Wantoota ajaa'iboo saatalaayitii ilaalchisee beekuu qabnu

Yeroo saatelaayitiin hawaatti ergamu Image copyright Barcroft Media/GETTYIMAGES

Saatalaayitoonni naannoo lafaa kanarra marsan lakkoofsi isaanii meeqa ga'eera? Yeroo marsan ammoo akkamiin walitti hin bu'anii? Akkaamiin ammoo lafatti hin kufanii?

Kan Itoophiyaan Mudde 20, 2019 ergite dabalatee biyyoonni Afrikaa saatalaayitii 10 ol ta'an hawaatti erganiiru ykn erguudhaaf qophii xumuraniiru.

Saatalaayitoonni hangi guddina isaaniifi faayidaan isaan kennan garaa gara ta'uu ni mala.

Fakkeenyaaf kan Itoophiyaan furguggifte kiiloogiraama 72 kan ulfaattu yoo taatu misooma qonnaa, misooma albuudaafi haala jijjiirama qilleensaan walqabatee odeeffannoo barbaachisan erguuf kan tolfamtedha.

Kanaan alattis saatalaayitoonni tamsaasa oduufi, teleekomunikeeshiniif, interneetaafi komunikeeshiniif, hannaafi saamicha dooniiwwanirratti gaggeffamanis to'achuudhaaf gargaara.

Akka UNESCO'tti dhimma saayinsii hawaafi saatalaayitii irratti kan hojjetu akka jedhutti addunyaa kanarra saatalaayitoonni 5,000'tti siqan jiru.

Kan Itoophiyaan har'a itti dabalte kun kana keessaa tokko ta'a jechuudha.

Haata'u malee hunduu hojiirra jiru jechuun hin danda'amu.

Saatalaayitoonni hojii ala ta'an kunneen 2600 ta'u. Meeshaaleen satalaayita hin taane garuu kan hawaa keessa jiran 17,000 ta'an akka jiran Yunvarsiitii Kaalifoorniyaa Kibbaatti qorataan hawaa Deeviid Baarn ni dubbata.

Saatalaayitoonni kunneen hunduu kan argaman lafarraa hanga kiiloomeetira 35,000 fagaataniiti.

1. Hangi saatalaayitootaa hangam?

Yeroo waa'ee saatalaaytii yaadnu dura gara sammuu keenyaa kan dhufu tarii meeshaa guddaafi wantota gurguddoo ta'anirraa akka hojjetamanitti dha.

Haa ta'u malee, saatalaayitoonni hundinuu akkas miti.

Hangi isaaniis ta'e addaa addummaa ni qabaata. Amma kochoo kan geessurraa hanga otoobisii kan ga'utu jira.

2. Tajaajilli saatelaayitii maalidhaa?

Saatelaayitoonni hundinuu gara lafaatti gara galanii suura kan kaasan miti. Tajaajila gosa adda addaa kennu.

Isa keessaa tokko hojii komunikeeshiniidha. Walqunnamtii bilbilaafi rabsaa daataa kan nuti argannu karaa saatalaayitiidha.

Lafti kun maal akka fakkaattu (GPS dabalatee) kan beekuu dandeenyu saatelaayitiin waan jiruufi.

Saatalaayitoonni gosa adda addaa hawaafi pilaanetoota ittiin qorannutu jira.

Haalli qilleensa naannoo keenya jiru bor maal akka ta'u, roobuuf jiraa, aduu baasaa, duumessa qabaa kanneen jedhan kan nuti argannus suuraawwan saatalaayitii kanarraati jedhu ogeeyyonni.

Bosonni guddichi addunyaa kanaa somba addunyaati jedhamu Amaazoon ciramaa jira, biyyoonni gammoojjitti lafa nama itti dararan dhoksaan ijaaranii amanaman jiru, galaana isa kamirratti maaltu ta'e kan jedhu hordofuudhaafis faayidaan saatalaayitii olaanaadha.

TVn mana keenya teenyee ilaallu, raadiyoon bakka barbaanne teenyee dhaggeeffannu gargaarsa saatelaayitiin kan hojiirra oolanidha.

