Aadaa Geerarsa Oromoo: Jifaara saglan geerarsaa beektuu?

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Hayyuun Seenaafi Aadaa jifaarawwan sagalan geerarsaa akkasiin ibsu.

Badhaadhina Afoolaa Afaan Oromoon ittiin beekamu keessaa tokko geerarsadha.

Geerarsi bara dhufaa darbaa kan hawaasni haala jiruufi jireenyaa isaa, gaddaafi gammachuu isaa, obsaafi hamilee isaa ittiin ibsatu.

Hayyuun seenaafi aadaa Obbo Charinnati Waaqwayyaa, geerarsi dhaadannoodha yookaan ammoo beennata jedhamee beekama jedhu.

Namni jiruufi jireenyasaa yeroo gaggeeffatu geerarsaan kan jedhan hayyuun seenaa kun, geerarsi qalbii namaa fuudhee kan deemuufi humna qabudha jechuun ibsu.

Geerarsi miira kamiyyu ni ibsa. Gammachuu, gadda, roorroofi haala namni itti jiru kan agarsiisu afoola waan baayyee of keessatti qabatudha jedhu.

Akka Obbo Charinnat jedhanitti taanaan geerarsi bakkaafi haala itti geeraramutu barbaachisa. Kana jechuun, geerarsi yoomessa mataa isaa ni qabaata jechuudha.

Inni daldalu yeroo daldalaaf deemu geeraruu danda'a. Inni [doonii] oofus, inni xiyyaara oofus bakkuma bakka isaatti haala keessa jiruufi waan hojjetu geerarsaan ibsata."

Jifaara geerarsaa sagaltu jiru

Hanga ammaatti gosa geerarsaa qorannoodhaan adda bahan sagaltu jira jedhu qorataan aadaa fi seenaa Obbo Charinnat. Kunis jifaara saglan geerarsaa jedhama jedhan.

Jifaara geerarsaa kana keessaa ka'umsa kan ta'e faarsuu jedhama. Faarsuun kun ammoo mataafi mana ofiirraa jalqaba jedhu.

Fakkeenyaaf:

Birbisa mootii mukaa

Funyoo malee yaabuuree

Abbaan ofii gooftaadha

Haati ofiisoo giiftiidhaa

Isaan malee waamuuree...kan jedhutu geerarsa faaruu ibsa jedhan.

Kana keessatti haati ga'eesheetiif geerarsaan ni faarfamti; abbaanis akkasuma.

Jiruufi jireenya keessatti geeraraan tokko mana isaa, maatii isaa, haadhaafi abbaa isaa faarsuurraa jalqaba kan jedhan Obbo Charinnat, achirraa ammoo lammii isaa faarsuun geeraruutti darba.

Kana malees, midhaanis faarsuun, loon isaas, jiruufi jireenyas faarsuu ni danda'a geeraraan tokko. "Wanti faarsan baayyeedha. Hiriyyaa isaallee faarsuu ni danda'a namni."

Jifaarri geerarsaa lamaffaan geerarsa gootaadha jedhu hayyuun seenaafi aadaa kun. Dura gooti eenyudha kan jedhuu beekamuu qaba.

Akka Oromootti goota jechuun jedhan, "Nama ummataaf dararameefi wareegamedha. Namni geerarsi gootummaan geeraramuuf kana keessatti ilaalama."

Akkas jedhee jalqaba geeraraan gootummaa:

Wayyaa koo dhuma hin oolle

Maaliifan hiddiirraa qabee

Gurra jirbii balleessa

Irruman buta malee;

Lubbuu koo du'a hin oolleef

Maaliifan diinarraa dheessa

Gurra abbaa koo balleessaa….

Akka Obbo Charinnat jedhanitti geerarsi gootummaa nama ni madaala. Oromoon waan sadii ilaaluun gootummaan faarsa--goota, arjaafi beekaadha jedhu.

Gahumsa ofii ibsachuuf waan geeraramuuf geerarsi umurii Qeerrummaa irraa jalqabee shaakalama.

"Oromoon waan hin ta'iin ta'eera hin jedhu; waan hin qabnes qaba hin jedhu. Kanaaf, kan hin jirreefi hin qabneen hin geeraramu. Kan geerartu kan ummata biratti mirkanaa'aa ta'eefi ummati kan beeku ta'uu qaba."

Jifaarri geerarsaa kan biraan, geerarsa ajjeesaadha. Akka isaan jedhanitti ajjeesaa kan jedhamu addamsituudha.

"Akka ar'aa kana namoonni kilaashiinkooviitiin arbafaa ajjeessanii sirbu miti dur. [Cuubeetiin] harkaan arba qabatee wallaansoo qabee ajjeesa. Eeeboon shaanfoo jedhamu jira, eebootiin darbatee waraanee ajjeesuun geerara."

Itti aanee kan jiru ammoo geerarsa qonnaan bulaadha jedhan. Qonnaan bulaan waa'ee omishaafi midhaan isaa geeraruu ni danda'a.

Xaafii isa dhuka sadii

Gurguraan isaa nama sadii,

Boqqolloo isa shumburaa

Lama shanan gurguraa…jechuun kan itti fufutu jira.

Geerarsi inni shanaffaan geerarsa daldalaati akka Obbo Charinnat ramadanitti. Hojiin qonnaan bulaafi daldalaan tokko miti; geerarsi isaaniillee akkasumadha.

Fakkeenyaa:

Ooshee ooshee ya bullaa

Angatoo lookoo teephaa

Waan miilanaa meeqaa

Lakkoofsa isaa situ beekaa… jedhaa geeraraa harree oofu jechuun yeedaloodhaan miidhagsanii ibsu.

Geerarsi kan biraan geerarsa cigoodha jedhu. Geerarsi cigoo kun yeroo ammaa kana gara addaa addatti uumanii waliif deebisuun walmorkachuudha ykn 'monologue' kan jedhamutti jijjiirameera.

Geerarsi cigoo kun ammaafi ammatti uumuudhaan deebii bifa cigoon geeraruu waan ta'eef bilchina kan agarsiisudhas jedhu.

"Sammuun isaanii hangam saffisaan walaloofi yeedaloo qindeessuu akka danda'udha kan agarsiisu."

Akaakuu geerarsaa kana keessatti inni tokko isa kaan arrabsa. Tokko ajjeesaa ta'ee kaan ammoo kan biraa yoo ta'u kanaan wal ciguu danda'u jechuudha.

Inni tokko takkaa yoo jedhu inni kaan ammoo ni deebisaaf.

Jifaarri geerarsi torbaffaan geerarsa roorroo jedhama. Kanaaf fakkeenya yeroo geerarsaa ibsan akkas jedhan:

Qiixxaa eelee sibiilaa

Ya irraan bukatashee

Ya jalaan gubatashee

Isa beekuuf gabbinaa

Isa hin beekneef salphinaa...

Midhaaniin midhaan nyaachuun

Raacatiin haa raawwatu

Alagaa waliin duuluun

Goobanaan haa raawwatu….

Geerarsi gosa saddetteffaa ammoo abbaltii jedhama. Akka hayyuun kun ibsanitti geerarsi abbaltii hawwii fuula duraa ibsachuuf kan geeraramudha.

Jifaarri geerarsaa saglaffaan ammoo geerasa gaabbiidha.

Akka Obbo Charinnat ibsanitti geerarsi bakka fedhetti yoo geeraramanis jifaara saglan kana jalatti ramadamu.

Cooka geerarsaa

Geerarsi akka jifaara isaatti yeroo geeraramu namoonni hirmaatan ykn dhaggeeffatan geeraraa sana jalaa ni qabu. Jalaa qabuun sun cooka jedhama.

Cookuun kun namoonni baayyatanii yeedaloo bareedaadhaan waliin ta'uun ergaa geerarsaa sanaaf deebii kan ta'u ykn kan geeraraa jiru cimsuufi kakaasuudha.

Cookuun karaa biraatiin akka sagaleen isaa jalaa hin ciccinne gargaara.

Fakkeenya cookuu hedduu Obbo Charinnat yeedaloon ibsan keessaa tokko akkas jedha:

Akka baalsasaafoomii buqqee ganna nyaatu

Akka jaalalaafoomii bukkeetti walbaatuumii

Dabalimee, geerarimee….

Geerarasaan nama nama dhaanu komachuutii hanga bulchaa cunqursu qeequutti dubbii dachaafi baaqqeen himu.

Yaada isa dubbii qaraan ibsachuu hanqatan geerarsaan labsu.

Hayyuun Fookloorii kan tahan Dr. Darajjee Fufaan ammoo geerarsi oguma waan taheef, Oromoon ittiin of himata, seenaa waan taheefi ammoo bu'aa bahii jireenyaa ittiin dubbata.

Geeraraan lafa namni walitti qabametti onneen haa dhuftuufiyyuu malee laftii hundi kan geeraraati jedhama.

Barsiisaan fookloorii dubbisnes, ''cidha, daboo, gadaa bobba'aniillee gaafa laga bulan halkan ka'anii geeraru, karaa gaafa deeman dadhabbii ittiin bahuuf, mukuu itti bahuuf ni geerama'' jedhu.

''Mallattoo eenyummaa keessaa tokko waan taheef geerarsi lafa Oromoon jiru hundumaa jira'' jedhu doktar Darajjeen.

Muffii, gadadoofi dararaa sabaa geeraraan kan garaa garaatu beeka jedhee hin hambisuu laphee dhiibbatee jecha isaa qaratee addabaabyitti dhoosa.

Oromoon geerarsa isa jagnummaa ittiin lallabu, isa hiriyyeefi jaala ittiin lellisu isa biyyaafi goota ittiin faarsu afaanumaan ilmaansaatti himee dabarsaa asiin gahee jira.

Kanaais, geerarsa keessa kuufama seenaa guddaatu jira.

Akka namoonni dhimma kanarratti qoratan jedhanitti, waltajjiin geerarsa jajjabeessu badaa waan dhufeef geerarsi qabbanaa'aa dhufeera.

Gosti geerarsaa ajjeesaa keessumaa ajjeesuun dhorkaa tahuu isaarraa kan ka'een jifaarri geerarsa ajjeesaa qabbanaa'uun ni himama.

Hayyuuwwan seenaafi aadaa akka dhaamanitti, Afoola Oromoo madda seenaafi aadaa guddaa ta'e geerarsa dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha jedhu.

Afaan qofaan dabarsuurra darbee bifa qorannoo qindaa'aa ta'een gabbisuun dhalootaaf dabarsuun itti gafatamummaa hundaadhas jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata