Koronaavaayirasii: "Sababa namoota koronaavayirasiin qabaman dhoksinuuf hin qabnu" - Liyaa Taaddasaa

Liyaa Taaddasaa Ministira Fayyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Lia Tadesse/Facebook

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa weerara koronaavaayirasiin wal qabatee gaaffilee ijoo gaafatamaniif kallatiin fuula 'Facebook' isaaniirratti dhiyaachuun deebii kennanii jiru.

Dhimmoota ijoo ministeerittiin deebii irratti kennan akkanaan qindeessineerra.

Namooti qabaman kan himame qofaa?

Lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniin wal qabatee 'wanti dhokfame jira, hagana qofaa?' gaaffiin jedhu akka dhiyaateef Dr Liyaan himaniiru.

Lakkoofsa jiru beekuun tarkaanfii fudhachuu qabnu waan nu akeekuuf sababni itti dhoksinu hin jiru jedhan.

"Kana jechuun namni qabame 71 qofa jechuu ta'uu dhiisuu danda'a, garuu kan nuti qorannoon amma dura barre 71," jedhan.

Lakkoofsa namoota qabamanii dhoksuun gargaarsa argachuufillee nu hin gargaaru jedhan.

Hawaasni akka of eeggatu, warra irratti argame hordofuu fi warra isaaniin qunnamti qaban adda baasuuf lakkoofsa baruun nu barbaachisa kan jedhan Dr Liyaan kanaaf qorannoo irratti fuulleffannee hojjechaa jirra jedhu.

Namooti qorataman maaf xiqqaate?

Dura gorsa WHO bu'uura godhachuun warra seenaa imalaa qabaniifi warra mallattoo vaayirasichaa qaban qofaaf qorannoon akka taasifamaa ture himu Dr Liyaan.

Kanaan alatti warri dhukkuba biroo akka daranyoo sombaa qaban caalaatti saaxilamoo waan ta'aniif isaaniif qorannoo gochaa turre jedhan.

Amma garuu haguma humni qorachuu biyyattii dabalaa adeemu sadarkaa hawaasaatti gadi buusuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Naannolee namooti koronaavaayirasiin qabaman argamanitti sakatta'iinsi manaa eegalameera jedhan.

Hojjettoonni eksiteenshinii fayyaa hojii hubannoo uumuu akkasumas, namoota mallattoo vaayirasichaa qaban ykn gara alaa imalanii turan adda baasuu bal'inaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Yeroo dhiyootti humni guyyaatti namoota hedduu qorachuu keenya daran ni dabala jedhan.

Meeshaalee of eeggannoo gahaa qabna?

Dhiyeessiin meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa hanqinni akkuma addunyaatti jira, nus hanqina qabna jedhan Dr Liyaan.

Wayita ammaa kan alaa bitaman qaraxa malee akka seenan, kan biyya keessatti omishuun danda'amu ammoo biyya keessatti omishuuf sochiin eegalamaa jiraachuu himan.

Akka fakkeenyaatti warshaaleen biiraafi sukaaraa alkoolii omishaa jiru, alkoolii kana ammoo warshaaleen biro gara sanitaayizariitti akka jijjiiran gochaa jirra jedhan.

Maaskii ogeeyyii fayyaaf barbaachisu (medical mask) biyya keessatti omishuun eegalamuus himaniiru.

Kanaan alatti biyya alaarraas bittaafi deeggarsaan galchuun keessaahuu ogeeyyiin fayyaa akka argatan sochiitti jirra jedhan.

Maaskiin duraan waggaa lamaaf fayyadamaa turree amma ji'a sadiif nu gahaa hin jiru jedhu.

Namoonni kaan maaskii huccuurraa hojjetaman fayyadamuu qabna, yoo dhabame wayyaan afaan haguuggachuun barbaachisaadha jedhan.

Dabalataan meeshaalee yaala dhibee Covid19'f barbaachisan akka oksijinii fi veentileetarii hanqinni jiraachuu kan himan ministirittiin, dabalata argachuuf hojjetamaa jira jedhan.

Oksijinii dhaabbileen omishuu danda'an dabalataan akka omishan godhamaa jira jedhan.

Veentileetaroota 400 ta'antu turani amma 120 kan ta'an dabalameera. Ammas dabalataan 400 bituuf sochiitti jirra jedhu.

Akkuma addunyaattuu hanqinni jiraachuu eeranii yeroo dhiyootti dhaabbata Chaayinaa tokkorraa hanga 200 ni arganna jenne abdanna jedhan.

Meeshaalee deeggarsaanis ta'e bittaan argaman kunneen dhaabbilee fayyaa hojii ittisa weerara kanaa hojjechaa jiraniif raabfamaa jirus jedhan.

Ariitiin waliin gahuuf yeroo hojjetamutti omishaaleen seera qabeessa hin taanes waan jiranif to'annoo gochaa jirra, uummannis of eeggannoo akka godhu waamicha dhiyeessaniiru.

Ogeeyyii fayyaa gahaa qabna?

Akkuma biyyaattuu ogeeyyii gahaa hin qabnu kan jedhan Dr Liyaan, weerarri kun ammoo ogeeyyii dabalataa nu gaafataa jira jedhan.

"Ogeeyyii qaxaraa jirra, amma dura federaalatti 600 ol naannoleetti ammoo 3000 ol qaxarree jirra," jedhu.

Tola ooltummaan ogeeyyiin 16,000 ol yeroo barbaadametti hojiitti galuuf galmaa'aniiru jedhan.

Barattoonni muummee fayyaa fi kanneen barnoota xumuranii shaakalarra jiran kanneen galmaa'an keessa jiru.

