Hospitaalli fardaa Bishooftuutti baname tajaajila baqaqsanii yaaluu kennaa jira

Hakiimota farda yaalaa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa,

Hakiimota farda yaalaa jiran.

Hospitaalli fardaa Itoophiyaatti kan jalqabaati jedhame Bishooftuutti hundeeffame fardeen dhukkubsataniif tajaajila baqaqsanii yaaluufi carallaa (x-ray) kaasuu kennaa jira.

Obbo Taaddasaa Shifarraaw Magaalaa Bishooftuutti gaarii hoofuudhaan maatiisaanii jiraachisu.

Akka isaan jedhanitti hospitaalli beelladoota kottee duudaa kun erga tajaajila kennuu eegalee fayyummaan farda isaanii waan eegameef hojii isaanii irratti fooyya'iinsa akka fideef himu.

"Maatii kiyya kanin ittiin bulchu galiin asirraa argadhuuni. Kanaafuu farda kanatu maatiikoo jiraachisa jechuudha. Soorata maatii kiyyaa, baasii dhuunfaa kiyyaa fi soorata fardichaas kanin bitu galiima asirraa argadhuuni," Jedhu.

Faayidaa hospitaalichaa dursee hubadheen irraa fayyadamaa jira kan jedhan obbo Taaddasaan, warra fardeen isaanii gara hospitaalichaa hin fidne waliin yoo madaalan, "Warri fardeen isaanii as hin fidne fardeen isaanii jalaa miidhamanii hojii isaanii sirnaan hojjechuuyyuu hin dandeenye. Hospitaalli kuni bu'aa guddaa qaba," jedhu.

Hospitaalichi beelladoota kotte duudaadhaaf tajaajila yaalaa bilisaa kennuun ammoo fedhii namootni gara hospitaalichaa beelladoota isaanii fiduuf qaban dabaleera.

"Fardi kiyya yoo dhukkubsate battaluma sanan fidee dhufa. Talaalliin ammoo waggaattii waqtii itti fidnu dursanii waan nutti himaniif akkaatuma saniin fidnee tajaajila arganna. Kanaafi horiin keenya fayyaa kan argate," jedhu Obbo Taaddasaan.

Magaalaa Bishooftuutti hojii gaarii oofuu irratti kan bobba'e Dargaggoo Alamaayyoo Mardaasas immooo 'Fardi anaaf jireenyakooti,' jedha.

"Farda kana ittiinan jiraadha, kaayyoo gara fuulduraatti qabadhe bira gahuudhaafis isumatu natajaajilaa jira." Jedha.

Fardeen gaarii oofan yeroo hedduu dhukkuboota 'cookiifi Bichee'tin miidhamu kan jedhu dargaggoon kun, erga hospitaalichi tajaajila kennuu eegalee garuu dhukkuubootni kuni wayita qabu battalumatti waan dhaqnee yaalchisnuuf fayyummaan fardeen keenya anuuf eegameera jedha.

Fardeen tajaajila gaarii harkisuu kennan umriin isaanii gabaabaa ta'us erga yaala fi hordoffii fayyaa argatanii garuu yeroo tajaajila kennan akka dheerateefis hima.

Hospitaalli beelladoota kottee duudaa Bishooftuu kuni yunvarsiitii Finfinnee jalatti dhaabbata SPANA jedhamuun ijaarame.

Hoji gaggeesituun dhaabbatichaa Dr. Haannaa Zawuduu, Itoophiyaa keessatti fardeen hamma tajaajila uummataaf kennan kunuunsaafi kabaja hin qabani jedhu.

"Fardeen geejjibaaf, oomisha qonnaa sassaabuuf, gugsisuudhaaf, gaarii harkisuudhaaf waan hedduudhaan dhala namaa tajaajilu. Haa ta'u malee biyya keenyatti fardeeniif tajaajila fayyaa gaarii kennuun hin baratamne," jedhan

Yunvarsiitii Finfinnee muummee koolleejjii fayyaa beelladootaa keessatti tajaajilli fayyaa beelladoota kotte duudaa kuni bara 2003 kennamuu eegalus yaala kana sadarkaa isaa fooyyessuun bara kana ji'a Muddee keessa gara hospitaala beelladoota kotte duudaa (Equine Hospital) guddate.

Hospitalichi waggaatti fardeen kuma jahaaf tajaajila kenna kan jedhan Dr.Haannan, tajaajila talaalliitii hanga yaala baqaqsanii yaaluutti akka kennan himu.

Fayyaa beelladoota kotte duudaa eeguurratti hubannoon hawaasni qabu fooyya'uu akka qabu dhaamu.

"Qonnaan bulaan tokko xiyyeeffannaa sa'a tokkoof godhu harree yookaan fardaaf hin kennu. Tajaajilli isaan dhala namaatii kennan guddaa ta'us 'foon isaanii hin nyaatamu' jechumaaf xiyyeefannaa dhoowwatamu. Kuni fooyya'uu qaba" jedhan.

Erga hospitaalli kuni hojii jalqabeeyis qonnaan bulaan tokko saffisa silaa osoo qotiyyoon isaa jalaa dhukkubsatee mana yaalaa geessuun fardeen gara keenya fidaa hin jirani jedhu.

Fardeen gaarii harkisan yeroodhaan gara hospitaalaa waan hin fidneef yeroo dhukkubni itti hammaatu karaarratti gatamu.

Gochi akkanaa baayyee akka isaan gaddisiisus himu Dr.Haannaan" fardeen ofiis maatiisaas ittiin jirachisaa turan kana yeroo isaan dhukkubsatanii dadhaban karaarratti gatu. Kuni baayyee nama gaddisiisa. Karaarratti yeroo gataman kan margaa fi bishaan itti kennu waan hin jireef baayyee miidhamu.

Kanaaf fardeen akkasiin gataman kunniin dararama waan turaniif qoricha kennineefii hanga dhumaatti akka boqotan goona, " jedhan.

Uummanni beelladoota kotte duudaadhaaf qixuma beelladoota foon isaani nyaatamuu xiyyeefannaa kennuu akka qabus dhaaman.