3. Saatelaayitiin akkamiin bantiirra turuu dandeessii?

Saatelaayitoonni lafa irra keessa marsaa turuu kan isaan dandeessisu saffisni isaanii akka humna harkisa lafaatiin hin butamne taasifamee waan hojjetameefi.

Saffisni isaanii akka humna harkisa lafaan hin butamnetti hin sirroofneef taanaan lafarratti ni kufu.

Kanaaf saatelaayitoonni sababa harkisa humna lafaatiif kan hin kufneef sababii saffisa isaaniitiif.

4. Umuriin saatelaayitootaa meeqadha?

Rooketoonni saatelaayitii fe'anii bakka saatelaayitii sanaaf qophaa'e geessanii kaa'u. Hanga fageenya isaaf sirrii ta'u argattuttis ji'oota itti fudahcuu danda'a. Dhuma irrattis saatelaayitiin sarara irra naanna'u qabata jechuudha.

Saatelaayitichi rookeetii isa qabatee dhaqerraa adda ba'uudhaaf saffisa inni ittiin adda ba'u waggaa dhibbaaf addunyaarra naanna'uu isa dandeessisa jedhu ogeessonni.

Saatalaayitoonni lafatti dhiyoo jiran humna harkisa lafaatti waan dhiyoo jiraniifi kanneen fagoo jiran caalaa baayyee saffisu.

Saatalaayitoonni toora irra marsan jijjiirrachuu yeroo barbaadan akka walitti hin buune taasifamuun tolfaman.

Saatalaayitiin tokko waggoota shanii hanga 15 hojiirra turuu danda'a. Umuriin saanii garuu tajaajila kennaniifi hanga boba'aa qabataniirratti hundaa'uun garaa garummaa ni qaabaata.

5. Saatelaayitoonni walitti bu'uu danda'uu?

Walitti bu'uu ni danda'u garuu kan yeroo hundaa ta'u miti. Sababiin isaas sarara isaan irra marsan addaa adda ta'uun alatti hawaan qaama baayyee bal'aa waan ta'eef akka walitti hin bune taasisa.

Kana jechuun ammoo walitti bu'insi hin jiraatu jechuu miti. Yeroo ammaa saatelaayitoota hedduu erguun yeroo yaalamaa jiru kanatti carraan walitti bu'uu isaanii zeeroodha jechuun hin danda'amu.

Bara AL I 2009 keessa saatelaayitoonni Ameerikaafi kan Raashiyaa walitti bu'anii beeku.

6. Saatelaayitoota eenyutu to'ata?

Saatelaayitoonni dhabbileedhaa, kaampaanotaan yookaan ammoo mootummaadhaan , yeroo tokko tokko ammoo abbootii qabeenyaa dhuunfaadhaan kan dhuunfatamanidha.

A L I 1967 keessa waliigaltee Awuter Ispeesiin taasifameen biyyi saatalaayitii ergee hanga tokko aangoo to'achuun akka kennamuuf kan taasifameef akka raadiyoon ittiin qunnaman wal hin sakaalleef jedhameeti.

Fakkeenyaaf Ameerikaatti abbootiin qabeenyaa tajaajila misooma hawaa kanatti bobba'uudhaaf mootummaa federaalaarraa hayyama argachuu qabu.

Sadarka addunyaatti ammoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhimma kana kan to'atu jedhama. Dhimma hawaarratti seera baasas, ni to'ata.

7. Namni kamiyyuu saatalaayitii hawaatti erguu danda'aa?

Eeyyee! har'a namni kamiyyu saatalaayitii gara hawaatti erguurra ga'eera.

Biyyoota gara garaa keessatti barattootni sadarkaa lamaffaa osoo hin hafiin saatalaayitii hojjetanii erguu yaalaa jiru.

Bara amma keessa jirru kana keessatti dhaabbileen daldalaa saatelaayitii yeroo ergaa jirani dha.

Ta'us garuu baajata ol aanaa gaafata. Kanaaf, industiriin saatelaayitaa kun dolaara biliyoonotaan tilmaamamudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata