Atileet Daraaraa Mokonnin: Jireenya daandiirraa ka'ee hanga shaampiyoonaa biyyaalessaatti

Madda suuraa, Daraaraa Mokkonnon
Daraaraa Mokonnin jedhama. Bara 1988 godina Wallagga Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate. Rakkinarraa kan ka'e ijoollummaatti daandiirratti bahee jiraachuuf dirqamus, daandicharratti garuu hin hafne.
Daraaraan jiruu daandiirraa ka'ee akkamitti akka daandii milkaa'inaatti ce'e BBCtti himeera.
"Ijoolummaatti nama si qabu dhabnaan ni miidhamta. Akkawoon koo humna hin qabdu waan ta'eef daandiitti bahuun dirqama natti ta'e" jedhu taphataan teenisii minjaalaa kun.
Waggoota muraasa darbanitti kilaba isaa Baankii Daldala Itoophiyaa akkasumas Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommiilee biyya keessaa fi alaa irratti hirmaatera.
Sadarkaa biyyaatti irra deddeebiin shaampiyoonaa ta'uun injifateera. Haata'u malee, imalli inni keessa darbe ulfaataafi kan qormaatni itti baay'ate akka ta'e hima dargaggoon kun.
"Teenisii taphachuu naaf hin heeyyamamu ture. Haadhaaf abbaan koo waan hin jirreef obboleessa haadha kootii birattin guddadhe. Inni barumsa akkan baradhuf na gorsaa ture.
Haata'u malee, teenisiin waan keessa koo ture waan ta'eef dhiisuu hin dandeenye. Yeroo baay'ee nan reebama. Saantima waanin hin qabneef uuffata koo qabsiisen teenisii taphadha ture" jedha.
Taphni teenisii hawaasa biratti waan hin jajjabeeffamne ta'uusaa kan himu dargaggoo Daraaraa Mokonnin, carraa argate maratti fayyadamuun teenisii taphachaa akka ture hima.

Madda suuraa, Dargaggoo Daraaraa
Yeroo keessa dorgommiilee ispoortii sadarkaa godinaatti taasifaman irratti hirmaachuu eegale. Barri 2005 immoo kan yeroo jalqabaaf dorgommii sadarkaa godinaatti adeemsifame irratti itti hirmaate akka ta'e dubbata.
Jireenya daandii gubbaa…
Abbaa fi haadha isaa ijoollummaatti sababa du'aatiin akka dhabe kan himu dargaggoo Daraaraa Mokonnin, barnoota kutaa saddeettaffaa addaan kutuun daandiitti akka bahe hima.
"Ijoolummaatti nama si qabu dhabnaan ni miidhamta. Harmeen haadha kootis humna hin qabdu waan ta'eef daandiitti bahuun dirqama natti ta'e," jedha.
Waggoota torbaaf daandii gubbaa akka jiraateefi araadawwan garaagaraaf saaxilamee akka tures dubbata.
"Wanti ani qorumsa ta'ee natti mul'atu nama of biraa dhabuu kooti. Abbaa fi haati koo jiraachuu dhiisuu isaanitti baay'ee waanin gadduuf yeroo tokko tokko humna nan dhaba," jedha.
Imala gara kilabii Baankii Daldala Itoophiyaa…
Dargaggoo Daraaraa Mokonnin milkaa'ina dorgommiilee sadarkaa aanaa, godinaafi naannootti taasifaman irratti agarsiisaa tureen bara 2007 dorgommii manneen barnootaa sadarkaa biyyaatti naannoo Amaaraa magaala Baahirdaatitti taasifame irratti naannoo Oromiyaa bakka bu'uun hirmaate.
Dorgommii Baahirdaaritti taasifameen inni fi waahillan isaa badhaasa warqee sadiifi meetii tokko akka argatan hima.
Dargaggoon kun, bara 2008 immoo shaampiyoonaa guutuu biyyaa magaala Hawaasaatti taasifame irratti lammaffaa bahuun badhaasa meetii argate.
Dorgommii magaala Hawaasaa irrattis ogeeyyin kilaba Baankii Daldala Itoophiyaa gaafii dhiyeessaniifii gara kilabichaatti makame.

Madda suuraa, Daraaraa Mokonnin
Bara 2009 irraa eegaluunis shaampiyoonaa kilabootaa irratti hirmaachuun irra deddeebiin sadarkaa tokkoffaa bahuun kilabichaaf gumaachuu eegale.
Bara 2010 dorgommii kilaboota magaala Finfinnee akkasumas bara 2011 immoo shaampiyoonaa kilabootaa Itoophiyaa irratti taphataa urjii teenisii minjaalaa ta'uun filatameera.
Bara 2011 tapha guutuu Afriikaa biyya Morookoo magaala Raabaatitti adeemsifame irratti Itoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaate dargaggoo Daraaraa, baruma walfakkaatu kilaba isaa Baankii Daldala Itoophiyaa bakka bu'uun Naayijeriyaattis dorgomeera.
Abdiifi karoora…
"Namni kamiyyuu waan of harkaa qabun mul'achuu danda'a" kan jedhu dargaggoo Daraaraa Mokonnin gara fulduraatti tapha teenisii minjaalaan sadarkaa guddaarra akka gahu abdii qabu hima.
Kanaaf dadhabe osoo hin jedhiniifi abdii hin kutatin hojjechuun akka barbaachisu dubbata.
Kana malees barnootasaa kutaa saddeettafaatti addaan kute bara 2013ti itti deebi'uuf karoora akka qabus nutti himeera.

Viidiyoon kunis isin hawwachuu mala:
Mihirat Kadiir Tekuwaandoon beekamuun alatti jaala aadaashee heddu qabdi.