Warra kana osoo hojiitti hin galchiin dura leenjiin ni kennamaaf, hakimootnis akka hordofan taasifama jedhan.

Amma dura namootni 1300 leenjii fudhatanii waraqaan raga kennameefi jira, ammas galmeen itti fufa jedhan.

Ogeeyyii fayyaaf deeggarsi addaa jiraa?

Ministeerri Fayyaa Dhaabbata Inshuraansii Itoophiyaa waliin ta'uun hakimoota tarii osoo Covid19 wal'aanaa jiranii vaayirasichaan qabamanii lubbuun darbu yoo jiraate inshuraansii lubbuu kennuuf waliigalleerra jedhan.

Kuni osoo hojiif socho'anii ykn dhibamtoota deddeebisaa jiran balaa tasan warra miidhamanis ni dabalata.

Gama biraan ogeeyyiin fayyaa Covid19 yaalaa jiran faayidaalee adda addaa akka argatan irratti mari'ataa jirra jedhu.

Geejjiba ogeeyyii fayyaaf qofaatti qopheessuuf Finfinneetti Ministeera Geejjibaa fi Siviil Sarvisii waliin ta'uun sochiin eegalameera jedhan.

Dhukkubsataa yaalaa oolanii gara manaa galuun maatii isaanii rakkoof waan saaxiluuf, mana iddoo yeroof keessa jiraatan qopheessaa jirras jedhanii jiru.

Ogeeyyiin fayyaa yoo dhukkubsataniifi adda baafamuu kan qaban yoo ta'e, hoteelli fi hospitaalli qophaa'e jiraachuus himaniiru.

Ogeeyyiin amma dura vaayirasichaan qabaman akka hin jirreefi kanneen qorannoon taasifameef hundi bilisa ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan Covid19 akkamiin yaalaa jirti?

Gareen hakimootaa muummee fayyaa adda addaa irraa walitti bahe yaala Covid19 dursu hundaa'ee jira jedhan Dr Liyaan.

Kanaafis pirotookooliin ykn qajeelfamni ittiin dhukkubsataan Covid19 yaalamuu qabu qophaa'ee bu'uura sanaan yaaliin godhamaa jira jedhan.

Qorichoonni akka Kiloorookiini fi Azitiromaayisiin jedhaman guutummaatti ni fayyisu jedhamee saayiinsiin mirkanaa'uu baatus bu'aa gaarii argamsiisaa waan jiraniif warra akka malee dhibamaniif fayyadamuu eegallee jirra.

Qoricha aadaa Itoophiyaan qorataa jirti jedhameen wal qabatee, "qorannoon sun kan eegalee tureera, HIV fi dhukkuboota biroof kan eegalame" jedhan.

Wayita weerarri koronaavaayirasii mudatu garasitti kan xiyyeeffatame yoo ta'u, ammatti sadarkaa jalqabaa ykn 'pre clinical' darbee yaalii bineeldota irratti raawwatamutti cehee jira jedhan.

San yoo darbe gara yaala kilinikaaliitti ceha, yeroo dheeraa kan fudhatudha.

Ibsi kanaan duraa akka waan qorichi argameetti yoo hubatameera ta'e dogoggoradha jedhan.

Namni Covid19'n du'e akkamiin awwaalama?

Namni tokko Covid19'n dhibamee yoo du'e reeffi isaa akki itti qophaa'uu qabuufi akka itti sirni awwaalchaa raawwatamu qabus qajeelfamni qophaa'aa jiraachuu himan.

Sirni awwaalchaa ministeera dhimma hawaasummaa, qaamolee nageenyaa, manneen amantaafi bulchiinsa magaalotaa waliin ta'uun hojjetama kan jedhan Dr Liyaan maatiin fudhatanii awwaaluu hin danda'ani jedhan.

Bakka maatii keessaa namooti muraasni argamanitti haalli itti sirnichi raawwatu qajeelfama qophaa'aa jiruun dhiyootti ifa ta'a jedhaniiru.

Balaliin Dubaay maaf hin dhaabbatu?

Namooti vaayirasichaan qabaman hedduun isaanii Dubaay irraa kan dhufan ta'uun wal qabatee balaliin Dubaay maaliif hin dhorkamu gaaffiin jedhu akka dhiyaateef kan himan ministirittiin, balaliin Dubaayis ta'e kan guutuu UAE adda cituu isaa himaniiru.

Haa ta'u malee Sa'udii Arabiyaa fi Jabuutiin lammilee Itoophiyaa hedduu ari'aa jiru, isaan simannee adda baafne tursiisuuf dirqama qabna jedhan.

Kanaaf irra hedduu yuunivarsiitiiwwanitti dhimma bahaa jiraachuu himu.

Dabalataan dhaabbilee fayyaa namoonni keessatti yaalaman akkasumas adda baafamanii keessa tursiifaman babal'isaa jiraachuu Dr Liyaan himaniiru.

Finfinneetti galma barkumee gara iddoo yaalaatti jijjiiruuf hojjetaa jirra jedhan.

Walumaagalatti hojii hubannoo uumuu babal'isuuf marsaalee hawaasaa akkasumas raadiyoo hawaasaan afaanota adda addaan uummata bira gahuuf qophiitti jiraachuu himu.

Wayita namooti mallattoo qaban ykn shakkaman argaman haala ittiin eeruun kennamu cimsuuf toora bilbila bilisaa naannolee fi federaalaa amma jiruutti dabalataan bal'isuuf teelee waliin hojjetaa jirras jedhaniiru.