.

Hanga ammaatti namni 100 ta'u hoojeteera.

Dhaabbiidhaan ammoo nama 60-70 ta'antu ooyiruu kana keessaa hojjetanii jiraatu.

Maatii horatanii kanneen as keessa jiraatanis hedduudha.

Walumaa galatti uummanni naannoo kanaa akka ooyiruu isaaniitti irraa fayyadamu.

Keessaahuu dhalaanfaa akka fedhanitti oomishanii irraa gurguratanii akka jiraatan iyyameeraaf.

Konkolaataa hojii Pick up tokkoo fi Isuzu takka nan qaba. Sanittillee uummatumatu fayyadama.

Ani ofii konkolaataa manaa fi mana sadarkaasaa eeggate asua ooyruu kiyya keessatti ijaarradheen jiraataa jira.

Ijoolleen kiyya gurguddatanii hunduu fuudhaniimaatii qabu, biyya Sa'uudii jiru hunduu. Abbaan manaa kiyya du'eera.

Ijoolleen kiyyaafi firoonni abbaa manaa kiyyaa wayita as dhufanii ooyruu kana daawwatan ni ajaayibsiifatu.

Itoophiyaa keessa bakka akkanaa jira jedhanii of amansiisuufaa rakkatu.

Carraa fi gufuu isaan mudate

Federaala irraa hanga aanaa kanaatti caasaaleen mootummaa baay'ee na tumsaniiru.

Garuu bu'aa bayii lafa kanaa sirreessuun oomisha irratti eegaluun baay'ee na qore.

Haata'u malee caasaaleen mootummaa keessaahuu waajjirri misooma qonnaa hamilee naaf ta'uun milkaa'ina kiyyaaf sababa ta'eera.

Hojiin hanga yoonaa hojjedheef waancaa fi meedaaliyaa dabalatee badhaasa hedduu argadheera.

Buqqaatii uummataatiin walqabatee tibba jeequmsi ture ammoo hojiin keenya gufatee ture.

Garuu yeroo sanallee taatu hojiin kiyya dhaabbatee hin beeku.

Kaayyoo egeree

Ooyiruun an qabadhee jiru baay'ee bal'aadha.

Kanaafuu karoorri kiyya inni jalqabaa ooyiruu kana bakka duwwaa jiru guutuudha.

Ergan misoomsee waliin ga'ee haalaan kunuunsuudha.

Wayita inni ga'ummoo baay'inaan gabaarratti dhiyeessuun barbaada.

Boodarra ammoo asumatti warshaa dhaabee oomisha isa dhumaa gurguruun barbaada.

Bakka warshaan itti dhaabbatu hambifadheera.

Dhaamsa dubartootaaf

Waanti an jala muree dhaamuu barbaadu dubartoonni waan hunda hojjechuuf dandeettii akka qabaniidha.

Kutannoodhaan hojii tokkotti seennaan fiixaan baasuu akka danda'an nan amana.

Garuu isaan rakkoo booda dhufu yaadda'anii sodaatu.

Bor yoo kasaare maalan ta'a jedhanii dursanii sodaatu.

Osoo hojii tokko hin eegalin sodaadhaan booji'amte taanaan ammoo gonkumaa milkaa'uu hin dandeessu.

Kanaafuu dubartoonni kutannoo, ofitti amanamummaa fi ejjennoo cimaa qabaannaan bakka yaadan inuma ga'u.

Garuu akkaataa hojii beekuun ammoo murteessaadha.

Waan hojjennuu fi milkaa'ina karoora keenyaatti wantoota nu ceesisan adda baasnee beekuu qabna.

Keessaahuu shamarran keenya biyya alaa jiran bashannana achii dhiisanii waan egeree isaanii fi biyya isaaniif ta'u hojjechuuf karoorfachuu qabu.

Jireenyasaanii har'aa qofa osoo hin taane boriifillee egeree biyya kanaaf akka barbaachisan yaaduu qabu.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin kan dhiyeessudha.

Odeessa kana irratti dabalata